Natsaannat Taaddasaatiin
Finfinnee: Dur Finfinneetti lafa qonnaan bulaatu barbaadama malee qonnaan bulaaf xiyyeeffannaan kennamee hinbeeku. Finfinnee keessa qonnaan bulaan jira jedhamees yaadamaa hinturre. Duraan kan baratame qonnaan bulaa dhiibanii sababa misoomaafi invastimantiitiin lafasaarraa dhiibuufi buqqisuudha. Yeroo ammaa ykn mootummaa jijjiiramaatiin as garuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee lafa qofa osoo hintaane qonnaan bulaadhaafis xiyyeeffannaa kennee hojjechaa jira. Qonnaan bultoonni Finfinnee keessa jiraachuunis mirkanaa’aa dhufeera.
Obbo Indaalaa Waakkennee Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii, Aanaa 9tti qonnaan bulaa Ganda Koyyeeti. Akkasaan jedhanitti, duraan lafa qonnaa sangaa ja’a qaban keessaa sangaa afur sababa misoomatiin gatii hintaaneen irraa fudhatame. Yeroo ammaa garuu, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qonnaan bultoota kanaan dura laftisaanii gatii hinmalleen irraa fudhatame deebisee dhaabuudhaaf deggersa adda addaa taasisaafi jira.
Mootummaan omishaafi omishtummaa qonnaan bultoota magaalaa Finfinnee guddisuudhaaf waggaa darberraa kaasee sanyii filatamaafi xaa’oo bilisaan dhiyeessaafi sararaan akka facaasan isaan jajjabeessaa jiraachuu eeranii, barana bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qonnaan bultoota kutaa Magaalaa Aqaaqiitiif tiraaktara tokko kennuu himu. Deggersa mootummaan isaaniif taasisaa jiruun lafa xiqqaarraa omisha guddaa argachaa jiraachuus ni kaasu.
“Xiyyeeffannaa bulchiinsi magaalichaa qonnaan bultootaaf kenne baay’ee nu gammachiiseera. Ammaan booda lafti keenya seeraan ala akka nurraa hinfudhatamneef kaartaan lafa qonnaa jira. Duraan kaartaa lafa qonnaa mitii kan manaayyuu hinqabnu. Kaartaan kun lafa qonnaa keenya seeraan akka bulfannuufi qaamni biraan seeraan ala akka nurraa hinfudhatamneef nu gargaara” jedhu.
Yeroo ammaa rooba qofa fayyadamuudhaan waggaatti yeroo tokko qofa omishaa jiraachuu himanii, aanichi qabeenya bishaan lafa jalaa guddaa dhiyeenyatti waan qabuuf mootummaan bishaan lafa jalaa jallisuuf oolu akka isaaniif qotu gaafataniiru. Kun waggaatti yeroo lamaa ol akka omishaniifi jiruufi jireenyasaanii akka fooyyeffatan daran kan isaan gargaaru ta’uu dubbatu.
Mootummaan qonnaan bultoota kanaan dura lafti qonnaasaanii sababa misoomaatiin gatii hinmalleen irraa fudhatame deebisee dhaabuudhaafis hojjechaa jiraachuu himanii, qonnaan bultoota kunneen gurmeessuudhaan tajaajila liqii argatanii hojiilee horsiisa lukkuu, loowwan furdisuu, horii aannannii horsiisuurratti akka hirmaatan isaan taasisu dubbatu Qonnaan Bulaa Indaalaan. Qonnaan bultoota lafti qonnaasaanii irraa fudhatamee tureefi ijoolleensaaniitiif mana waliin jireenyaa kennamuufiis eeraniiru.
Kutaa Magaalaa Aqaaqii Aanaa 9tti Ogeessa Garee Qonnaa kan ta’an Obbo Hirphaa Badhaasaa akka jedhanitti, aanichi lafa qonnaa heektaara 696fi qonnaan bulaa 263 qaba. Qonnaan bultoota kunneeniif waggaa darberraa kaasee mootummaan sanyii filatamaafi xaa’oo bilisaan dhiyeessaafii jira. Ogeessonni qonnaas deggersa ogummaa barbaachisu taasisaafii jiraachuu himaniiru.
Bara darbe qonnaan bultoota aanichaa saddeet sanyii filatamaafi xaa’oo fayyadamuudhaan sararaan akka facaasan taasifneerra kan jedhan Obbo Hirphaan, barana ammoo qonnaan bultoota 100 waliin hojjechaa jirachuufi xiyyeeffannaa mootummaan yeroo ammaa qonnaan bultootaaf kennee kan dinqisiifatamuudha jedhu.
Aanichi bishaan lafa jalaa guddaa dhiyeenyatti argamu waan qabuuf Ministeerri Qonnaafi qaamni dhimmichi ilaallatu utuu boolla bishaanii misooma jallisiif oolu hojjetanii qonnaan bulaan waggaatti si’a lamaa ol qotuudhaan omishaafi omishtummaa isarra darbee gabaaf dhiyeessuudhaan gatii gabaa tasgabbeessuu kan danda’an ta’uus himaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013