Taateewwanirratti taateen dabalamaa barri bajataa 2013 xumurameera. Mootumaan bajata bara 2014 raggaasisee bara ittaanuuf haala mijeesseera. Mootummaan haarofti dhufu bajata kana hojiirra oolcha.
Kanumaan walqabatee Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Waxabajjii 30tti hojiisaa raawwateera. Hojiisaa raawwachuu qofa osoo hintaane bara hojiisaa kan waggoota jahaas xumurateera.
Osoo koviid-19 addunyaarratti uumamuu baatee manni marichaa kun barri hojiisaa bara tare xumurama ture. Al tokko tokko taateen tokko tokko carraas fidee dhufa. Kanaaf filatamtoota bara 2007f seenaas carraa jechuun ni danda’ama.
Filatmtooonni bakka bu’oota ummataa kan bara ja’affaa waan hedduu keessa akka darban beekamaadha. Maalumaafuu, waan gaarii hojjatan maraaf galata qabu. Kan ittigaafatama dhuunfaafi gareen ittifidus yoo jiraate haaluma seeraan keessummaa’u. Garuu isaan gaggeeffamaniiru.
Paarlaamaa hojii xumure kana bakka buusuuf ji’uma kana keessa filannoon adeemsisameera. Kanaaf baatii Onkoloolessaarraa eegalee tarii fuula haaraa ilaaluuf carraan ni jiraata. Kanneen waggoota dheeraaf manasaanii paarlaamaa taasifatan akkuma jiranitti ta’ee. Paarlaamaa haaraan gaafuma dhufan ‘anaa haa dhufu’ jechuunii wayya.
Wantooti bara baajetaa kana keessa biyya keenya quunnaman keessaa kanneen akka qormaataatti ilaalaman hedduudha. koviid-19 mataasaatiin qormaata guddaa ture. Bara jalqabaa kan nagaadhaan nu baase bara bajataa xumurame kana obomboleettiisaa kaasee lubbuu namootaa hedduu addunyaa kanarraa godaansiseera. Koviid-19 ammas baduusaa hindhagamamne. Addunyaan akka sodaatetti jirti, talaalliiwwan adda addaa jalqabamanillee. Kanaaf nutis sodaachuu qabna; sodaachuu qofa osoo hintaane of eeggannoo gochuu.
Hidhi Guddichi Haaromsaa marsaa lammaffaaf bishaan qocuu jalqabe oduun jettu osoo barri bajataa kun hinxumuramin gadi lakkifamte. Hidha kanarratti namni hunduu yaada tokko qaba jedheen yaada. Kan irraa fayyadamu ummata, kan ijaares ummata.
Kanaaf namni dhanquu siyaasaa kamirrayyuu ejjate hojii kana hinmormu. Kanaafuu gammachuu guddaadha. Ummatta waan hedduun dukkana keessa jiruufi abdii tokko, mallattoo ifaati. Kanaaf deegaruun barbaachisaadha.
Taateen bara bajataa darbe keessa uumame inni guddaan waarana. Waan kanarratti akkitti yaada balballoomsan rakkisaadha. Akkitti dhiisanis rakkisaadha. Walwaraana obboleessaafi obboleetii, abbaafi ilmaa, haadhaafi intalaa maal jedhanii dubbatu. Dhimmichi makmaaka warra Amaaraa sana ta’a. “Kan ajjeese dhirsa kee, kan du’e obboleessa kee” kan jedhu san. Gama lamaaninuu gaddaadha. Kan biyya keenyas kanuma.
Dubbiin kan jalqabe ganna bara taree keessa; dheerachuu yeroo filannoo wajjin walqabatee. Matadureen kun falmii guddaa hanga hiikaa heeraatti deemeedha. Xumurrarratti heeraaf hiikni kennamee yeroon filannoo kun hanga tokko akka hiixatu taasisame.
Jaarmiyaaleen mormitootaa yaada kana falman ni turan. Kanneen keessaa “TPLF’ kan yeroo sana naannoo Tigraayi bulchaa turte ishii tokkoodha. Jaarmiyaaleen kuun waan aangoo of harkaa hinqabneefuu jaalatanis jibbanis murticha fudhachuun ala filannoo biraa hinqaban ture.
