Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: Biiroon Misooma Magaalaa Manneenii Oromiyaa rakkoo mana jireenyaa magaalotatti mul’atu furuuf barana Caffeetti labsii kan raggaasisee ture yoo ta’u, kunis uwwisa seeraa akka argatuuf danbiin qophaa’aa jiraachuu ibse.
Hogganaan biirichaa Obbo Jamaal Kadir ibsa tibbana Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin haalli kenniinsa lafa mana ijaarsaa duraan ture rakkoo bulchiinsa gaariif kan saaxilame akkasumas hojiin ijaarsa seeraan alaa kan itti babal’ate turuu kaasanii, kanarraa ka’uun bu’uura seeraan akka hogganamuuf danbiin qophaa’aa jiraachuu ibsu.
Kana malees adeemsisaa namoota mana ijaarratan kan hinjajjabeessine ta’uu eeranii, namni tokko kaartaafi pilaaniin kan kennamuuf waggoota 10 keessatti akka ture himu. Danbii amma qophaa’aa jiruun garuu namni mana ijaarratu tokko ijaarsa manichaa %50 yoo xumure kaartaafi pilaaniin kan kennamu ta’uu addeessaniiru.
Gama biraatiin bara bajataa 2013tti pirojektonni kuma sadiifi 647 qarshii biliyoona 5.1 oliin hirmaannaa ummataafi mootummaatiin hojjetamuu hogganichi ibsanii, pirojektoota hojjetaman keessaa kuma lamaafi 764 kan ta’an baasii qarshii biliyoona tokkoo oliin hirmaannaa ummataatiin ijaaraman. Pirojektonni kuma tokkoofi 409 ammoo baasii qarshii biliyoona 3.8 mootummaafi dhaabbilee deggartootaan hojjetamanii tajaajilaaf ooluusaanii himaniiru.
Kana malees hojii insheetivii hojjetameen magaaloonni Oromiyaa bu’uuraaleen misoomaa ijaaramuufiin alatti hawwatoo akka ta’aaniif hojii bal’aan hojjetamuu eeranii, gama kanaanis paarkiwwan magaalaa 12 ijaaruuf karoorfamee lafa heektaara 67 irratti paarkiiwwan 23 baasii qarshii miliyoona 160 ta’uun hojjetamuu ibsu. Gama kanaan hojii Magaalaan Jimmaa, Adaamaa, Bishooftuu, Galaan, Dukamiifi kanneen biroo hojjetan akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Qonna Magaalaatiin walqabatees magaalaafi bakkeewwan daangaa magaalaa jiranitti lafa heektara 398 kuduruufi muduraan dhaabamuufi kanarraas galiin qarshii miliyoona 38fi 964 aragamuufi abbootiin warraa 322 fayyadamoo ta’uu ibsaniiru. Omisha qamadii jal’isii duraatiinis lafti heektaara kuma tokkoofi 312 irraa omishni qamadii kuntaala kuma 10fi 300 argamuusaafi galii qarshii miliyoona 30 ol argameera; namoonni 672 fayyadamaniiru jedhan.
Akka Obbo Jamaal jedhanitti, gama hojii ashaaraa magariisaan waggaa darbe hirmaannaa ummataa qarshii miliyoona 65 oliin biqiltuun kan dhaabame yoo ta’u, baranas miliyoona 100 geesisuuf hojjetamaa jira.
Waliigala hojii misooma magaalaa barana hojjetameen lammiilee kuma 32 ta’aanif carraa hojii banuun yaadame, kuma 60 oliif carraan uumuu eeranii, barana milkaa’inni hojii argamuu kan danda’e, xiyyeeffannaafi hordoffii olaanaadhaan hojjetamu akkasumas hawaasa bal’inaan hirmaachisuusaatiini jedhan.
Fuuldurattis hojiin inisheetivii caalaatti bal’ifamee kan hojjetamu ta’uufi, qonni magaalaas bu’aa caalu akka fiduuf xiyyeeffann aan kennamee kan hojjetamu ta’u ibsaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013