“Itoophiyaan qorumsa amma ishee mudate injifannoodhaan ni ceeti. Itoophiyaa injifannoodhaan ceetu uwwisuuf Ashaaraa Magariisa keenya haa keewwannu. Itoophiyaa baraaruuf ni duulla; Itoophiyaa uwwisuuf ni dhaabna’n dhaamsa wayitaawaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) kaleessa dabarsaniidha.
Shororkeessaa ABUT uumamusaarraa eegalee lammiilee biyyattii hundarratti gidiraa kana hinjedhamne raawwateera. Addatti ammoo hacuuccaafi dhiibbaan murni kun ummata Oromoorratti waggoota 28n darbaniif raawwate tokkoo lama jedhamee kan lakkaa’amu miti.
Barii Finfinnee galerraa eegalee bifa qindaa’aan tarsiimessee qabsoo ummatichaa laaffisuu, adda facaasuufi bittinnessuurraa kan eegale murnichi, hayyoota Oromoofi jaarmiyaalee siyaasaasaa maqaasaatiin socho’aa turaniifi hinsochoone, abbootii qabeenya Oromoo, dargaggootaafi jaarmiyaaleen hawwaasummaa Oromoo osoo isa hinhafiin laamshessaa, ajjeessaafi barbadeessaa tureera.
Seenaa qabsoo Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba jechuun, maqaa ABO deeggartan jedhuun hedduun ajjeefamuun; kaanis eessa buuteensaanii ammayyuu kan hinbaramneefi dararaafi hidhaan hangana hinjedhamne irra qaqqabeera.
Dhiibbaan hammamuu itti jabaatus, ummanni Oromoo garuu biyya keessaafi alaan, akkasumas jaarmiyaafi dhuunfaan qabsoo hadhaawaa walirraa hincinne waggoota 27 keessatti sirna kanarratti taasiseen waanti sabaafi sablammoota biyyattiif tulluu fakkaachaa ture jigee daaraa ta’eera.
Bu’aa kanaaf kan qaqqabsiise qabsoofi humni qeerroofi qarree Oromoo, akkasumas qabsoon keessoo mootummaatii beekumsaafi tarsiimoo sirriin qabsicha hooggane yoomiyyuu kan hin dagatamne yoo ta’u, qabsoo hadhaawwaa kana keessatti uumatni Oromoo badii lubbuufi qabeenyaa hedduuf saaxilamuurra darbee madaa yoomiyyuu hindagatamne kaa’ee darbeera.
Murinichi gocha badiisaa kana ittifufuun Onkoloolessa 24 bara 2013 mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Naannoo Tigraayitti argamurratti haleellaa raawwateen ifatti waraana eegaleera.
Humna gaanfa Afrikaattuu jabaadha jedhee olola sobaan tulluurra of baase Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa waraana of eeggannoo jabaan guutameen torban sadii yeroo hincaalle keessatti injifachuun Maqalee qabatee ture.
Rakkoon jiru ammaas waraanaan qofa kan hinfuramne ta’uu kan hubate Mootummaa Itoophiyaa, Waxabajjii 20 bara 2013, ifatti labsii waraana dhaabuu gamtokkee gochuun waraana naannicha keessaa wayita baasutti humni kun ammas humna nagaa hinfeene ta’uusaa ifatti mirkaneessuun waraana ittifufus Itoophiyaan irree ilmaanshii tokkoomeetiin ashaaraa magariisaashii kaa’aa, injifataa ittifufti.
Bariissaa Adoolessa 24/2013