Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: “Bishaan lafa bulu hinbeeku, jirma guuree yaa’a” akka jedhamu san Lagni Abbayyaas waggoota dheeraaf biyyee gabbataa Itoophiyaa haree biyyoota ollaatiif geessaa ture.
Ilmaan Itoophiyaa gogiinsaafi ongeedhaan gaafa rakkatan warri bishaan Abbayyaa fayyadaman garuu ittiin misoomaa turan. Kanarraa kan ka’e lagichi qabeenyummaansaallee kan biyyoota dhangala’aa gadii Sudaaniifi Misir fakkaata. Itoophiyaanonniillee ittifayyadamuuf mirga kan qaban itti hinfakkaatu.
Baroota keessa garuu, seenaan jijjiiramuuf deema. Abbayyaan jirma osoo hintaane madda baatee tasgabbaa’ee taa’uuf bakka haara galfii qopheeffataa jira. Madda anniisaa ta’uun Itoophiyaarra darbee biyyoota Afrikaa biroo fayyaduuf xumurarra ga’aa jira. Hidhi irratti ijaaramu kun seenaa dinagdee biyyattii daran kan olkaasu waan ta’eef garuu goomataan itti baay’ateera.
Misiriifi Sudaan adeemsi ijaarsa hidha haaromsaa kun akka gufatuuf sababoota danqaa garagaraa kaasuun watwaataa turanis iyyisaanii lafatti hafee hidhichi si’a lammaffaaf bishaan guutameera. Dhimmi ijaarsa hidhichaa Mana Maree Nageenyaa Idila Addunyaatti ilaalamaa tures Gamtaa Afrikaatiin akka hiikamu murtoo argateera.
Kunneen lamaan injifannoo olaanaa ummanni tokkummaasaatiin fidateedha. Ammas ummanni deggarsa hanga dhumaatti qabuufi gammachuu itti dhaga’ame ibsachaa jira.
Aadde Shamsii Umar Alii Godina Harargee Lixaa, Aanaa Habroo jiraatu. Isaanis yaada tibbana Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, “Durumayyuu Lagni Abbayyaa madda keenya; madda keenyarratti ammoo eenyuyyuu nu falmuu hindanda’u. Qaamni kana falmus of beeka jedhee yaaduuf na rakkisa.
Ilmoo ati godhatte tokko, fidi anatu sii guddisa, mana ati ijaarratti dhufee yoon naa kenni utuun siin jedhe hinkennitu; waan ofiikeef hinqabneef jecha. Ani gaafii Misiriifi Sudaan Abbayyaan walqabate kaasan akkasittin ilaala” jedhu.
“Fuuldurattis hidhicharratti falmachaa irratti duuna. Sababnisaa nutis guddachuufi misoomuu ni feena. Bishaan keenyaan misoomanii mi’aasaa waan baraniif akkanatti bo’u jarri. Kanaa booda kabajaa ofitti godhatanii waan isaanii dhaquun biyyasaanii kunuunfachuu ni danda’u. Ilmaan isaan biyya Arabaatti dararaa as nutti ergaa jiran dhaba keenyarraa ka’uun kanneen garasaaniitti deemani. Isaaniif carraa hojii uumuufi waan ittiin jiraatan mijeessuuf Abbayyaa hidhuun sirruma. Ejennoo keenyatti fufnee marsaa lammaffaaf bishaan guutamuun isaas baay’ee nama gammachiisa” jechuun dubbatu.
Jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta’aan Obbo Baqqalaa Arfaasaas yaada nuuf kennaniin, ijaarsi hidhichaa gaafa eegalu namni hundi waan danda’e akka gumaachu kakaasaa turuusaaniifi isaanillee hanga humnasaanii si’a lama boondii bitachuu ibsu.
“Haatikoo sabbatashee keessaa qarshii 10 akka kennitu, abbaankoo re’oota gurguru keessaa tokko gurguree akka tumsuu taasiseen ture. Amma yaadni gaafasii dhugoomee marsaa lammaffaaf bishaan yommuu guutamu kan ani hingammadne eenyuutu gammadaree? Jechuun miirasaanii ibsu.
Ijaarsi hidhichaa akka gufatuuf Misiriifi Sudaan shira danda’an hunda xaxaa turuusaanii kaasanii, baandaawwan Misir biyya keessaammoo qarshii ijaarsa hidhichaaf ilmaan haadha hiyyeessaarraa guurame faayidaasaaniif oolchuun akka lafarra harkifatu taasisuusaanii dubbatu.
Dhiibbaawwan garagaraa jiraatanis akkuma warqiin abidda keessatti gubatee ba’ee harka namaarratti bareedu Abbayyis madda miidhaginaafi kabaja keenyaa ta’uuf yeroo muraasni akka isa hafu eeranii, kun akka fiixaan ba’uufis gammachuufi injifannoo amma argame of keessatti liqimsanii xiiqiidhaan hojjechuu akka barbaachisu dhaamu.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013