Waaqshuum Fiqaaduutiin
Finfinnee: Biyya kanatti gaaffiin waan Oromoofi Oromummaa hanga maluun tolfachuu akka namootni tokko tokko salphisanii guyyaafi ulaagaa tarreessanii osoo hintaane qabsoo cimina gaafatu ta’uufi qaanqeen dimokraasii har’a afuurri itti baafatamu bu’aa wareegama kaleessaa ta’uu Obbo Galaasaa Dilboo hubachiisan.
Oromoo biyya kanatti sarbamumma mirgasaafi moggaatti dhiibamuu dinagdeefi siyaasaa irra ga’een yoo xiqqaate waggoota 50 oliif biyya kanatti qabsoo hadhaawaa taasiseen eenyuyyuu olitti wareegama qaalii kaffaluu ibsanii, keessattuu gaaffiin abbaa biyyummaan walqabatee aarsaan kaffalamee yoomiyyuu kan hindagatamne ta’us qaanqee dimokraasii har’a hanga tokko afuurri itti baafatamuuf wareegamni kaleessaa bu’uura ta’uu namuu akka hubatu yaadachiisaniiru.
“Gaaffii Oromoo hunduu deebi’eera yookiin goolabameera,” ilaalcha jedhu akka hin qabne kan eeran Obbo Galaasaan, ta’us garuu akka nama umurii daa’imummaatti qabsootti seeneetti wayita waan kaleessaa of duuba deebi’anii mil’ataniifi har’arra dhaabatanii ilaalan, egereen Oromoofi Oromummaa ifaa ta’uu, tokkummaan Oromoo jabaatee ciminaan gaaffiisaas dhawaataan deebisuun akka danda’amuu shakkii akka hinqabne ibsaniiru.
Har’as taanaan gaaffiin abbaa biyyummaa keessattuu waa’een Finfinnee, gaaffii afaaniifi kanneen biroo jiraachuu malu kan jedhan Obbo Galaasaan, akka dhuunfaasaaniitti gaaffiilee Oromoo kanneeniifi kan saboota biroollee deebisuuf akka malutti sochii sirna dimokraasii sabdaneessa biyya kanatti itichuuf taasifamu mootummaa ummatni filannoon gara aangootti fidu waliin akka hojjetaniifi gaaffiileen kunneen qaama tokko qofaaf kan dhiifamu waan hintaaneef namootni furmaata biroo qabanillee gahee ofii akka ba’ataniif waamicha dabarsaniiru.
Obbo Galaasaan akka jedhanitti, biyya kanatti waan Oromoofi Oromummaa gad dhaabuuf akka lammii Oromoo tokkootti marii hanga qabsoo hidhannootti carraaqqii taasisaa turan har’as gaaffiin Oromoo waan hingoolabamneef qabsoorraa soorama ba’uu hindandeenye.
Gaaffii Oromoo walxaxaadha, yaadaafi gochaan waltakaaluurra fagaatanii miira bilchinaafi qabsoo yeroon gaafatuun itti adeemuu fedha. Akka dhuunfaasaaniitti gaaffiin Oromoo nama waa’ee Oromoo qabatee ka’e hundaa ilaallata. Ammoo, waldiddaafi walriguun umrii qabsoo waan dheeressuuf garaagarummaa yaada keessatti walhubachuun barbaachisaadha.
“Tarii gaaffii Oromoo akka warraaqsaa altokkotti dho’ee furama jedhanii kan yaadan yoo jiraatan umrii qabsoo Oromoo xiinxaluu isaan gaafata,” jechuun gorsa muuxannoo kan dabarsan Obbo Galaasaan, haqni jiru garuu gaaffiin Oromoo nageenyi jiraannaan yeroo waliin kan furamu ta’uu waan darberraa hubachuusaaniifi hundaa ol garuu aadaan waldhaga’uu barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Haalli har’a biyyi keenya itti jirtu isa kaleessaarraa adda, biyya kana diiguuf dhiibbaan keessaafi alaa yeroo kamuu caalaa wayita jabaate kanatti biyya diigama oolchuuf walhutubuun barbaachisaadha kan jedhan Obbo Galaasaan, seena biyyoota sababa gargaraan diigaman wayita ilaallu, miidhama yoo ta’e malee sabni fayyadame waan hinjirreef, biyyi diigamnaan gaaffiin mirgaa haa hafuutii jiraachuunuu rakkisaa akka ta’e hubachiisaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013