Paartii mootummaa hundeessuuf deemurraa maaltu eegama?

 Natsaannat Taaddasaatiin

 Mariin Gumii Balal marsaa 9fa har’a mataduree “Filannoo biyyaalessaa marsaa 6fafi gahee qooda fudhattootaa” jedhuun Waajjira Pirezdaantii Oromiyaatti geggeeffameera.

Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa barreeffama yaada mariiif ta’u dhiyeessuudhaan hayyuu Siyaasaafi Dinagdee Doktar Diimaa Nagawoo waliin waltajjii marichaa geggeessaniiru. Hoggantoonni mootummaa, paartiilee siyaasaafi hayyoonni gara garaa maricharratti argamaniiru.

Obbo Kabbadaa Deessisaa maricharratti akka jedhanitti, filannoon biyyaalessaa marsaa 6fa haala rakkisaafi walxaxaa keessatti adeemsifamus milkaa’inaan xumurameera. Filannoon kun milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamoleen qooda fudhattootaa (ummatni, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, paartiileen siyaasaa, taajjabdoonni, miidiyaafi qaamoleen haqaa, nageenyaafi manneen murtii) gumaacha olaanaa taasisaniiru. Paartiin biyya bulchaa jiruufi paartiileen morkattootaa yeroo gara garaatti waliin mari’achaa turuunsaaniis milkaa’ina filannochaaf gumaacha taasiseera jedhu.

Filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaan akka hin adeemsifamneefi ummatni galmaa’ee filannoorratti akka hin hirmaanneef dhiibbaawwan biyya keessaafi alaa addaa taasifamaa turuu kan himan Obbo Kabbadaan, ummatni miliyoona 37.4 dhiibbaawwaniifi sodaachisa isarra gahaa tureef harka utuu hinkennin galmaa’ee filannocharratti hirmaateera. Guyyaa filannoos qorra, bokkaafi aduu ture dandammatee hanga halkan sa’aatii 6:00tti hiriiree sagaleesaa kenneera. Filannochi haala rakkisaafi walxaxaa adda addaa keessatti adeemsifamus hirmaannaa olaanaa qooda fudhattootaatiin milkaa’inaan adeemsifameera jedhu.

Filannoo biyyaalessaa marsaa ja’affaa kanarratti paartiileen ulaagaalee barbaachisu guutan 47 irratti kan hirmaatan ta’uu himanii, isaan keessaa paartiin biyya bulchaa jiru (Paartiin Badhaadhinaa) sagalee ummataa olaanaa argachuudhaan filannocha mo’ateera. Paartiin sagalee ummataa olaanaa argatee mootummaa hundeessuuf deemu kun gaaffiilee ummataa deebisuu, nageenya biyyaafi ummataa mirkaneessuu, qaala’ina jireenyaa tasgabbeessuu, dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu, ijaarsa sirna dimokiraasii fuulduratti tarkaanfachiisuufi jijjiiramoota jalqabaman itti fufsiisuurratti cimee hojjechuu kan qabu ta’uu eeraniiru.

Hayyuu Siyaasaafi Dinagdee Doktar Diimaa Nagawoo gamasaaniitiin akka jedhanitti, paartiileen siyaasaa 47 filannoo biyyaalessaa marsaa 6farratti kan hirmaatan ta’us ummatni irra jireessaan Paartii Badhaadhinaa filateera. Paartiin sagalee ummataa olaanaadhaan filatame kun dirqama ummatniifi biyyattiin itti kennite ba’achuudhaaf jijjiiramoota waggoota sadan darban keessatti galmeessisaa tureefi hariiroofi marii ummataafi paartiilee morkattootaa waliin taasisaa ture gara fuulduraattis cimsee itti fufuu qaba jedhu.

ABOfi KFOn sababoota gara garaatiin filannoo biyyaalessaa kanarratti hirmaachuu dhabuun hanqina filannoo biyyaalessaarratti mul’ate keessaa tokko ta’uu kan himan Doktar Diimaan, qabsoon Oromoos haala mootummaafi biyyaa waliin jijjiiramuu qaba. Paartii biyya bulchus ta’e paartiileen siyaasaa dhimmoota biyyattii ceesisanirratti waliin hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Hirmaattonni marichaa akka jedhanitti, paartiin sagalee ummataa olaanaa argateee mootummaa hundeessuuf deemu (Paartiin Badhaadhinaa) nageenyaafi tasgabbii ummataafi biyyaa eeguu, rakkoolee hawaas dinagdee furuu, fedhiifi faayidaa ummataatiif dursa kennuu, waliigaltee biyyaalessaa uumuu, rakkoolee mudatan mariidhaan furuu, gaaffiilee ummataa deebisuu, rakkoo hojdhabdummaa dargaggootaa furuu, malaamaltummaa hir’isuufi rakkoo qaala’ina jireenyaafi nageenyaa furuurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu gaafataniiru.

Paartiileen morkattootaas dhimma nageenya, misoomaafi guddina biyyaarratti mootummaa biyya bulchu waliin hojjechuu akka qaban himanii, Paartiin Badhaadhinaas ummata isa filate amanamummaadhaan tajaajiluu akka qabuufi caasaalee mootummaa gara gadii ummata sirriitti tajaajilaa hinjirre sirreessuu, hoggantoota harkisaanii qulqulluu hintaaneefi ummata sirriitti hintajaajille sektaroota mootummaa keessaa qulqulleessuu kanneen haqaan hojjetaniifi ummata sirriitti tajaajilaniif ammoo beekamtii kennuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Ummataafi mootummaa gidduutti walamantaan akka uumamuuf paartiin biyya bulchu mariin ummata waliin taasisu cimsee itti fufuu akka qabu eeranii, omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuufi jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruuf mootummaan deggersa qonnaan bultootaaf taasisu cimee itti fufuu akka qabus eeraniiru.

Paartiin mootummaa hundeessuuf deemu kun faayidaa ummataafi biyyaaf dursa kennuu akka qabus yaadachiisanii, ummanni, mootummaan, paartiileen siyaasaafi hayyoonni waliin ta’anii dhimmoota ijaarsa, misoomaafi guddina biyyaarratti waliin hojjechuu qabna. Aadaan waliin mari’achuufi waliin hojjechuu keenyaas cimuu qaba. Qaamoleen hundinuu dhimma nageenyaa, misoomaafi guddina biyyaarratti waliin hojjechuu qabu jedhaniiru.

Mootummaan hirmaannaa ummanni nageenyaafi misoomaa biyyattii fmirkaneessuurratti taasisaa jiru daran cimee akka itti fufuuf hojjechuu akka qabu himanii, akkasumas caasaa mootummaa cimaa ijaaruufi aadaan rakkoolee mariidhaan furuu cimee ittifufuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You