Saamraawiit Girmaatiin
Biyyi dargaggoota gama maraan fayyadamaa hintaasifane guddina akeekkatte bira ga’uu hindandeessu. Sababnisaa dargaggoonni humna ho’aa waa omishuufi kalaquu danda’aan waanta’eef akka motora sochooftuu dinagdeetti fudhatamu. Humna kana haalaan itti fayyadamuu dhabuun garuu badii olaanaaf biyya kan saaxilu ta’uu irratti waliigalama.
Kanaafi biyyoonni hundi karoora baafatan keessatti adda durummaadhaan dargaggoonni akka fayyadamaniifi qaama karooraa ta’aan irratti xiyeeffatanii kan hojjetan. Milkaa’inni senaa biyyoota guddataniis kanarraa kan maddedha.
Itoophiyaanis hojiiwwan siyaasaafi hawaas dinagdee keessatti dargaggoonni dammaqinaan akka hirmaataniif karoora qopheeffattee hojjetti. Naannoleenis ka’umsa karoora biyyaaleessaa fudhachuun haala qabatamaa naannoosaaniitiin fayyadamummaa kutaa hawaasaa jabaa kanaaf ni hojjetu. Oromiyaattis qooda dargaggoonni guddina naannichaa si’eessuu keessatti qaban ilaalacha keessa galchuun bara darbee hojii bal’aan hojjetameera; bara dhufuufis karoorri xiyeeffannaa isaanii kenne qabameera.
Kanas pirezdaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa, walga’ii idilee 14fa, waggaa 6fa, bara hojii 5fa Caffee torban darbe taa’amerratti miseensota caffeef ibsaniiru. Nutis gabaasaa bara 2013fi karoora bara 2014 waliigalaa isaan dhiheessan keessaa kan dargaggootaafi dubartootarratti xiyyeeffate akka maxxansaaf tolutti qindeessineerra.
Rakkoo hojii dhabdummaa bu’uurarraa hiikuuf, bara kana magaalaafi baadiyyaatti carraa hojii dhaabbii miliyoona 1.05 uumuuf karoorfamee lammilee miliyoona 1.08 (%103.2)fi carraa hojii yeroo kuma 408.7 (%204) walumaagalatti lammiilee miliyoona 1.41f carraa hojii uumuun danda’ameera.
Carraan hojii dhaabbii uumame sektaraan yommuu ilaalamu qonni %35, beeyladni %17, tajaajilli %16, albuudni %14, daldallii %11, maanufaakcharingiin %4fi akkasumas konistiraakshiniin harka sadii. Hojii sektaroota guddinaa fooyyeesuuf hojjetamaa tureen, intarpiraayizoota buleeyyii keessaa daldalaarraa 464fi tajaajilarraa 473 gara sektara maanufaakcharingiitti akka jijjiirratan taasifamuunsaa dhimma jajjabaachuu qabaatus ammayyuu gaheen maanufaakchariingii gadaanaa waan ta’eef karoora bara ittaanu keessatti dhimma xiyyeeffannaa barbaaduudha.
Bu’aa qabeessummaa sochooftota IMX dabaluuf qusannaa hawaasaa qarshii biliyoona 8.09 (%109.3)fi qusannoo dirqii qarshii miliyoona 769.8 (%146) sassaabuun waliigalaan, qarshii biliyoona 8.86 (%111) walitti qabuun danda’ameera. Bara 2013 rakkoo faayinaansii intarpiraayizoota quunnamu hiikuuf liqiin qarshii biliyoona 1.61 (%46.1) kan dhiyaate yommuu ta’u, liqii haaraa bilchaate idileefi fandii waliigalaan qarshii biliyoona 1.82 sassaabuuf kaoorfamee qarshii biliyoona 1.58 (%86) akkasumas, liqii ala bule qarshii biliyoona 1.01 sassaabuuf karoorfamee, qarshii miliyoona 427 (%42.4) walittiqabuun danda’ameera.
Gama kanaan, rakkoon bu’uuraa hubatamaa jiru liqii kenname haala barbaadamuufi yeroo barbaadamutti deebisuu dhabuu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannaafi tumsa qaama hundaa barbaaduudha. Dhiheessii maashin liiziitiin walqabatee, intarpraayizoota 185f meeshaalee kaappitalaa 538 dhiyeessuuf karoorfamee intarpiraayizoota 134(%712.4)f meeshaalee kaappitaala 414 qarshii miliyoona 79.3tti tilmaamamu dhiyeessuun danda’ameera.
Gama biraatiin, rakkoo bakka omishaafi gurgurtaa intarpiraayizoota quunnamu furuuf lafa heektaara kuma 35.5 dhiyeessuuf karoorfamee lafti heektaara kuma 47.7 (%134) kan dhiyaate yommuu ta’u, sheediiwwan haaraa kuma tokkoofi 922, sheediiwwan yeroo turmaatasaanii xumuran kuma torbaafi 874 (%96.1)fi sheediiwwan seeraan ala qabamanii turan kuma sadiifi 90 waldaalee IMXtti dabarsuun danda’ameera.
Rakkoo gabaa sochooftoota IMX quunnamu hiikuufis magaalaafi baadiyyaatti intarpiraayizoota kuma 100.3 (%52)f walitti hidhamiinsa gabaa qarshii biliyoona 13.8 (%118) argamsiisuu danda’u uumameera. Bara 2013 keessatti hojii barbaadota kuma 807.5f leenjii gaggabaaboo kennuuf karoorfamee namoonni kuma 643.3 (%80) leenjii kan fudhatan yoo ta’u, leenjifamtoota leenjii idilee xumuran kumni 42.7 mirkaneessa gahumsa ogummaa fudhatanii akka gahooman taasiisuuf karoorfamee leenjifamtootni kuma 35.1 (%82.2) xumuursiisuun, leenjifamtoota kuma 27.2 (%77.5) mirkaneessa gahumsa ogummaa fudhatan keessaa % 67 gahoomaniiru.
