Seenaa Oromoofi hubannoo dhalootaaf ta’u

Kutaa 2fa

Ummanniifi sabni tokko dhuunfaadhaanis ta’e gamtoominaan hanga tokko eessa akka jiraate dhalootaaf ibsuuf seenaasaa beekuun murteessaadha.

Kunis beekumsi dhalootaafi yeroo darbee bareeffamaanis ta’e mammaaksaan  (knowledge of the past) yoo jiraateedha.  Namni beekumsa seenaa hinqabneefi faayidaa seenaa hinbeekne quuqqaan eenyummaa (sense of identity) itti hindhaga’amu. Murtii sirrii (intelligent decision) fudhachuurraa duubattu jedha.   Murtiin  fudhatullee faayidaan ala ta’a.

Sabni ykn namni tokko waa’ee eenyummaasaa baruufis ta’e hariiroo uummatoota biraa waliin  qabaachaa tureefi jiru baruu kan danda’u yoo seenaasaa darbe beekeedha. Namni tokko dogoggora ofii sirreessee karaa dhugaa ta’etti godaanuu kan danda’u seenaa darbe yoo beekeedha.  Ta’uu baannaan badii seenaa darbe deebisee dalaga.

Jireenya ilmaan namootaa seenaa darbe keessatti kaafnee yoo ilaaluu baanne kan har’a irra jirru baruufis ta’e hubachuuf ni rakkanna.  Kaleessi yoo hinjiraanne har’i hinjiru.  Har’i yoo hinjiru ta’e immoo boru ni dhufaa jedhamee tasumaa hin yaadamu.  Kanaaf isa har’aa baruuf, kan boruu tilmaamuuf isa kaleessaa qorachuun barbachisadha.

Sochiin ummataafi seenaan  yeroo darbe godhame, cunqursaan isa humna qabuun kan humna hinqabnerratti adeemsifame, ilaalchi siyaasaa, raawwachaa ture beekumsi waa’ee artiifi aadaa, muuxannoon barnootaa, amalli namaa hundi bu’aa waan darbeeti.

Kanaaf waan ta’ee darbe tokko jalaa miliquun hindanda’amu.  Wanti  ta’e  tokko  ta’ee darbeera; har’a hinjiru. Garuu wanta inni dhiisee darbetu jira.

Haaluma kanaan seenaan Oromoo yeroo dheeraaf bifa barreeffamaan katabamee ifa akka hintaane iccitiidhaan qabamee tureera.  Kanaafis sababoota adda addaa kaasuun ni danda’ama. Kunis abbaa seenichaa kan ta’e Oromoon carraa barnootaafi aangoo siyaasaa argatee mirga afaansaatiin baratee seenaasaas  ta’e aadaasaa barreessuu hindandeenye ture.

Warri ykn Oromoonni carraa barnootaa argatanii seenaa isaanii dhugaa ta’e barreessuuf tattaaffii gochaa turan immoo gufuu guddaatu isaan qunnamaa ture. Seenaan saba tokkoos nama sabicha keessaa dhalateefi aadaasaa beekuun osoo barreeffamee wayya jennee amanna. Sababiinsaas aadaa, duudhaa, afaaniifi maalummaa sabichaa waan beekuuf.

Gama biraatiin inniyyuu dhiibbaa ilaalchota siyaasaa adda addaarraa walaba ta’ee yoo hinbarreessine dhalataa saba sanii qofa waan ta’eef seenaa dhugaafi dhugaatti dhiyaatu barreessa jechuunis hindanda’amu.Sababiinsaas warri saayinsii seenaafi ilaalcha gaarii ta’e ilmaan namaaf qaban seenaa saba fedheeyyuu yeroo barreessan of eeggannoofi xiinxallii cimaa ta’een gargaaramanii yoo barreessan komii akkasii jalaa ba’u.

Itoophiyaa keessatti sirni mootummoota walduraa duubaan darbaniis  yoo ta’e seenaa saboota cunqurfamtoo walumaagalattiifi seenaan saba Oromoo keessumaa, akka hinbarreeffamneefi ifa hintaaneef dhiibbaawwan adda addaa irraan gahaa tureera.

Kana kan taasises  aangoon siyaasa biyya kanaa yeroo dheeraaf harka warra gita bittootaafi amantiisaanii hordofanii keessa waan tureef, jarreen sunis saboota kaayyoofi amantaa isaanii hin fudhanneef seenaa yaakkaafi hamilee isaanii gadi cabsu galmeessaa turan. Bifa biraatiin ammoo olaantummaa seenaa isaaniifi aadaa isaanii ibsu bifa barreeffamaafi oduutiin dabarsaa turaniiru.

