Saamraawiit Girmaatiin
Bishooftuu: Dargaggoo Zarihuun Asaffaa jiraataa Magaalaa Bishooftuu yoo ta’u, tarkaanfii marsaa lammaffaa mootummaan garee Shororkeessaa ABUT irratti fudhataa jiru ilaalchisee yaada Gaazexaa Bariisaaf kenneen, murtoo sirrii ta’uufi isaanis irra deddeebiin gaafachaa kan turan ta’uu kaasa.
“Gareen kun waggoota 27 guutuu Itoophiyaa nyaachaafi waan hin yaadamne irratti hojjetaa ture. Keessumaammoo ummata Oromoo miidhuuf shirri inni hinxaxaneefi yakki inni hinraawwanne hinturre. Ol adeemtuu karaatti hambisuun amalumasaa durii kan ta’e humni kun daa’immaniifillee otoo hiniliin umriisaanii 13, 14tti abiddatti naqaa jira. Gareen akkanaa biyyaaf yaada jedhanii yaaduun nama rakkisa. Isa kana dura gurguraterra isa gurgurachuuf deemutu caala” jedha.
Mootummaan garuu waan ummataaf yaaduuf yeroo boqonnaa kennuufin akka gara nagaatti deebi’aniif waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasisuu, humnichi garuu obsa akka sodaatti ilaaluun biyya diiguuf humnasaa sassaabbachuu eegaluu eeree, carraa kennamefitti fayyadamuu dhabuusaatiin mootummaan yeroo lammaffaaf tarkaanfii irratti fudhachuuf murteessuunsaa sirriidha; inumaayyuu kan harkifate ta’uu dubbata.
Obsa taasifame keessatti lubbuun lammiilee qulqulluu dhumaa, daa’immaniifi haadholiin ulfaa waraanaaf bobbaafamaa, jireenyi qaala’aa deemuus kaasee, kanaa booda garuu boodatti jechuu akka hinbarbaachifneefi kanaanis mootummaa cinaa hiriiruuf qophii ta’uusaa ibsa. Ummannis inni humnisaa danda’u duuluun, inni hindandeenye maallaqaafi wantoota garagaraatiin Raayyaa Ittisa Biyyaa bira akka hiriiruufi naannawasaa akka eeggatu dhaama.
Jiraattuun magaalattii biroo Aadde Tigisti Alamaayyoo gamasaaniin, obsi agarsiisa kabajaa malee soda akka hintaane kaasanii, juuntichi garuu obsa mootummaa akka sodaafi humna dhabuutti lakkaa’uun carraa kennameefitti fayyadamuu diduusaatiin tarkaanfiin marsaa lammaffaatti seenamuun waanuma ta’uu qabu akka ta’e ibsu.
“Biyyi keenya ofiisheetiif miti biyyoota ollaafillee duulanii nagaa kan kabachiisan raayyaa jabaa injifinnoon deeb’ian qabdi. Shororkeessichi garuu kanallee dagachuudhaan humna gaachanasaa turerratti haleellaa sukkanneessaa raawwate.
Kun isa ga’uu didnaan ammoo ammas ummata biyyattii fixuuf humnoota alaa of duuba hiriirsee ergama biyya diiguuf qabu fiixaan baafachuuf tattafachaa jiru. Kun garuu utuu nuti ijoolleen Itoophiyaa jirruu ta’uu waan hinqabneef RIB cinaa hiriiruun aarsaa barbaachisu manakoo qabeenyakoo, ijoolleekoo osoo hinjedhiin kanfaluuf qophiidha. RIB nuuf warqee mormaafi qubeelaa quba keenyaati” jedhu.
Maastar Teknishiyaan Mintasinoot Disaasaas jiraataadhuma Magaalaa Bishooftuu yoo ta’an isaanis miseensa raayyaa ittisaa duraanii turuu nutti himaniiru. Mootummaan yeroo qonna gannaafi sababoota birootiin walqabate ummata Tigraayiif yeroo haara galfii kennuu barbaadus shororkeessaan ABUT garuu murtoo mootummaan dhukaasa dhaabuuf dhiheessa fayyadama gochaa badiisaaniif waan oolfataniif tarkaanfii marsaa lammaffaa keessa seenamuunsaa sirriidha, kan hundi keenya barbaada turredhas jedhu.
Hojii badaasaaniis naannoodhuma saanii keessatti kan dhaabate osoo hintaane guutuun Itoophiyaa nagaa akka dhabduuf human qaban hunda fayyadamuu eegaluusaaniitiin kana caalaa callisanii ilaaluun gatii guddaa akka nama kanfalchiisuu kaasanii, ummannis kallattii mootummaan kaa’e hordofuun deggarsa barbaachisuu akka qabu, olola garee shororkeessaa ABUTf gurra osoo hinkennin silmii biyyattiitti maxxanee ishee xuuxaa ture kana ofirraa buqqisee gatuu qaba jedhu.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013