Intarpiraayizoota ceesisuun walqabatee, barana maayikiroo jalqabaarraa gara guddattuutti kuma 50.6 (%146), maayikiroo guddattuurraa gaheessatti kuma 23.19 (%79.9); maayikiroo gaheessaarraa xixiqqaa jalqabaatti kuma 19.38 (%75.3), xixiqqaa jalqabaa irraa xixiqqaa guddattuutti kuma 12.4 (%86), xixiqqaa guddattuurraa xixiqqaa gaheessaatti kuma ja’aafi 453 (%82.4) akkasumas xixiqqaa gaheessarraa guddattuu gaheessaatti 728 (%76.6) ceessisuun danda’ameera.
Dubartootnifi dargaggoonni sosochii dinagdeefi hawaasummaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatan gochuuf, waliigalaan namoota mil.1.56 (%93)f hubannoon kan kenname yommuu ta’u, fayyadamummaa dubartootaa guddisuuf namoota kuma 340 qusunnoo haaraarratti hirmaachisuun qarshii miliyoona 156.8 (%130.7) akka qusatan taasifameera.
Bara 2014 keessatti waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa 126 dabalataan ijaaruun waliigalaan waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraa akka naannootti jiran kuma 20fi 403 irraan gahuuf kan hojjetamu yommuu ta’u, riformiiwwan waldaaleen hojii gamtaa irratti hojjetamuun kaappitaala qarshii biliyoona1.54 dabalataan akka horatamu ni taasifama. Rakkoo gama faayinaansii baadiyaatiin jiru hiikuuf aadaa qusannaa waldaalee hojii gamtaa babal’isuun qarshii biliyoona 2.075 miseensota waldaalee hojii gamtaan kan qusatamu ta’a.
Hojiileen bara 2013 hojjetaman kunneen ciminasaaniirraa baratamaa, hanqinaalee jiranitti furmaata kennaa bara bajataa 2014ttis xiyeeffannaadhaan hojjetama.
Guddina dinagdee qulqullina qabu galmeessisuun, dargaggoonni misooma gaggeeffamurraa fayyadamaa akka ta’aniif, bara 2014tti carraan hojii jireenya lammiilee fooyyessuu bal’inaan kan uumamu ta’a.
Haaluma kanaan, bara 2014 keessatti carraa hojii dhaabbii miliyoona 1.2fi carraa hojii yeroo kuma 300 uumuun waliigalaan carraan hojii miliyoona 1.5 lammiileef ni uumama.
Hojii barbaadoonni hojiisaanitiin akka milkaa’an gochuufis paakeejiiwwan deggarsaa garagaraa ni dhiyaatu. Qusannaa sochooftota IMX irraa qarshiin miliyoona 525fi qusannaa hawaasaatiin qarshiin biliyoona 7.47 kan sassaabamu yoo ta’u, sochooftoota IMX kuma 280 intarpiraayizoota kuma 56 jalatti gurmaa’aniif liqiin qarshii biliyoona 3.5 kan mijaa’u ta’a.
Bifuma walfakkaatuun, rakkoo omishaafi gurgurtaa intarpiraayizoota quunnamu hiikuuf, sochooftota kuma 546.6 kan qaban intarpiraayizoota kuma 46.08 jalatti gurmaa’aniif lafti hektaara kuma 35.5 akkasumas sheediiwwan kuma sadiifi 300 kan mijatan yommuu ta’u, rakkoo gabaa hiikuuf walitti hidhamiinsa gabaa qarshii biliyoona 12 argamsiisuu danda’u ni uumama.
Humna namaa gahumsa qabuufi gabaa keessatti dorgomaa ta’ee dhiyeessuun caaseffama dinagdee yaadame milkeessuuf qulqullinaafi gahumsa leenjii eegsiisuun humna nama dinagdeen barbaadu horachuun sirna qorannoo fedhii gabaa hojii diriirsuun leenjii idilee gulantaa I-Vtti leenjifamtoota haaraafi buleeyyii kuma 251.2 simachuun dandeettii barbaachisaa akka gonfatan kan taasifamu yommuu ta’u, ogummaawwan 65f meeshaaleen leenjii ni qophaa’u.
Dandeettii carraa hojii uummachuufi aadaa hojii fooyyessuuf leenjiiin intarpireenarshippii qotee/horsiise bulaa, daldaltootaafi dubartootaa kuma 150f kan kennamu yommuu ta’u; sochooftonni IMX kuma 850f gahumsaafi dandeettii hojichi barbaadu akka gonfataniif leenjiiwwan gaggabaaboon ni kennamu.
Gama fayyadamummaa dinagdee dubartootaafi dargaggootaatiin walqabatee barana namoota miliyoona lama garee walgargaarsaatiin ijaaruun, qusannoowwan addaddaarraa qarshii biliyoona 1.35 qusatanii akka fayyadaman taasisuu, dubartootni humna omisha ta’an miliyoona 1.76 maddawwan liqii addaddaarraa akka argatan taasisuufi dubartoota kuma 180 garee liqiifi qusannaa keessa jiran qindoominaan gara waldaa hojii gamtaatti akka ce’an ni hojjetama.
Walumaagalatti fayyadamummaa dargaggootaas ta’e kan hawaasa maraa gama hundaan milkeessuuf karoorri mootummaa milkaa’uu kan danda’u hirmaannaa hawaasa bal’aafi kutannoo hoggansaatiin waan ta’eef hunduu tumsuu akka qabu Pirezdaanti Shimallis hubachiisaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013