Tashoomaa Qadiidaatiin
Finfinnee: Pirojeekitiin Korporeeshinii Misooma Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Eekkaa damee shanii, dargaggoota tola ooltota aanaa lamaa wajjiin ta’uun misooma addaddaarratti hirmaachaa jiru.
Raawwachisaan Hojii Kutaa Magaalaa Eekkaa Obbo Asfaawu Takilee sirnaa haaressa mana manguddoo tokkoof Roobii darbe jalqabamerratti argamuun akka ibsanitti, haaromsi manneen dullomanii karoora baranaa keessatti qabamus manguddootaafi warreen humna hinqabnef dursa kennuun hojiin eegalamuu dubbataniiru.
Kutaa magaalichaatti, hanga yoonaa manneen 116 haareffamuusaanii eeranii, namoota harka qalleeyyii 154 waliin nyaata qooddachusaaniis addeessaniiru.
Aanicha keessattis manneen manguddootaa dulloman baay’inaan jiraatanis karoora qabameen yeroo gabaabaa keessatti manneen maanguddoota shanii hatattamaan akka hojjetamus ibsaniiru.
Magaalaa Finfinneetti, tajaajilli tola ooltummaa keessumaa yeroo gannaa wayita manneen barnootaa cufaman bal’inaan akka gaggeeffaamu eeranii, haala kanana dargaggoonni magaalichaa maanguddoota humna hinqabne gargaaruun maddiitti, biqiltuu dhaabuufi naannawaasaanii qulqulleessuun hawaasaaf tajaajila kennaa turuusaani ibsaniiru.
Akka ibsa Obbo Asfaawutti, yeroo ammaa ummanni Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa akka dhaabatuuf waamicha mootummaan taasise fudhachuun dargaggoonni Kutaa Magaalaa Eekkaa dhiigasaanii arjomuu qofarratti osoo hinmurtaa’iin garasitti duuluuf qophaa’aa jiraachuusaanii mul’isaniiru.
Maanguddoon umri 80 mannisaanii haareeffameef Aadde Dastaa Gabramaariyaam gamasaaniitiin, dhalonnisaanii Godina Shawaa Kaabaa maqaa duri Tagulatiifi Bulgaa ta’uufi daa’immumaasaaniitti Harargee deemuun raayyaa kutaa sadaffaa Ogaadeenitti makamuusaanii bsu. Achittis heerumanii waggoot amuraasa turuu eeranii, bara 1962 irraa kaasee gara Magaalaa Finfinnee dhufuun mana amma haaromaa jiru kanatti galuusaanii dubbatu.
“Umriikoo gara caalu asumattin dabarse. Dhalas hinqabu. Lammiilee kiyya wajjumaaniin gaariifi yaraas dabarse. Dawoon tiyya yeroo baay’ee natti dhimstus dawoon koo lammiileekoo ta’uun maanguddoonni akka hiriyaafi obboleetiitti, ga’eessonni akka hadhasaanii, dargaggoonni akka akkawosaaniitti na ilaaluudhaan waan qaban naaf kennaan jiraadha. Har’a ammoo mootummaan bakkan ani jiru dhufuudhaan mana koo haaromsun umriin kiyya akka dheeratu naaf gochusaatti nan galateeffadha” jedhu.
Maanajarriifi Waltaasisaan Pirojektii Konstiraakishinii Misooma Manneenii Magaalaa Finfinnee Obbo Bazzaabbih Damissees kutaalee magaalaa magaalattii keessatti manneen dullomoo kumaatamatti lakkaa’aman haaromsuuf karoorri qabamus kanneen dursi kennamuf osoo ganni kun hindhumiin raawwachuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Dargaggoonni kutaalee magaalaa Finfinnee kumaatamatti lakkaa’aman hojiiwwan tola ooltummaa adda addaarratti hirmaachuun ummatasaanii tajaajilaa jiraachuufi haalli kun yeroo gannaa qofarratti osoo hinmurtaa’iin waqtiiwwan kaanittis itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013