Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo maqaasaanii ka dhalootaatiin Carii Maandhoo kan jedhaman yoo ta’u, abbaasaanii Maandhoo Gambeelaafi haadhasaanii Yaatanee Basaayyeerraa bara 1946 Godina Gujii Lixaa, Aanaa Bulee Horaa Ganda Carii Afindee jedhamutti dhalatan.
Jiloon maqaa Yaa’isaa baase. Abbaansaanii Maandhoo Gambeela Dooyyoo Hayyuu yaa’aa yeroo sanii turan. Abbaan Gadaa Jiloon abbaasaanii jalatti aadaa barataa guddatan. Abbaansaanii Maandhoo Gambeela Dooyyoo ilmaan dhiiraa 10 qabu. Abbaan Gadaa Jiloon sagaleessoo dhalatan.
Abbaan Gadaa Jiloon Haadha manaa/beera sadii qabu. Isaan mararraa walumaagalatti ilmaan dhiiraa 15fi dubartii horatan. Walumatti deebisii ilmaan 21 qabu jechuudha. Beerri Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo tokkeessoofi Haati Bollaa Dabboo Teroo kan jedhamtu Gosaan Daraartuu.
Lammeessoon Diiduu Gumii kan jedhamtu gosaan durra Gollaa yoo teetu, isin sadeessoon ta yaa’ii aadaan fuusise tan Kuulii Bariisoo jedhamtu gosaan durra Agantuuti. Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo yeroo ammaa kana Maanguddoo ganna 67ti.
Hojii isaan hojjatan
Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo akkuma dhalootisaanii Yaa’a keessa ture, Yaa’a jalatti guddatan waan te’eef jalqabarraa kaasee jechuun Dabballummaa kaasee haga Gadoomaatti adoo addaan hinkutin seera aadaa cufa guuttatee Jila aadaa mara muummessee haga Gadoomaatti dhaqqabe.
Abbaan Gadaa Jiloon jalqaba Dabballee, Qarree, Finiina, Libaasa, Kuusa (Abbaa Murtii) te’e. Waggaa afuriif Kuusa keessaa Abbaa Murtii te’ee amala gaariifi muuxannoo beekumsaa aadaa hedduu waan qabuuf.
Achiin duuba jila ittaantu mara jiluun (jila gara 15) geyu beelaa dheebuu adoo hinjedhin gatii kaffalee miilaan bakka jilti itti geeggeffantu hundatti godaanuun xumure. Fakkeenyaaf Jila Tolee gatuu, Oolloo Jilee, Bantii jilee aadaa hunda guuttatee gara Raabomaatti dhufe.
Ammalle gara sadarkaa Gadaa ittaanutti ce’uuf jila barbaachisaa te’an hunda fakkeenyaaf guutuu dhayee, Midhoo naqee, bokkuu/ulfaataa olkee miilaan Bulee Horaatii haga Ardaa Jilaa Daraartuutti (Aanaa Girjaa) miilaan deemuun aadaa mara muummeessee agara Dooromaatti dhufe.
Abbaa Gadaa Jiloon godaansaaf jilasaa ittifufuun haga Gannaaleetti aadaa mara muummessuun Abbaa Murtii irraa abbaa Yaa’aa te’ee ulfaataa/Kallacha hidhatee, woddeessa muree haga Gadoomaatti dhufee Me’ee Bokkootti Baallii fuudhe.
Akkuma beekkamu yeroo mootummoota dabranii, aadaa tana kabajuun akka yakkaatti ilaalamutti aadaa tana qabatanii itti cichanii adoo nami irratti jibbuu dhokatanii yeroo irratti dhaqqabamu “lakkii aadaa motii woldaa” jedhaa worra aadaa midhaadduu tana asiin geye keessaa isaan tokko.
Abbaa Gadaa Jiloon yaa’asaaniin duuba jiru aadaa midhaadduu tana barsiisuu keessatti gahee olaanaa qaban. Worra Roobaleefi Muudanaa kansaaniin duuba jiran hunda aadaa barsiisuu keessatti qooda olaanaa qaba.
Gadooma waan qabuuf qofa doo hinteene aada tana hundaa kaasee waan fideef beekumsa guutuu/muuxannoo guutuu waan qabuuf isaan barsiisaa ture. Yaa’a keessa woggaa dheeraa turee Baallii waan fuudheef.
Yeroo mootummoota dabranii Sirna Gadaa akka barbaadanitti ifaa ifatti Me’ee Bokkootti Gumii teessisanii Baalli kennuufi fuudhuun hindanda’amu ture. Haata’uu malee Abbaan Gadaa Jiloon qabsoo olaanaa Hayyoota biraa woliin godhaniin bara Gadaa Godaanaa Kattaa irraa kaasee Gumiin Me’ee Bokkootti ifatti akka teettu godhuu keessati qooda guddaa qabu. Kun ammoo aadaan ardha sadarkaa ‘UNESCO’tti galmootte tana eeganii dhaloota kanaan geyuun hayyummaa guddo.
Kana qofaa moti, Abbaa Gadaa Jiloon bara Gadaasaanii qabsoo hayyoota biroo woliin godhaniin sirni Gadaa ‘UNESCO’tti akka galmaayu godhanii Gadaisaaniitti milkii guddoo argataniiru. Kana yeroo godhanu sirni Gadaa wolqixxummaa dhiiraafi dubartiitti akka amanuufi mirkaneessu adoo dhiibbaan worra aadaa tana guddachuun hinbarbaanneen godhamuu qabsoo godhanii milkeessaniiti.
