Kaleen keenya faayidaa inni qaama keenyaaf qabu keessaa tokko dhiiga onnee keenya irraa madduun gara kalee keenyaa deeman erga dhimbiibee/calalee booda wantoota xuraa’aa qaama keenya keessa jiran gara alaatti dhabamsiisuuf gargaara.
Afuuffeen fincaanii keenya(bladder) fincaan kalee keessatti qophaa’an yeroodhaaf walitti qabuun yeroo miirri fincaa’uu namatti dhufu gara alaatti dhabamsiisti.
Kanaaaf kaleen keenya dhiiga qaama keenya keessaa erga dhimbiibee booda karaa ujummoo qaqalloo kaleefi afuuffee fincaanii walquunnamsiistuu keessa darbuun afuuffee fincaanii keessatti yeroodhaaf kuufamuun turu jechuudha.
Infeekshiniin kaleefi afuuffee fincaanii kan namatti dhufu baakteeriyaa ykn vaayirasiin karaa dhiigaas ta’e naannoo gogaa keenyaarraan ykn naannoo sagaraa (buubbuu) irraa ka’uun gara kuustuu fincaaniif kalee keenyatti ol seenuu irraan kan ka’e kan dhufudha.
Wantoota
infeekshinii kaleefi kuustuu fincaanii/afuuffee fincaaniif nu saaxilan:
- Fincaan yeroo dheeraaf utuu hinfincaa’iin qabatanii turuu. Namoonni baay’een sababoota garaagaraa irraan kan ka’e yommuu fincaan isaan muddu ykn qabu dafanii hinfincaa’an. Fincaanni kalee keenyaan gara alaatti dhabamsiifamu kun waan xuraa’aa taheef qaama keenya keesa turuu hinqabu. Fincaan waan xuraa’aa ta’eef baay’inaan yommuu afuuffee fincaanii keessa turu, baakteriyaawwan akka keessatti walhoran gochuun infeekshiniif nu saaxila.
- Cirracha kalee. Kunis cirrachi kun ujummoo fincaanii cufuun fincaanni akka gara alaatti hin baane gochuun fincaanni kuufamuun baakteriiyaan akka keessatti walhoree infeekshiniif nusaaxilu godha.
- Erga sagaraa bobbaatanii booda yeroo haxaawwattan ykn qulqulleeffattan dugdaduubaa gara fuulduraatti haxaawachuun baakteeriyaan sagaraa ykn udaan keessa jiru salphaadhumatti akka gara ujummoo fincaanii seenan godha. Gochi akkasii kun baay’inaan warra shammarraniifi daa’immanii huba.
- Ijoollee dhiiraaf dhaqna qabachuu dhabuun carraa infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu daran dabala. Gogaa fiixee qaama saalaa jala baakteriyaan waan baay’inaan jiraataniif, dhiironni dhaqna hinqabanne carraan infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuusaanii dachaa saddeetiin dabala.
- Yeroo ulfaas carraan infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniif qabamuu olaanaadha.
- Dhibee sukkaaraa
- Uffata jalaa ykn paantii baay’ee nama qabu ykn baay’ee ‘thight’ ta’e uffachuu
- Qulqullina naannoo buubbuufi qaama saalaa eeggachuu dhabuu, keessattuu warra shamarraniif.
Mallattoonsaa maali?
- Dhukkubbii kalee keenyaa (mudhii keenya gara walakkaa) ykn dhukkubbii handhuura keenyaan gadii (suprapubic pain)
- Gubuu qaama saalaa yeroo fincaan fincaa’an
- Fincaan dafee dafee nama jarjarsuu
- Ho’inni qaamaa dabaluu
- Nama hoqqisiisuu ykn ol nama xuquu
- Fincaan isin fincooftan diimachuu ykn foolii kennuu
- Hammi fincaanii hir’achuu fa’a
Kanaaf, mallattoowwan akkasii yoo ofirratti argitan mana yaalaa deemtanii qoratamuun qoricha isaa fudhadhaa. Sababnisaas, infeekshiniin kalee ykn afuuffee fincaanii yoo namarra ture dadhabbii kaleetiif nusaaxiluu danda’a.
Infeekshinii Tubboo fincaanii daa’immanii!
Daa’imman yeroo hedduu infeekshinii tubboo fincaaniif saaxilamoodha. Dandeettiin dhukkuba ofirraa dhorkuu isaanii kan ga’eessotaa irra gadi bu’aa waan taheef salphaatti dhibee kanaaf saaxilamu. Kana qofaa osoo hintaane daa’imman keessumaa kanneen umuriin isaanii waggaa lamaa gadi tahee mallattooo dhibeen kun irratti agarsiisu dubbachuu waan hindandeenyeef sadarkaa hamaaf saaxilamuu danda’u.
