Ashaaraa magariisaa! Aranguwaadee Ashaaraa! ‘Ethiopian Green Legacy Initiative’! Sagantaan moggaasa maqaa “ashaaraa magariisa” jedhamu kun bara 2011 jalqabame. Waggaa sadaffaaf ittifufeera.
Bara 2011: Manii biqiltuu biliyoona afur dhaabuu. Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoon 200 dhaabuun riikardii addunyaa qabachuu.
Bara 2012: Manii biqiltuu biliyoona shan dhaabuu. Kan waggaa darbeerra biliyoona tokko dabaluu.
Bara 2013: Manii biqiltuu biliyoona jaha dhaabuu. Biliyoona tokkommoo biyyoota ollaatiif raabsuu. Sagantaan baranaa kun Caamsaa 11/2013 sirna oofiiseelaan jalqabame. Kan jalqabsiisanis Ministra Muummee Doktar Abiyyi Aimadi. Manii kana milkeessuuf duulichi akka biyyaatti ittifufeera. Duulli kun akka milkaa’uus shakkiin hinjiru. Ummanni kaayyoo kana itti amanee waan fudhateef.
Duulli moggaasa ‘magariisa’of fuuldura qabu kan kunuunsa naannwaa wajjin walqabate kun kan jalqabame ammaa miti bubbileera.
Fakkeenyaaf, Keeniyaatti Sochii Sabbata Magariisaa ( Green Belt Movement, jedhuun Piroofeesar Wangarii Maataya dhaabbata naannawa misoomsu ALA bara 1977 hundeessitee geggeessaa turteetti.
Kanaanis badhaasa addunyaa aragatteetti. Biyyoota Isiyaa kanneen akka Hindi, Indoneezhiyaa, Baangilaadeeshiifi kkf keessas tureera. Biyyoota Awurooppaa keessati Paartiin Magariisa “Green Paartii” jedhamu hundeeffamee ajandaa naannawaa kaasaa ture. Warraaqsi magariisaa “Green revolution’ jedhamullee biyyoota gargaraa keessatti adeemsisamaa ture.
Bara Darguus Itoophiyaatti dulli magariisaa (Aranguwaadee Zamachaa” jedhamu tureera. Kunniin hundi eegumsa naannawaatiif xiyyeeffanaan akka kennamuufi. Ashaaraan magariisaa biyyi keenya ammaan tana bal’inaan adeemsisaa jirtus kaayyoodhuma kanaan kan walqabateedha.
Wanta gaarii biyya kanatti aadeffatamaa dhufe keessaa tokko biqiltuu dhaabuudha. Ammuma ganni dhufu biqiltuun dhaabbachuu akka qabu namni sammuusaatti fudhateera. Barsiifata gaarii ittifufuu qabuudha. Kaayyoo gaarii deeggeramuu qabuudhas.
Dubbiitu dubbii dhala. Biqiltuu dhaabuu wajjin walqabatee Tuulama keessa barsiifati tokko jira. Namani biqiltuu kan dhaabu Adoolessa 5ti. Biqiltuun guyyaa kana dhaabbate hinbadu, ni qabata jedhama. Adoolessa 5fi biqiltuu waanwalitti fide hinbeeku. Garuu geeshoon, baargamoofi kkf kan dhaabatan guyyaa kana. Tarii amantiidhan walqabataa laata jedhee namoota gaafdhullee deebii hinarganne. Anaaf Adoolessa 5fi biqiltuu dhaabuu Tuulama keessatti maaltu walitti firoomseen gaaffiidha. Dhimmichi garuu barsiifata malee biqiltuun yeroo roobaa guyyaa kamuu dhaabate ni qabata.
Biqiltuu daboodhaan ykn duulaan dhaabuun biyya keenyatti yoom jalqabame? Namoonni tokko tokko deebii hinqaban ykn waan bara dhihoo keessa jalqabame ittifakkaata. Garuu dhimmichi kan tureedha.
Waan bara mootii Hayilasillaasee ture hinbeeku. Ummanni biqiltuu duulaan dhaabaa ture moo hinturre? Gaaffii jedhuu hubannoof jecha ragaalee saaqee dubbisuuf yaaleera. Raga hinarganne.
Ragaaleen jiran bara mootichaa bosonni haala cimaadhaan eegamuufi kunuunfamuusaati. Yeroo sana lafti kan ummataa hinturre. Kana abbaa lafaati. Kan hafe kan mootichaati. Kanaaf beekamtiifi eeyyama abbaa lafaa malee mukti takka hinmuramtu.
