Ergaa pirezidaantiin Gumii Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa, Sheek Haajjii Ibraahim Tufaa Arafaa ilaalchisuun dabarsan

Charinnat Hundeessaatiin

Finfinnee: Hordoftoota amanti Islaamaa hundaan baga Ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) kan bara 1442fatiin nagaafi gammachuu guutuudhaan isin gahe, nu gahe. Kan baranaa kan bara egeree dacha dachaan warra itti deebi’u Rabbi nu haa taasisu.

Ergaan ani hawaasa Musliimaatiif dabarsu, Iidiin kun kan waggaa waan ta’eef gammachuu guddaatu darba. Guyyichi olaanaa, kabajamaadha. Guyyaan Iidaal ol kabajamu hinjiru.

Guyyaa kanaan walsiisee ummanni keenya rakkataa, beela’aa, dheebotaa, daaraa, akka gargaaru, walumaagalatti harka qal’eeyyii otoo amantaadhaan addaan hinbaasiin ollaa ofii yaadachuun, dadhabaafi dadhabduu yaadachuu, jaarsaafi jaartii ollaa jirtu yaadatanii akka gargaaranin dhaama.

Gama biraatiin waan hundaaf nagaan murteessaadha. Hunduu nagaarratti waardiyyaa ta’uu qaba. Hunduu nagaaf dursa kennuu qaba. Kanarratti hunduu qaamolee nageenya kabachiisan wajjin qindoominaan hojjechuu qaba jechaa, hawaasni Musliimaa tokkummaasaa cichee eeggachuu qaba.

Haala wayitii biyya keenyaa keessumaa gara kabaatti mul’atu ilaalchisuunis, nagaan kan waliiti, kan walooti. Ati nagaan buluun yoo ollaan nagaa ta’eedha, akkuma mammaaksa Oromoo.

Ollaan keenya kan biyyaafi biyyoo, nagaafi misooma, walittiqabnu,  kan midhaaniifi bishaan tokko ta’e, kan ammoo mootummaa tokkicha walitti qabnu, nagaarratti hojjedhaa oggaa jennu dursi kanaaf kennamee ollaadhaan walkabajnee, rakkoo ollaatti uumamteef birchuun akka nagaan bu’uu qaban.

Kaabas ta’e kibba rakkoon kan walii waan ta’eef mari’annee rakkoo jiru furachuu qabna. Haqaa ollaas eeguu barbaachisa. Amma ollaatu ollaa nyaataa, waraanaafi dhiiga walii dhangalaasaa jira.  Tun tasumaa ta’uu hinqabu. Nuti hundi walii ollaadhaa. Itoophiyaanonni saboota Rabbiiti.

Waan Rabbi ittiin nu uume jijjiiruun hindanda’amu. Oromoodha, Amaara, Tigree, Somaalee, Affaar…jennee addaan walqooduu hinqabnu. Kun akka ittiin walwaamnuuf ta’e. Rabbi maqaa kana kan nutti moggaase akka ittiin walwaamnuuf malee ittiin walnyaannu, waldhiibnuufi wallolloof miti. Robbi gosa gosa godhee kan nu uume akka walbeeknuufi malee diignuuf miti. Kanaaf hunduu dhimma kana hubannoo keessa galchee walitti dhiyaachee mari’achuu qaba.

Rakkoon darbe darbeera. Kan hafeef fala barbaaduu, walitti dhiyaachuu qaba. akkuma mammaaksa Oromoo “Warri kan tareef booyaa Waaqni ammoo kan hafe dooyaa” jedhu san amma waan darbeef booyuu otoo hintaane kan hafe dandamachiisuudha.

Isa darbe deebisna jedhee kan dhama’u hijiru yoo gowwaa ta’e malee. Miira kanaa tokkummaa sabootaa, biyyaafi naannoleerratti hojjechuu barbaachisa. Ummatoonni biyya kanaa malti walkeessa jiru. Hunduu bakka hunda jira. Dhumarrattis Itoophiyaan barana waantota ijoo sadii milkeeffachuu eeranii, isaanis filannoo nagaqabeessaafi milkaa’aa geggeeffachuu, hidhi haaromsaa marsaa lammataatiif guutamaa jiraachuufi dhimmi marii hidhichaa tattaaffii Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadfaan taasisaniin gara Gamtaa Afrikaatti deebi’uu akka ta’e eeraniiru.  Kanaanis saboota biyyattii maraan baga gammaddan, milkooftan, warri hundasaatuu milkeessitan galata qabdu.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You