Biirichi maatii duultotaatiif deggersa hawaasummaa taasisaa jiraachuu ibse

 Gammachuu Kadiriin

Adaamaa: Maatii caasaa nageenyaafi raayyaa ittisa biyyaa shira shororkeessaa ABUT barbadeessuuf duulaniif tajaajila hawaasummaa kennaa kennaa jiraachuu Biiroon Hojjetaa Dhimma Hawaasummaa Oromiyaa beeksise.

Ittigaafatamtuun biirichaa, Aadde Jamiilaa Siinbiroo sagantaa qorannaa raawwiii hojii bara 2013fi marii kallattii hojii bara bara 2014 tibbana geggeeffame irratti akka jedhanitti, gochoota namtolchee shoroorkeessaa ABUTfi uumamaa akkasumas Kovid-19 dandamachuun raawwiin milkaa’ina qabu galmaa’eera.

Gochoota shiraa murni shororkeessaa ABUT biyyarratti raawwate hunda dandamachuun ergama biirichaa lammiilee harka qal’eeyyii, miidhamtoota qaamaa gargaaruu, tajaajila lammummaa bu’uu, godaansaa seeraan alaa ittiisuufi maatii caasaa nageenyaafi raayyaa ittisa biyyaaf deggersa hawaasummaa baraachisaan taasifameera.

Hojjetaan bakkawwan ramadame hundatti kutannoon dirqama hojii itti kenname bu’uun raayyaa itti biyyaa lubbuusaa kennee dirree waraanaa jiru tumsuudha jechuun dubbataniiru.

Milkaa’inni biirichaa qindoomina caasaa oggansaafi ogeessota biirichaa gaaraa haga gadiitti diriireen ta’uus ibsanii, haaluma baratameen kutannoodhaan shira shororkeessaa ABUTn utuu hindhaabbatin karoora hiixataa baafachuun milkaa’ina caaluuf hojjetaan hunduu bakka ramadametti ga’ee irraa eegamu akka ba’u waamicha taasisaniiru.

Ittigaafatamaa ittaanaan biirichaa, Obbo Baayyisaa Kumaa gamasaaniin shira shororkeessaa ABUTn raawwateen tajaajilootin dhimma hawaasummaa biirichaan kennamuuf maluu gufachiisuu hindandeenye.

Shira shororkeessaa ABUT raawwate hordofee rakkoo nageenyaa uumamuun balaan lubbuu namaa baduufi qabeenyi barbadaa’uu dandamchiisuu, gargaaruufi deebisanii dhabuu gahee hojii biiroo dhiimma hojjetaafi hawaasummaa akka ta’e eeraniiru.

Biirichi maatii milishootaa, caasalee nageenyaafi raayyaa ittisa biyyaa balaan irra ga’e barumsa akka baratan, mana jireenyaa ijaaruufiidhaan deggersa hawaasummaa barbaachisan kennaa jira jedhan.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You