‘TPLF’ garuu aangoo mootummaa naannoo tigraayi qofa osoo hintaane meeshaa waraanaa, maallaqaafi humna hidhate waan of harkaa qabduufu murtii mootummaa federaalawaa fuuldura dhaabbatte.
‘Naannoo kooti filannoon adeemsisa” jettee Qaam’ee 4/2012 filannoo kophaa adeemsistee mootummaan naanoo hundeesuunshii mootummaa federaalaa wajjin walitti buusuu bira taree ija shakkiitiin akka walilaalan taasisuun dhugaadha. Kana dabalatee haalli qaamota lamaan jidduu jiru sodaachisaa deeme.
Boodarra, ‘TPLF’ raayyaa ittisa biyyaa kan Naannoo sana qubaterratti haleellaa geessisuunshii walitti bu’iinsa dhiiga dhangalaasaa ji’oota saddeetiif ittifufe dhaqqabsiiseera. Akkuman sila kaase, lammiin biyya walitti qaban, kan waliin jiraatan gamaa gamana dhaabbatanii madfiin walfurguuggatan; rasaasa walitti roobsan Meeqatu du’e? meeqatu madaa’e? Hanga ammaa wanti beekame hinjiru. Garuu wanti hinhaalamne dhiigni namoota hedduu lola’ee lafa Tigraayi akka dhiqeedha kan ragaaleen mul’isan.
Wanti nama gaddisiisus kana, anaaf. Meeshaaleen waraanaa barbadaa’an sun hiika hinqaban. Durumaa dhiiga namaa dhangalaasuuf akka oolaniif kan tolchaman. Messhaalee kun osoo badanii biyyi nagaa ragattee gaariidha.
Waraanni adeemsisamaa ture kun lubbuu namaafi qabeenya qofa hin nyaanne. Sababa kanaan namni nagayaa qe’eedhaa buqqa’eera. Ijoolleen, maanguddooti, jaarsiifi jaartiin, dubartoonni balaa kanaa saaxilamaniiru.
Gama mootummaa Xoobbiyaatiin torbee darbe keessa misiraachoon tokko dhagahameera. Akka mootummaatti waantota hedduu xiyyeeffannoo keessa galchuudhaan dhukaasa dhaabuusaa ummataaf ifa taasiseera. Waraana dhaabuu qofa osoo hintaane raayyaan ittisa biyyaa naannoo Tigraayi, Maqalaee dabalatee bakkeewwan murtaa’anii akka bahu murteessee haaluma sanaan Raayyaan Ittisaa duubatti siqeera.
Faallaa Kanaan ammoo murni finciltootaa hogganoota ‘TPLF’ kan duraaniitiin durfamu Magaalaa Maqalee galeera. Maqalee qofa osoo hintaane magaalota biroos akka galan ragaaleen ni mirkaneessu. Asiin mootummaan dhuunfaadhaan dhukaasa dhaabeen bahe yoo jedhu, murni finciltootaa ammoo injifannoosaa lallabaa jira. Kamtu dhugaa akka ta’e bubbullee ilaalla.
Garuu wanti ilaalamuu qabu tarkaanfii dhuunfaan dhukaasa dhaabuu jedhuudha. Dhukaasa dhaabuu dhuunfaa jechuun maal jechuudha? Yoo maaltu uumame dhukaasa dhaabuun dhuunfaa akka tarkaanfitti fudhatama? Kophaa dhukaasa dhaabuun nageenya fidaa? Kan lammiinis, hawaasni addunyaanis gaafachaa jiru kana.
Dhukaasa dhuunfaan dhaabuu jechuun qaamni walitti dhukaasu lama keessaa marii malee yoo tokko dhukaasa sana dhaabeedha. Kun akka muuxannootti waanuma jiruudha. Tarkaanfiin akkanaa tarrkaanfii gartokkee tokkooti. Gareen biraa tarkaanfii walfakkaatu fudhachuu ykn dhiisuu ni danda’a. Haala biyya keenya keessatti uumameen Mootummaan Xoobbiyaa gamasaatiin murtii fudhateera; murtii dhukaasa dhaabuu.
