Magaalichi qarshii miliyoona 30 ol walitti qabuuf karoorfate

 Sinqinash Alamuutiin

 Finfinnee: Magaalaan Dirre Dhawaa waancaa Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddicha Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii harka fudhateen qarshii miliyoona 30 walitti qabuuf karoorfachuu ibse.

Ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshiniifi Qindeessa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa Dirree Dhawaa Obbo Gabayyoo Wadaajoo ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaaniin akka jedhaniitti, hawaasni miira olaanaa hidhichaa xumuruuf qabutti fayyaadamuun hanga karoorfamee ol walitti qabamuu danda’a.

Wayita waancichi gara magaalichaa dhufettti qaamoleen hawaasaa hundi imannaa olaanaa taasisuu himanii, hawaasni dhiibbaa qaamoleen alaafi keessaa akka ijaarsi hidhichaa himilkoofneef wixxirfatan qolachuun waan qabuun deggarsasa ittifufuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshiniifi Qindeessaan Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Hararii Obbo Henok Mulunaas gamasaaniin, ummanni naannichaa ijaarsa hidha haaromsaa xumursiisuuf hirmaannaa olaanaa taasisuu eeran.

Naannichatti ummanni baadiyyaafi magaalaa, hojjetoonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran, abbootiin qabeenyaafi kutaaleen hawaasaa hundi bittaa boondiifi arjooma keessatti hirmaannaa olaanaa taasisuu ibsaniiru.

Waancichi ji’a shaniif naannicha turuu eeranii, bara kana rakkoolee walxaxoo hedduun biyyattii mudatanis ummanni naannichaa quuqama qaburraa ka’uun qarshii miiliyoonni 14.5 ol walitti qabamuu beeksisaniiru.

Galii walittiqabame sosochii hawaasaa gama garagaraatiin taasifame cinaatti sochiin karaa miidiiyaa hawaasaatiin taasifame olaanaa ta’uufi duubdeebiin gamasaniin argamees jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Mariin dhimma Hidha Haaromsaarratti Mana Maree Tikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin taa’ameefi murtiin irra ga’ame siyaasa Afrikaa bu’uurarraa kan jijjiireedha jedhanii, ummanni naannichaa waadaa hidhicha xumuruuf gale mirkaneessuuf hojii qabatamaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Saboonni Itoophiyaa biyya keessaafi ala jiran hundi hojiwwan ijoo qonna gannaa, tajaajila lammummaa, Ashaaraa Magariisa, Hidha Haaromsaatiif galii walittiqabuu, birmadummaa Itoophiyaa eegsisuurratti waliin dhaabachuun har’a ta’uu hubachuun barbaachisaadha jedhan, ittigaafatamtichi.

Tokkummaan hojjenne biyya Siyaas-dinagdeen badhaadhaate uumuuf qoodni lammiilee biyyattii yeroo ammaa haalan murteessaadha jedhanii, ummanni Naannoo Hararii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa milkeessuuf sochiin taasiseef galateeffataniiru. Hirmaannaa kanas hanga xumuraatti cimsee akka ittifufu gaafataniiru.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You