Infeekshiniin Tuubboo fincanii kan jedhamu yoo Jarmootni tuubboofi fincaan daa’immanii keessatti guddatanidha. Innis kalee, tuubboo fincaanii affuuffee fincaaniin wal qabsiistu, affuuffee fincaaniifi tuubboo affuuffee irraa hanga fiixee qaama saalaa fincaan bahu dabalata.
Infeekshiniin kun daa’imman keessatti sababii garaagaraan itti dhufa. Waggaa tokkoo gaditti dhiiratu irra caalaa hubama; waggaa tokko booda garuu warra durbaatu reeshoo 10:1 caala.
Infeekshinii kanaafis maaltu sababa taha?
1. Kittaanamuu dhabuu daa’immanii (dhiira keessatti)
2. Shaakala boobbaa qulqulleeffachuu daa’immanii (Dhalaa keessatti)
3. Goginsa garaa
4. Fincaan sa’aatii hedduu qabachuu
5. Yeroo fincaa’an osoo hin xumuriin adda muruu
6. Bishaan gahaa dhuguu dhabuu
7. Duubaa gara fuulduraatti qulqulleessuu bobbaa (dhalaa keessatti)
8. Cufamuu tuubboo fincaanii…obstructive uropathy (dhiira keessatti hedduminaan jiraatus dhalaa keessas nijira)
9. Uumamaan bana tahee uumamuu kutaa dugdaa….kuni narvoota sirna fincaanii rakkoo akka godhatan gochuun fincaan afuuffee fincaanii keessa akka turu gochuun infeekshiniif saaxila
10. Dhalaa furdoo tahan keessatti uffata jalaa isaan qabu uffatan
11. Wal qabatee uumamuu kutaa qaamaa saala gara alaa (labial adhesion) (dhalaa keessatti)
12. Afuuffeen fincaanii dalagaa ishii seeraan dalaguu dhabuu.
13. Taphaafi sababii garaagaraan kan fincaa’uu qaban yoo tursiisan( lazzy bladder syndrome)
Mallattoo akkamii qabaa?
1. Ho’ina qaamaa, hooqqisuu, hir’ina fedhii nyaataa, dhukkubbii garaa gama cinaa
2. Dhukkubbii garaa handhuuraa gadii
3. Ammaa amma fincaaniif muddamuu, gubaatii yogguu fincaa’an (daa’imni xixiqqoon ni boohu)
4. Fincaa’uuf cinqamuu
5. Bifti fincaanii jijjiiramuu
Rakkoo akkamii fiduu danda’a?
1. Madaa’uu kalee
2. Dhiibbaa dhiigaa…madaa’uu kaleetiin
3. Dadhabuu kalee
4. Malaa kuufachuu Kaleetti jijjiiramuu danda’a
5. Irra deddeebbiin infeekshinii kanaaf akka saaxilamiif sababa tahuu danda’a
6. Tuubboon fincaanii dalagaa isaa sirriitti akka hindalagne gochuun duubatti dhangala’uu fincaaniif sababa tahuu danda’a
Maaltu godhamuu qaba?
1. Gara mana yaalaa dhihoo deemanii rakkina armaan olii yoo qabaatan sodaa malee himuudha
2. Dawaa Hakiimaan kennamu seeraan kennanii xumursiisuu
3. Bishaan gahaa akka dhugan gorsuu
4. Ijoolleen dhiiraa kittaansisuu
5. Eegumsa boolii sirriitti maatiin daa’ima gorsuufi bishaaniin qulqulleessuu
6. Goginsa garaa yoo qabaatan gara mana yaalaa geessuun gorsa barbaachisu gaafachuu
7. Daa’imman yogguu fincaa’anii xumuranii akka fincaa’an gorsuu
8. Fincaaniin qabamanii akka hintursiisne gorsuu
9. Dugda isaanii irra dhiita, madaa waliin dhalatefi yeroo fincaa’an rakkoo isaan mudatu mara yeroo irratti argan dafanii mana yaalaa dhihoo geessuudha.
10. Irra deddeebbiin yoo kan qabaman tahe sababii tuubboo fincaanii sun rakkoo qabaachuu maluuf qorannoo biraa barbaachisa. Keessattuu ji’a jaha keessatti dhufnaan qorannono sirriitti barbaachisa.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013