Aramaa buqqisaa misooma finiinsuu

Shororkeessaa ABUT murna ummata biyyattiirratti hammeenya lakkaa’amee hindhumne raawwataa tureefi jiruudha. Murnichi ummatuma dhaabadheef jedhuufillee kan laafu akka hintaane keessumaa gochoonnisaa tibbanaa agarsiistuudha.

Aramaan qamadii maqaa dhahatu kun hidhata alaafi keessatti xaxaa turetti fayyadamuun fira fakkaatee keessumaa lammiilee kallattii kaabaatti argaman gaaga’aa jira. Dubbii keenyarratti Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) tibbana waa’ee aramaa kanarratti akkana jedhanii turan.

“Diinni nuti waraannu diina daranyoo Itoophiyaa ta’eedha. Shorokeessaa ABUT seenaa keessatti tarii garee aangoo siyaasaa argateen biyyumasaa diiguuf ittifayyadame ta’uun kan jalqabaati. Akkuma seexanni waliin jiraate dafee hinbuqqa’u jedhamu bitaafi mirgaan dhidhiitachuunsaa hinhafu. Shororkeessichi garuu haala mirkanaa’een akka deebi’ee hinbiqille ta’ee ni buqqifama.

 Kunis kan ta’u yoo hundi keenya aramaa bocichaa buqqisuuf tumsineedha. Adeemsicha keessa asittis ta’e achitti namoonni dhuunfaa dogoggoruu malu. Odeeffannoowwan yaada qoqqoodanis dhagahamuu malu. Maniidhaan tokko taanee garaagarummaan adeemsaa walfalmii uumuu danda’a ta’a.

 Waan fedhe ta’us manii keenyarraa nu hinmaqsiisu. Ijoolleen Itoophiyaa golee afranirraayyuu karoora shororkeessichaa doomsuuf ka’aniiru. Kun mataansaa injifannoodha. Ijoolleen Itoophiyaa diinnisaanii eenyu akka ta’e adda baasaniiru. Isas maal gochuu akka qaban beekaniiru. Sanas ni raawwatu”.

Egaa humnoonni tokkummaan keenya kun isaan sodaachise waan nuqoqqoodan ittifakkaate hunda ni raawwatu. Ija keenya isaanirraa kaafnee lammiilee keenyarra akka buufannu shira raawwatu. Gonkumaa kana hingoonu.

Tokkummaan amma uumne shira durii juntichaa kan diige, itti aanseemmoo abbaa shirichaa kan diigu, dhumarrattis biyya shirichi itti xaxame tokkummaadhaan kan haaressuudha.

Humni Raayyaa Ittisaa keenyaafi humnootiin naannolee bakka isaaniif malu qabachaa jiru. Sana jeequuf tuttuqaan ni jiraata. Sanaafimmoo waraana dhaabuu ofii keenya waadaa seenne kabajaa deebiin malu ni kennamaaf.

Ittidabaluunis, “Maal, maaliif, attamitti, yoomiifi eessatti maal gochuu akka qabnu karoora cimaa qabna. Bu’aasaa yeroo muraasa keessatti firris ta’e diinni ni arga. Raayyaan keenya yeroo barbaachisaa ta’etti ergama afaan nama qabachiisuuf qophaa’eera.

Akka aramaan sun buqqa’u goonee ni hojjenna. Wayita aramicha buqqifnu garuu, akka qamadiisaa hinmiine ofeeggannoo danda’amu hunda ni goona. Biyya keenyatti aramaan daboodhaan buqqa’a. Ijoolleen Itoophiyaas kana gochaa jiru” jedhan.

Kanaafis raayyaa keenyaaf dhiiga arjoomaa, manneen harka qal’eeyyii haaressaa, ashaaraa magarsiisaa keenya keewwachaa, omishtummaa qonnaa keenya dachaadhaan guddisaa, hojiilee biiroo keenyaa humnaafi yeroo dabalataa kenninee hojjechuun waan matamataatti nurraa eegamuu ol yoo gummachine, walumaagalatti misooma keenya finiinsinaa aramicha yoo buqqisne wantoonni hundi ni sirratu.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013

Recommended For You