Giddeelloo Hirphee: Maanguddoo yeroo tola ooltummaa kanatti harka tol ooltotaa barbaadan

Charinnat Hundeessaa

Salaaleetti dhalatan. Gostisaanii Yaayyaa Gullalleedha. Maanguddoo umrii 93ti. Yeroo Xaaliyaaniin lammata Itoophiyaa weerarte gara Finfinnee dhufan. Akkawoosaaniitu isaan guddise; Maanguddoo Giddeelloo Hirphee Didhaa.

Dargaggummaasaaniitti waanti isaan hinhojjenne hinjiru. Akka moggaasa yeroo Hayilasillaaseetti ‘Nacci labaashii’ ta’uun biyya eegaa turaniiru. Isa hafe akkuma isaanitti nutti himanitti isin dubbisiisna.

“Yeroo Hayilasillaaseen Mangistuu Niwaay ajjeesetti achiin ture. Hospitaala Minilikittis nyaata Habashaa qopheessuun waggoota dheeraaf hojjedheera. Booda garuu dhiibbaawwan addaddaatiin ari’amus falmii yeroo dheeraa booda bakkuman nyaata qopheessaa turetti deebi’eera. Waggoota dheeraaf mindaa xiqqoo naa kanfalamaa tureenin hojjedhe.

Otuman kanaan jiruu yeroo Dargii eegdummaa warraaqsaatiin (Abiyoot Xibbaqaa) leenji’ee hojii eegale. Ani hannaafi soba hinjaaladhu. Warri wajjin hojjechaa turre garuu gocha hintaane adda aaddaarratti bobba’anii turan.

Namas calluma jedhanii karaatti qabanii gidirsaa turan. Hanga humna koo gochicha balaaleffadhee dhoowwu yaalus hinmilkoofne. Inni shiftaadha, eessaa akka dhufe hinbeeknufaa jedhanii maqaa na balleessuutti kanaanin dhiisee bahe.

Ani Agarii Tulluu wajjins tureera. Isa wajjin waggoota saddeetiif hojjedheera. Agarii Tulluu akkanumaan haasa’an malee qawweessaatti huccuu hinmarre; inni onnee malee shiftummaa hinqabu.

Amma bishaan hindhugu, midhaan na hin nyaachisu. Mucayyoo tokkotu lafumaa kaatee na gargaaraa jirti malee gargaarsa wayiituu hinqabu. Qarshii kuma tokkofi 235 sooramaan argadhutti dabalee qarshii kumaafi 300 kiraa manaan kanfala. Mannin keessa jiraadhu tun mana fincaanii, kushiinaa, ibsaafi bishaan hinqabu. (Galii argatanirra kan kiraa manaatiif kanfalan akka caalu dubbistoonni ni hubattu).

Haala kanaan mana kana keessa waggoota sagaliif jiraadheera. Haatii warraakoo duunaan anis of dadhabee bakka biraatti gale.” jedhan.

Eenyuuf maal dhaammattu jennaaniin, “Hunda dura mootummaan Doktar Abiyyi kanan eebbisa. Jarri darbe ykn Wayyaanneen Malkaa Horaarratti nu fixaa turan, nu gidirsan. Finfinneetti Qoshee nurratti garagalchan.

Amma isa kana Waaqni eessaa akka fide hinbeeknuu raadiyoorraa nan dhaga’aa Hayilamaariyaam wajjin mari’atee harkaa fudhatee, nu jajjabeesse Abiyyuun Lammaa Magarsaa wajjin.

Malkaa seera Oromoo keenyaa, Malkaa jiidhaarratti buraa Walaaburratti walii kakatanii, waadaa walii seenanii eebbifamanii nuu dhufan. Biyya alaas deemee otoo nama Oromoodha, Amaara Guraageedha, Hadiyyaa, Kambaata…jedhee saba addaan hinbaasiin ummata achi jiru dadammaqse.

As, Abiyoot Addababa’itti kan ta’es kanuma. Kan asii kanarratti boombii ittidarbatanii namoota  danuu miidhan. Gaafa sana sireedhuma kanarra ciiseen boo’e. Inni balicharraa hafee warra miidhameef dhiigasaa arjoomee gocha tola ooltummaa raawwate. Kunis garmalee garaa na raase. Dhiignisaa haa tolu, ammas dhiignisaa haa tolu. Ammas humnan dhabe, ija kanatu na dideef malee isa biraa hinfagaadhuuyyu, garuu raadiyoodhaan dhaggeeffataatumaan jira, waan inni hojjetaa jiru.

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnees umriishii Rabbi haa dheeressu. Kan garmalee na miidhe Wayyaaneedha. Mana sii kennina jedhanii na mooksaa bahan.

Warri kaan mana fudhatanii gurgurtan. Homaa naa hingoone. Mana naannawa kana jiru tokkotti ni galta naan jedhanii jidduutti dubartiin wayii cabsitee ittigalte. Ishiis turanii keessaa baasan. Ammas nama biraa ittigalchan.

Booda dallaalaadhaan gurguratan; otoo ani gaafadhee eeggataa jiruu. Kanin gaafachaa ture mana gandaati. Haalan keessa jiru buchitoonni ganda kanaa sirriitti beeku. Koreedhaan dhufanii na ilaalaniiru. Na ilaaluu malee waanti naa godhan tokkollee hinjiru” jechuun ibsan.

Maanguddoon kun balaa konkolaataa kanaan dura irra ga’e dabalatee miillisaanii hintarkaanfatu, harkisaanii mirgaas miidhamaadha. Ijaanis hinargan. Ciisuu malees danda’anii hintaa’an. Dhukkuba kintaarotii irra bubbuleenis gidiraa argaa akka jiraniidha kan nutti himan.

Mana yaalaa dhaqanii yaalamuuf akkuma irranatti eerre qaamnisaanii gargaarsa namaatiin malee ofiin waan hinsochooneef hinmilkoofne.

Qarshii xiqqoo sooramaan arganitti dabalanii kiraa manaa kanfalaa jirtuutii maaliin waan nyaataa bitattu, bishaanumallee akkamitti dhugdu jedheenii ture. Isaanis, “Ani kan Rabbi beeku rakkinumarraa kan ka’e bishaan hindhugu. Nyaata ammoo namootuma Waaqayyo gargaaretu na utubaa jira. Kanaan achi galiin biraa tokkollee hinjiru.

Mootummaa kana Waaqayyo aduutti isa haa baasu gomattuusaa karaasaarraa haa haxaa’uuf. Oolee naaf haa galu. Umriisaa haa dheeressuu jechuun eebbisan, otoo rakkoo irranatti eerre keessa jiranii.

Egaa manattii yoo hafuuraan ‘if’ jedhan kuftuufi irraa jalaan bishaan ykn corroqa burqisiistu tana keessa gargaarsa tola ooltota tokko tokkootiin waggoota sagaliif jiraataniiru. Ijiifi harki tola ooltotaa iddoowwan adda addaatti ajaa’iba hojjetaa jiruufi keessumaa bulchitoonni aanichaa haala jireenyaa maanguddoo kanaa mil’achuu qaba.

Akkuma biyyaattuu haalli jireenyaa lammiilee sadarkaalee adda addaatiin kan ibsamuufi walirraa hinfagaanne ta’us keessumaa namoota akkanaa biyyasaanii tajaajilaniif hunduu otoo xiyyeeffannaa kennee.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013

Recommended For You