Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Tajaajilli lammummaa Sirna Gadaa bu’uura godhachuun yaada lammiin tokko humna, beekumsa, dandeettiifi qabeenya qabu bilisaan hawaasa keessa jiraatu gargaaruuf oolchuu kan ofkeessaa qabuudha.
Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaatti Daarektarri Hirmaannaafi Sosochii Dubartootaafi Dargaggootaa Obbo Usmaan Ibraahiim Ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaaniin akka jedhanitti, tajaajilli lammuummaa dur kan qaamota muraasaa ture wayita ammaa hawaasa hunda hirmaachisuun dhimma lammiilee maraa ta’eera.
Yaadni tajaajilla lammummaa sirna Gadaa keessatti hawaasa Oromootiin daran beekamus waggoota muraasa darbanitti dagatamee ture jedhanii, hojiin wayita ammaa hojjetameen ummanni duudhaasaa duriitti deebi’uun akka miira olaanaan hirmaatu waan taasifameef gama kanaan Oromiyaan milkaa’uu himaniiru.
Bona darbe dargaggootaafi dubartoota kenna tajaajila lammummaarratti hirmaachisuun hawaasa danuu fayyadamoo taasisuun hojiin qarshii biliyoona 2.8 olitti tilmaamamu raawwatamuu beeksisaniiru.
Kenna tajaajila lammummaa daangaa ce’erratti dargaggoota hirmaachisuun hariiroo naannolee cimsuuf hojjetameera jedhanii, tajaajilichis akaakuuwwan hojii 13, mana haadholii harka qal’eeyyi ijaaruu, dhaabbii biqiltuufi arjooma dhiigaafa’irratti kan xiyyeeffate ta’uu Obbo Usmaan ibsaniiru.
Tajaajilichi kan bonaafi gannaa jedhamee kan kennamu ta’uus himanii, kan bonaarratti dargaggoota miliyoona jahaa ol, ganna kana ammoo dargagootaafi dubartoota miliyoona saddeetii ol hirmaachisuun walumaagalatti namoota 4.8 qooda fudhachaa jiraachuu beeksisaniiru.
Sagantaan gannaa erga jalqabamee torbee lama ta’uufi kanaanis bilqiltuuleen biliyoona tokkoo ol dargaggootaan dhaabamuu, dargaggootnni 3500 dhiiga arjoomuu himanii, manni haadha hiyyeessaa 456 ol ijaaramuufi tajaajilichi ciimee kan ittifufuu ta’uu ibsaniiru.
Gartokkee baay’ina ummata biyyattii kan ta’an dubartoonni tajaajila lammummaarratti hirmaannaasaanii cimsuun Oromiyaa aadaan walgargaarsaa keessatti dagaageefi rakkataan keessa hinjirre arguudha akeeka hojichaati jedhan.
Tajaajilla lammuummaa umurii, sadarkaa jireenyaafi korniyaan osoo hindaangeefamiin lammiin kamuu dhimma keessatti hirmaachuu danda’u waan ta’eef hundu waan qabuun biyyasaafi harkaqalleeyyi bira dhaabachuu akka qabu dhaamaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013