Ciisanyaan lafatti fayyadamaa bosona eega. Baay’inni ummataas akka ammaa kana waan hindananneef tajaajilli bosonaas muraasa ture. Kanaaf lafa biyyattii keessaa kan bosonaan aguugame guddaa ture.
Akkan ani beekuttis ta’ee akka ragaaleen ibsanitti duulliifi karoorri bosona dhaabuu bara Darguu sirriitti tureera. Bara Darguu bara labsiin lafa abbaa lafaafi mokaanintootarraa fuudhe ummataafi mootummaaf kenne baheedha.
Labsii kanaan walqabatee lafti kan qonaan bulaa ta’e. Yeroo kana bosonni abbaa dhabee garmalee manca’e. Namni qottoo qabatee gadi bahee waan arge ijaarsaaf, qoraaniif. Ijaarsaaf… maal nadhibdeedhaan sodaa tokko malee mukatti bahee mancaase. Kan akka warra abbaa lafaa miidhutti fudhatellee hindhabamu.
Dabalama baay’ina ummataa wajjin walqabatees magaalaatti geessannii gurguruun dhufe. Bara kana keessa dachii bal’oon moluu akka taate ragaan mul’isa. Kana wajjin walqabatee bosona manca’e bakka buusuuf duulan biqiltuu dhaabuun akka jalqabame, pirojektiiwwan misooma bosonaa akka Addis-bahi jedhamu akka jalqabaman odeeffannoowwan ni ragoomu.
Gama kanaan muuxannoofi mudannoo koo isiniif haa qoodu. Ani akka lammii tokkootti biqiltuu dhaabuu kanan jalqabe barataa sadarkaa tokkoffaa ta’eeni. Bara sana keessa akkuma qormaati xumurameen barattoonni biqiltuu akka dhaaban taasifama.
Qannaan bultoonnis duula kanarratti ni hirmaatu. Booda booda cimee dhimmichi dirqama ta’eera. Biqiltuuwwan bara 70ta keessa dhaabne baargamoon hanga ammaatti ummanni irraa fayyadamaa jiru nan beeka. Gaattiraawwan muramanii gurguramanis ni jiru. Lafti bara sana keessa bosonaaf dhorgame hanga ammaa kan jiru quban qaba.
Duulli biqiltuu dhaabuu bara sirna Wayyaanee keessas bal’inaan hojjatamaa ture. Ajandaa gaarren misoomsuu jedhuun hojiiwwan gaggaariin hojjatamaniiru. Hojii akkanaa kanaan aanaaleen Harargee Lixaa keessa jiran kanneen akka Aanaa Masalaa fakkeenya gaariin eeramanii muuxannoon akka biyyaatti irraa fudhatamaa tureera.
Bara mootummaa haaromsaa kana keessammoo duulli kun ciminaan ittifufeera. Hojiiwwan ajaa’iba jedhamanillee hojjatamaniiru. Kanaaf, biqiltuu duulaan dhaabuun kan har’a jalqabame miti, kan borus dhaabbatu miti. Waanta dhaaloonni itti fufsiisuu qabuudha. Kanaafi, kan dhaloonni ammaa kaayyoo eebbifamaa kana milkeessuuf bal’inaan sagantaa kanarratti kan hirmaatuuf.
Riikardii Hindii cabsuu: Akka ragaaleen mul’isanitti addunyaarratti guyyaa tokkotti biyyi biqiltuu miliyoona dhibba tokko dhaabde Hindi jedhama. Kanaanis kitaaba addunyaa seenaaniifi gochaawwan raajii ta’an irratti galmaa’an “Genus Book of World records” jedhamurratti akka galmoofte himama. Hindi baay’ina ummataa biliyoona tokkoo ol qabdi.
Kanaanis addunyaarraa lammaffaadha. Namoota kanneen hunda keessaa harki 1/10 biqiltuu yoo dhaabe riikarddii kana galmeessuun ni danda’ama. Xoobbiyaan bara 2011 akka waliigalaatti ummata miliyoona 100 gadi guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 200 dhaabudhaan riikardii kana cabsuuf karoorfate.
