Maxxansa kanaan waa’ee dhibee teetaanasii (Tetanusa), mallattoosaa, karaa ittiin daddarbasaafi ittisaasaa kan waliin ilaallu ta’a.
Dhibeen teetaanasii maali?
Dhibeen teetaanasii infeekshinii sababa baakteeriyaa kilostiriidiyeem teetaan jedhamurraa kan dhufuuf summii (toxin) qaama keenya keessatti gadi dhiisuun dhukkuubiifi rakkoo maashaa kottoonfachuufi diriiruu namarraan ga’a. Summiin karaa baakteeriyaa kana gadi dhiifamu kunis narviifi maashaa qaama keenyaarratti miidhaa geessisuun sadarkaa salphaa hanga hamaatti nama geessisuu danda’a.
Hawaasa keenya biratti waantota barataman keessaa tokko yoo mismaarri ligdaa’aan nama waraane dhibeen kun nama qaba kan jedhuudha.
Baakteriyaan dhibee teetaanasii kana fidu kiloostiridiyeem teetaanii jedhamu kan awwaara keessa, dhoqqee horeefi wantoota ligdaa’oo ykn danda’oo tahanirratti baayinan argamuudha.
Qaamni namaa sibiilota ligdaa’oo kanneen akka mismaaraafaa yeroo madaa’u ykn nama qaamnisaa madaa’e tokko karaawwan garaagaraatiin yoo awwaara ykn dhoqqeetti bu’e ispooriin ykn summiin baakteeriyichaaaa qaama keenya seenuun gara baakteriyaatti guddata.
Baakteeriyaan kunis erga guddatee booda summii teetaanospasmiin jedhamu gadi dhiisuun summichi narvoota maashaa keenya kottoonfachiisuu keessatti qooda fudhatan miidhee maashaan keenya akka hinkottoonfanne gochuun akkasumas yeroo kottoonfatu miirri dhukkubbii akka namatti dhaga’amu godha.
Dhibeen teetaanasii kun daa’imman reefuu dhalatan irrattillee baay’inaan kan heddumaatu yoo tahu, baay’inaan gara daa’imman reefu dhalatanii kan seenu karaa hidda handhuura irraani.
Bakkawwan baay’eetti keessumaa daa’ima manatti dhalateef naannawawwan hedduutti namoonni danuun hidda handhuuraa iseetti dhoqqee ykn faltii horii dibu. Taateen kun baakteriyaan dhibee teetaanasii namatti fidu kan dhoqqee horii keessatti argamu kun akka salphaatti karaa madaa kanaa gara daa’imaa akka seenu godha.
Wantootni dhibee teetaanasiif nama saaxilan maalfaadha?
- Talaallii yeroo daa’imummaa kennamu akkasumas yeroo ga’eessummaa kennamu fudhachuu dhiisuu.
Yeroo ijoollummaa talaalliin dhibee teetaanasii daa’imman hundaafi ni kennama. Talaalliin kunis daa’imman dhibee kanaan qabamanii akka hinmiidhamneefi ittisuu keessatti ga’ee guddaa qaba.
- Madaa qaamaa. Madaan kutaa qaama keenyaarra yoo jiraate baakteeriyichi akka salphaatti gara qaama keenyaa seenuu danda’a.
- Sibiilota qara qaban. Sibiilonni qara qaban keessumaa sibiilonni danda’oo ykn ligdaa’oorratti baakteriyaan kun waan argamuuf karaa salphaan gara kutaa qaama keenyaa seenuu danda’u.
Teetaanasiin karaawwan madaa armaan gadii gara qaama keenyaa seenuu danda’a
- Madaa qara sibiilotarraan dhufu
- Madaa rasaasaa
- Gubaatii qaamaa
- Madaafi caba lafee waliinii
- Ciniinnaa namaa ykn bineensaa
- Infeekshinii ilkaaniifi kkf dha
Kanaaf wantootni kunniin yoo mudatan utuu baakteriyichi infeekshinii namatti fidee rakkoo hamaaf nama hinsaaxilin mana yaalaa deemanii talaallii bifa lilmeen kennamu fudhachuun daran barbaachisaadha.