Gama biraan jaarraa 14fa-15fa keessa imaltoonni Arabootaafi Awurooppotaa kaayyoo adda addaatiif gara biyya kanaa yeroo dhufanitti seenaa saboota biyya kanaa haalli isaan ittiin galmeessaa turan yaada bilisa ta’eefi deeggarsa saayinsii seenaatiin kan qophaa’e miti.

Isaanis, kaayyoo amantii gita bittootaa babal’isuufi siyaasa biyyisaanii hordoftu galmaan ga’uuf hojii basaasummaa hojjechaa turan. Kana malees, hundeen madda odeeffannoosaanii harki caalaan kan irraa madde namoota naannawa gita bittootaarraa waan tureef seenaan isaan galmeessaa turan kan garee gita bittoota qofa kan tureefi jibba ummata Oromoorratti qaban barreessan irraa adda hinturre.

Akkasumas hordoftoonni amantii Islaamaa sheekonniifi qaadiiwwan adda addaa biyya Oromoo keessatti gurmaa’uudhaan aadaafi seenaa Oromoo busheessuun kaayyoo amantiisaanii galmaan ga’achaa kan turan ture.

Jarri kun inumaayyuu dhalootaan Oromoo kan turaniifi of walaalaniidha. Akkas yeroo jennummoo barreessitoonni biyya alaatii dhufan seenaa galmeessaa turan hundi fedhaafi kaayyoo siyaasasaanii galmaan ga’uuf qofa seenaa qoratan jechuu keenya miti. Fakkeenyaaf, Erike Haberland, namtichi jedhamuufi  Cheeruuliin odeeffannoon waa’ee seenaafi Afaan Oromoorratti qaban guutuu ta’uu baatus seenaan isaan waa’ee Oromoorratti barreessan ragaa bu’uura gaarii ta’e akka qabu barreessitoota addaadaatiin ibsameera. 

Fakkeenyaaf, afoola maanguddootaa fudhachuudhaan madda saba Oromoo bira gahuuf kan qorattoonni adda addaa ibsanirra fooyyee kan qabu yeroo ibsanitti maddi sabichaa naannawa baddaa Baaleeti jedhan.

Egaa, seenaan saboota biyya kanaa haalliifi akkaataan ittiin barreeffamaa ture maal akka fakkaatu kan armaan olitti kaafnerraa hubachuun ni danda’ama. Kana malee (I, K.Cherul. 1971) kitaba seenaa Sulxaanota Shawaa barreesse keessatti dhimma Oromoo kaasu baatu’ille jaarra 9fa keessa qubannaa mootumma Shawaa ibseera.

Seenaa gita bittootaafi dhaabbilee amantaa isaan hordofan qofarratti barreessuudhaan sabni biroo akka seenaa hinqabnetti fudhaachaafi amansiisa turaniiru. Haala kanaan Ummanni Oromoos jiraataa biyya kanaa osoo hintaane biyya kanaaf keessummaa akka ta’eefi akka lammii lammaffaatti akka ilaallamu taasifameera. 

Afaan Oromoos akka hinguddanneefi hindagaagne taasifamaa tureera.  Kana malees, Oromoon Oromummaasaa akka jibbuufi tuffatamaa akka ta’e aadaa seenaafi afaan isaatti akka saalfatu godhameera.  Kallattiidhaan maalummaafi eenyummaa sabichaa kan mul’isu hambaalee, hafteewwan aadaafi seenaansaa akka kan Oromoo hintaaneefi waan hunda gosa gita  bittootaarraa akka baratetti fudhatameera. 

Fakkeenyaaf, ummanni Oromoo horii horsiisuu qofa malee hojii qonnaa akka hinbeekneefi kanas saba ollarra akka barate dubbatamaafi barreeffamaa tureera. Kana malees falaasamni Oromoon hundee beekumsaafi guddinaaf qabu biyya kanaaf faayidaa tokko akka hinbuufnetti fudhatameera. 

Fakkeenyaaf, Sirni Gadaa bu’uura dimokraasiifi walitti dhufeenyaafi waliin jireenya sabootaaf  bu’aa (gahee) tokko akka hinqabnetti amanamaa ture. Maamiltoonni isaaniis kanuma gochaa turan. Fakkeenyaaf, namtichi ‘E. Ullendorf’  jedhamu tokko waa’ee Oromoo yeroo barreessetti Oromoon ummata qaroomina jabaa ta’e hinqabneefi garuu kan ollaa isaa kan ta’an isa caalan himu barbaada. Namni kunhojii barreessitoota gita bittaa Itoophiyaa fudhachuun akka ta’e shakkii hinqabu.