Biyyoonni shakkan ni jiru. Garuu duula kanatti ummanni fedhiin makame. Guyyaa tokkotti biqiltoo miliyoon 350 dhaabuun hojiin ajaa’ibaa hojjatame. Barana Oromiyaa qofti riikardii kana akka cabse himameera. Hojiin hojjatameera. Addunyaan ragaa kana fudhattee kitaabicharratti galmeessiteefi dhiistee ragaa hinqabu. Kan hiyyeessaa al tokko tokko lasha godhamee bira tarama. Anaaf galmaa’uufi dhiisuun waan biraati. Garuu biqiltuuwwan dhaabbatan sun lammiif ashaaraadha, biyya fayyadu, hawaasaaf faayidaalee adda addaa argamsiisu.
Waggaa darbes saganataan ashaara magariisaa kana bara duraarra caalee itti fufeera. Bara kanas haala kallattii mootummaan kenneen biqiltuu dhaabuun ittifufeera. Eddii sagantichi jalqabamee ji’a lama lakkoobsiseera.
Torbee kana keessa naannolee heddutti sagantichi bal’inaan ittifufeera, naannawa waraanni jirutti milaanmilchamullee. Akka Oromiyaatti sagantaan guddaan guyyaa tokkotti biqiltuuwwan kuma 350 dhaabuu jedhame Kibxata tare adeemsisameera. Guyyaa sagantaa kanattis biqiltuuwwan 392 (karooraa ol) akka dhaabbatan ragaaleen mirkaneessaniiru. Kunimmoo hojii Oromiyaa magariituu irra deebi’anii magariisa itti uwwisuuf hojjatameedha.
Sagantaan kun, akka ilaalcha kootti, Oromiyaa sababoota adda addaatiin qilleensa summaa’aan faalamaa jirtu baraaruuf sagantaa adeemsisamuudha. Akka carraa ta’ee manca’inni bosonaa kan bal’inaan raawwatamu Oromiyaa keessatti.
Babal’ina industiriifi warshaalee wajjin walqabatee faalamni qilleensaa naannoo kana keessa jiru keessattuu naannawa magaalota guguddaafi xixiqqaa kan garmalee nama yaachisuudha. Kanaaf haala kanaan walitti babbahanii biqiltuu dhaabuun qilleensa naannawa kanaa baraaruuf ni gargaara. Kana malees haala qilleensaafi baayoo daayivarsiitii naannawa kanaa eeguuf tumsa guddaa qaba.
Hojiin madaallii haala qilleensaa eeguu fedhii murna, nama dhuunfaa ykn jaarmiyaalee siyaasaatiin kan daangeffamu miti. Madaallii qilleensa naannawaa eeguu jechuun ofii qofa osoo hintaane dhaloota bara baraan dhufuuf akka yaadutitti fudhatama.
Kanaaf qaamni kamuu hojii biqiltuu dhaabuutiif yoo waamicha dhiheesse waamicha sana fudhatanii hojiitti hiikuun yaaduma sirrii ta’eedha. Anaaf mootummaa dhiisii seexanniyyuu waan gaarii kanaaf osoo yaamicha taasisee baheen biqiltuu dhaaba.
Kanaafis lammiin kamuu duula kanarratti hirmaachuun biqiltuu dhaabuu qaba. Murna waamicha kana dabarserraa yoo mufaatii qabaannellee, biqiltuu dhaabuufi murna kana wanti walitti fidu hinjiru.
Tarii bu’aa siyaasaa irraa argatan jedhamuu mala. Yoo kun bu’aa siyaasaa kan argamsiisu ta’e qabxii barbaachisu haa argatu. Biqiltuuwwan dhaabbatan hunda fayyadu. Qilleensa qulqulluu irraa argamu dhandhamachuu eenyuu nama dhorkuu hindanda’u. Bu’aa biyyaatiif ammas yeroo gannaa kana hojii gaarii hunda hirmaachisaa bal’inaan ittifufuun barbaachisaadha.
Wanti dagatamuu hinqabne biqiltuu dhaabanii biraa galuu qofti hingahu. Kunuunsi barbaachisaadha. Jala qotuun, bishaan obaasuun, namniifi horiin akka hinballeessine gochuun baqiltuuwwan kunneen guddatanii akka tajaajila kennan taasisa. Akkuma daabuuf xiyyeeffannaan kennamu kunuunsuufis xiyyeeffannaa gahaan kennamuu qaba. Akeeki biqiltuu dhaabus yoos milkaa’
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013