Akkuma hawaasa keenya keessatti baratame namni tokko yoo qaamasaa meeshaan qara qabus tahe qara hinqabne mure mana yaalaa deemuu dhiisuun yeroo isaan dhiiga sana dhaabuuf awwaara itti baqan argina.
Awwaara bakka madichaatti naquun carraan namni sun dhukkuba teetaanasii kanaan qabamuu olka’a. Akkuma jalqabarratti eeruuf yaalle baakteeriyaan kun heddumminaan awwaara kana keessa waan jiraatuuf karaa salphaan gara kutaa qaama keenyaa, keessuumaa gara narvii deemuun rakkoo hamaaf nu saaxiluu danda’a.
Namni dhibee teetaanasiin qabame mallattoo akkamii agarsiisa?
- Kottoonfachuufi socho’uu dhabuu maashaa naannawa mangaagaa
- Maashaawwan naannawa mormaatti argaman diriiruu dadhabuu
- Nyaata liqimsuu dadhabuu
- Maashaawwan naannawa garaatti argaman kottoonfachuufi diriiruu dadhabuu
- Ho’ina qaamaa
- Nama hurkisiisuu
- Dhiibbaan dhiigaa ol kahuu
- Dha’annaan onnee dabaluufaadha.
Akkamitti ofirraa dhorkuu dandeeenya
Ittisni jalqabaa talaallii teetaanasiif kennamu kan yeroo daa’imummaa, yeroo ulfaafi ga’eessummaa fudhataman fudhachuu.
Gama biraatiin immoo namni tokko sababa armaan oliitti eerrerraa kahee qaamnisaa yoo madaa’e sa’aatii 72:00 gidduutti mana yaalaa deemee talaallii dhibichaa bifa lilmeetiin kennamu fudhachuu qaba.
Talaalliin sa’aatii 72:00 gidduutti kennamu kun farra baakteriyaa dhibee teetaanasii kana namatti fidu waan taheef baakteriyichi akka tasaa qaama keenya keessa karaa madaa sanaa yoo nu seenes akka qaama keenya hinmiiine gochuun nurraa lola.
Dhibeen teetaanasii yoo yeroodhaan hin yaalamne dhiibbaa akkamii fayyaa namaarraan geessisuu danda’a?
- Caba lafee
Akkuma beekamu maashaan keenya lafee keenyatti maxxanee waan argamuuf maashaan keenya yeroo garmalee kottoonfatuufi diriiru caba lafeetiif nama saaxiluu danda’a.
- Cufamuu ujummoo dhiigaa sombaa
Akkuma beekamu dhiigni keenya hinqulqullaa’in gara onnee keenyaa deemuu. Hiddoonni dhiigaa keenya maashaawwan keenya keessatti waan argamaniif maashaan keenya yeroo kottoonfatu dhiigni ujummoo sana keessaan salphaadhumatti gara onnee akka deemu godha.
Sababa dhibee kanaarraan kan ka’e maashaawwan keenya kottoonfachuu waan dadhabaniif dhiigni itituun cittuun dhiiga ititaa kanaa onneerraa gara ujummoo sombaa deemuun ujummoon sombaa kun cufamuun hanga sadarkaa du’aattillee nama saaxiluu danda’a.
- Du’a. Dhibeen teetaanasii daraan hamaa tahe hanga maashaawwan sombi keenya akka hargannu godhan miidhuutti waan gahuuf hanga sadarkaa du’aattillee nama geessisuu danda’a.
Dhibeen kun yoo nama qabe miidhaa hamaa namarraan geessisuu waan danda’uuf dursanii ofirraa ittisuun daran barbaachisaadha.
Kanaaf meeshaan qara qabu kamuu yoo isin waraane mana yaalaa dhufuun talaallii sa’aatii 72:00 keessatti fudhatamu fudhachuun baay’ee barbaachisaadha.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013