Jireenyiifi qubsumni Oromoo yeroo dheeraaf Afrikaa Kaaba Bahaa ta’uun isaafi Oromoonis ilmaan Kuush keessaa tokko akka ta’e haalame, Afriikafis  keessumaadha jechaa turan.Kana malees sabni Oromoo jaarraa 16faa keessa bifa godaansaatiin biyya alaatii dhufee biyya kana akka dhuunfatetti barreeffamni adda addaa kaa’eera. 

Seenaan Oromoos seenaa baay’ee as dhiyoo  akka ta’etti galmaa’eera.  Keessumattuu madda saba Oromoo ilaalchisee barreeffamni dhiyaachaa ture sobaan kan dhuunfatameefi firii sakatta’a qormaataatiin kan deggarame (mirkanaa’e) miti.  Jaarraa 16faa dura Oromoon biyya Itoophiyaa jedhamu kana keessa akka hinturreefi jaarraa tuqame kanatti biyya alaatii godaanee akka dhufeefi keessummaa akka ta’etti barreessaa turan, ammas barressaa jiru.

Sadarkaa mana barnootaattis sirna barnnoota keessa galchuun  ittiin barsiifamaa tureera. Kanaan osoo hindaangeffamin lammiin Oromoos Itoophiyaa akka hintaaneefi, maqaa kanayyuu akka jibbu tooftaa addaa adaatiin dhiibbaan irra gahaa tureera.  Maqaa kanaanis yeroo baay’eef dararameera.

Seenaa dhugaan garuu yaada kana hindeggaru.   Barreeffamni kunis qorannoon haaraa  adda addaa akka ifa godhanitti, inumaayyuu Oromoon qubataa duraafi damee ummata Kuush akka ta’e mul’isa. Akka jechoota kitaabolee kanaatti, jechi ‘Itoophiyaa’ jedhu jecha Giriikotaa “Aethiops” jedhurraa madde.  Hiikisaas “Biyya namoota fuulli isaanii gurraachaa yookaan gubataa jechuudha.”  Gareen yaada kana morman ‘Ioophiyaa’ jechuun biyyaa siidaan yaadannoo waaqa aduufi lafa uumee itti yaadatamuudha jedhu .

Giriikonnis biyya Misiraa dhaloota Kiristoosiin dura bara 332 hanga 30 yeroo bulchaa turanitti, biyyoota Misiri Kibbaatti argaman hundaan Itoophiyaa jedhanii akka waaman barreeffama adda addaarraa hubachuun ni danda’ama.  Ragaan amma qorattootaan ifa ta’ee jiru garuu ‘Itoophiyaa’  jechuun biyya Siidaaleen Waaqaa itti baay’atuufi itti dhugeeffatamu jechuun himu.  

Yeroo sanattis biyya Misir Kibbaa kan jiraachaa turan Saba Kuush yookaan Kuusaati. Qorattoonni Saayinsii afaaniirratti yeroo hedduuf qorannoo adeemsisaa turanis Sabni Oromoo saboota Kuush kanarraa akka foxxoqeefi damee Kuush akka ta’e irratti walii galameera.  Kuushonnimmoo akka barressaa (Biru Tsegaye) lafa Afrikaa Kaaba   Bahas keessa yeroo dheeraaf jiraachaa kan turan ta’uu ibsa. 

Kanaaf maqaan ‘Itoophiyaa’ ykn “Aethiops” jedhu kun irra caalaa kan inni bakka bu’u saba Kuush ta’uun ifa jechuudha. Garuu, amantaan Kiristaanaa bara 333(4thc A.D.) yeroo biyya kana seenee qabee maqaa kana Mootii Aksum kan ture Izaanaan   barreeffama dhagaarratti boccisiiseen Mootii Itoophiyaa jedhee akka of waameefi biyyi amma Itoophiyaa jedhamu kunsi maqaa kanaan waamamuu akka jalqabe barreeffama tokko tokkorraa hubachuun ni danda’ama.

Haa ta’u malee, giti bittootaafi warri amantii Kiristaanaa  fudhatan ummata amantaa kana hinhordofiiniifi hinfudhatin irratti maqaan kun akka isaan hinilaallanneetti sadarkaa adda addaatti bifa adda addaatiin barsiisaa turaniiru. ‘Itoophiyaa’ jechuunis akka waan Itoophiyaa Kaabaa qofa ta’eetti fudhachuudhaan mootonni gita bittaa fedhaafi kaayyoo siyaasa isaanii galmaan ga’achaa turaniiru.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You