Akkuma beekamu Abbaan Gadaa tokko gaafa Baallii fuudhu ‘Qumbii Soorata’. Qumbii ka sooru ammoo Qaalluu. Yeroo Qumbii sooru ammoo Qaalluun aadaa qaba, aadaansaa Bunnaqa naquu. Haata’uu malee sababoota gara garaatiin Gadaa tanaan duraa hedduu bunnaqi Qaalluu adoo hinnaqamin tureera.
Abbaa Gadaa Jiloon garuu bara Gadaasaa sirna bunnaqa Qaalluu naquu ka yeroo dheeraaf addaan citee ture Qaalluu dabalatee qaamota mootummaa woliin mari’achuun Y/Jabbii Guutuu ka jedhan ka Gadaa isaaniin duraalle dabalatee yabbii 150 bichisiisuun Qaalluu kennee Qumbii soorachuun aadaan akka hinbanne godhaniiru.
Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo, yeroo ammaa abbaa Gadaa Gujiifi walitti qabaa Gumii Abbootii Gadaa Oromooti. Abbaa Gadaa Jiloon kana argachuu ka dande’e jaalalaafi beekumsa isaan aadaa sirna Gadaatiif qabaniifi amala nagaya jaalachuuf akkasumas nagaya biyya tana mirkaneessuuf gahee isaan taphatan jiddugaleessa godhateeti.
Kanumaan walqabatee, dhimma nagayaa mirkaneessuuf akkasumas aadaa badde Oromiyaa guutuutti deebisanii jaaruuf Oromiyaa guutuu keessa naanna’aa aadaa barsiisaa turan.
Bakkeewwan isaan aadaa itti barsiisuuf dhaqan keessaa Bishooftuu, Adaamaa, Finfinneefi kkfdha.
Abbaa Gadaa Jiloon abbaa nagayaa jedhamuun Oromiyaafi Naannolee ollaa kan akka Burjii, Konsoo, Amaaroo, Gedi’oofi kkf keessatti beekamu. Sabaafi saba jidduutti nageenni akka jiraatu hujii jabduu hojjataniiru.
Dabalataan, Abbaa Gadaa Jiloon waldhabdee mootummaafi dhaabbilee siyaasaa Oromoo jidduutti uumame nagayaafi mariin akka dhumatu carraaqqii guddaa godhaa turanii haga ta’es itti milkaa’aniiru. Karaa kanaan hojii boonsaa bara Gadaasaanii hojjataa turan hojjataas jiru.
Kanaan ala, sirni Gadaa gara sirna barnootaa akka dhufu yaada hayyoota Yuniversiitii Bulee Horaarraa dhiyaateef mirkaneessuun deeggarsa olaanaa godhaniiru.
Bara Gadaasaanii sirni Gadaa Oromiyaa guutuutti manneen barnootaa sadarkaa gadiitti ilmaan Oromoo barnoota sirna Gadaa akka barattu godhamuu keessatti deeggarsa godhuun milkaa’aniiru.
Abbootii Gadaa Oromoo walbarsiisuun akkasumas aadaa Oromoo barsiisuurratti hojii guddaa hojjataa jiru. Fakkeennaaf, Yuniversiitii Bulee Horaafi Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin ta’uun qophii Yuniversiitii Bulee Horaatti qophaayerratti aadaa sirna Gadaa, Gadaan maal akka ta’e, sadarkaalee Gadaafi akkasumas akkamitti Gadoomuu akka danda’anu barnoota guddaa abbootii Gadaa Oromiyaa guutuurraa dhufaniif kennaniiru.
Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo Gambeelaa dhimma nageya biyya tanaarratti hojjachuuf iddoowwan gara garaa deemaniiru: Isaan keessaa muraasni, Tigraay: Maqalee; Somaalee: Jigjigaa, Dooloo, Dheekkaa, Fiiltuu, Baarree; Gambeellaa, Beenishangul: Asoosaa; Naannoo Amaaraa: Dabra Maarqos, Injibaaraa, Oromiyaa Godinaalee gara garaa: Wallagga: Naqamtee, Gimbii, Horroo Guduruu, Baale, Boorana, Mooyyalee bakkeewwan adda addaa, Amboo yeroo hedduu, Finfinnee; Naannoo Kibbaa: Gedi’oofi bakkeewwan gara garaa.
Bakkeewwan deeman kana maratti milkii hedduu argataniiru. Keessumaa walitti bu’iinsa Gujii, Gabraafi Boorana jidduu ture hiikuun milkii guddoo argataniiru. Sababa hojiisaaniifi namoota birootiin hanga ammaa Gadaasaa keessatti walitti bu’iinsi Gujii, Gabraafi Boorana jidduutti odoo hinuumamin ardhaan gayuun gahee guddaa waan taphataniif gosa tana biratti Abbaa nagayaa jedhamuun beekamu.
Walumaagalatti, Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo Gambeelaa dhalootumaanuu nama qajeelaafi dhugaamessa jedhamuun beekamu. Yuniversiitii Bulee Horaas gumaachasaanii kana hubachuun Waxabajjii 19 bara 2013 sirna eebbaa barattootaasaatti doktareetii kabajaa kenneeraaf.
Odeeffannoo kana kan biraan ga’an Obbo Daani’el Sayifuu, ittigaafatamaa qunnamtii ummataa yunivarsitichaa guddaa galateeffanna.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013