Kan mootummaa kana falmaa ture murni ‘TPLF’ gamasaatiin dhukaasa dhaabuu ilaalchisee ibsi baase hinjiru. Oduun jidduu kana miidiyaa hawaasaarra marsaa ture dhukaasa dhaabuuf haaldureewwan torba akka taa’an ni mul’isa. Sana jechuun hanga sanatti dhuksaasa akka hindhaabne mul’isa. Kanaaf dhukaasni mootummaan dhuunfaatti dhaabe kun umrii hagamii qaba jedhanii gaafachuun sirrii ta’a.
Akkuma beekamu, akkuma ilaalaa jirru dhukaasa dhaabuun gama tokkoon yeroof bu’aa qabaachuu mala. Garuu hanga qaamni faallaa jiru dhukaasa hindhaabnetti bu’aansaa yeroof qofa ta’a. Hanga murni ‘TPLF’ meehsaa lafa kaa’utti nageenyi fulla’iinsa qabu hinjiraatu.
Isaan dhukaasaa mootummaan jalaa deemaa ittifufa jedhee hin yaadu. Kanaaf, deebinee akka waraana hamaa kanatti hingalle hawaasni yaaddoo qaba.
Gama kanaan mallattoowwan jiran gaarii miti. Rakkoon biyyattii gara kaabaa kun ammas kan furmaata miti. Ulfa guddaa kan garaa qabu fakkaata. Ammas balaa biraa dhaluuf dorrobee jira.
Balaan ittaanu kun ammoo kan kanaan duraa caala suukaneessaa ta’uu waan maluuf qaamoleen dhimmi kun ilaallatu irra deddeebi’anii ilaaluu, qorachuun bu’aafi kisaaraasaa adda baafachuu qabu.
Wayyaaneen waraana biraa jalqabuuf qophiirra akka jirtu miidiyaaleen idiladdunyaa ifa baasaa jiru. Geetaachoo Raddaas naannoo Amaaraafi Tigraayitti duuluuf karoora akka qaban himeera. Kun isaaniifis injifannoo hinfidu. Tarii dhumaatii biraa hordofsiisuu mala.
Haallitti hawaasni addunyaa tarkaanfii mootummaan fudhate hubate akkuma jirutti ta’ee hidhattoonni ‘TPLF’ akka dhukaasa dhaabuuf dhiibbaa gochuu qabu. Yoo qaamni lamaanuu dhukaasa dhaabe kan biyyis, ummannis nagaa argatan.
Ammaaf akeekni ‘TPLF’ ifa miti. Akka durii sana humnaan Finfinnee gallee aangoo qabanna jedhanii ni abjootu jedhee hinamanu. Seenaadhuma biyya kanaa keessatti deebi’anii aangoo isaaniif hinmalle sana harkatti ni galfatu jedhee hinamanu.
Sirnasaanii hidhamaa, shiraan xaxame, guutameefi, suukaneessaa sana namni deebi’ee arguu barbaadu ni jira jedhee hin yaadu. Kanaaf, akka bara sanaa namni karra saaqee Araat Kiilootti isaan seensisu gonkumaa hinjiru.
Isaan Araat Kiilootti hinaanan. Araat Kiiloon abbaa qaba. Kanaaf yoo akka biyyaatti waliin jiraachuu barbaade ummanni Tigraayi ijoolleesaa haa gorfatu. Ykn ammoo achumatti walhaa danda’an. Dubbiin kanuma.
Haa xumuru. Haalli biyyi keenya keessa jirtu, sochiiwwan kutaalee biyyattii adda addaa keessa jiran kan lammii biyya kanaa dhiisii kan lammii hintaanellee yaachisaa jiruudha. Walajjeesuun, lubbuun namaa akka qoosaatti darbuun, jireenyaafi qe’ee ho’aarraa buqqa’uun, beelaaf saaxilamuun taatee guyyaa guyyaa ta’aa jira.
Kunniin hundi fala barbaadu. Fallisaa sadarkaa jalqabaatti lammii biyyattii harka jira. Taa’anii mari’achuu, rakkoo mariidhaan furuu. Kana biratti deeggarsi hawaasa addunyaa gahee mataasaa qaba.
Barri bajataa haaraan bara nagayaafi kan waliigaltee haa ta’u.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013