Dargaggoo Geetuu Yaasiin: Kophee haxaa’uurraa gara omishuutti

Saamraawiit Girmaatiin

Dureessi beekamaan addunyaa Biilgeet “If you are born Poor it’s not your mistake, but if you die poor it’s your mistake” jedha. Kana jechuun “Hiyyeessa taatee dhalachuun dogoggorakee miti; hiyyeessa taatee du’uun garuu dogoggorakeeti” jechuudha. Baay’een keenya yommuu wantoonni nuu milkaa’uu didan deddeebisnee yaaluurra “Ani carraadhumakoo ganamaati” jennee abdii kutannee harka maranne teenya.

Kan ta’uu qabu garuu maatii harka qal’eeyyiirraa dhalachuu akka carraatti ofitti fudhachuu osoo hintaane, keessaa ba’uuf carraaquudha. Yommuu kana waa tokko qofa yaaluu osoo hintaane, gaafa tokko didu kan biraa yaalaa hanga hiyyummaa keessaa ba’aanii milka’aanitti tattaafachuun dirqama. Ta’uu baannaan hiyyummaadhaan dhalannee hiyyummaa dhaalchisnee, hiyyoomnee duuna.

Namoonni milkaa’aniiru jedhaman baay’een seenaasaanii gaafa himan waa xiqqoorraa ka’aanii, osoo hojii hintuffatin bakka yaadan ga’uusaanii himu. Qeerroo nuti muuxannoo jireenyasaa Gaazexaa Bariisaaf akka qooduuf kan dhiyeessine dargaggoo kophee haxaa’uurraa kophee omishee gurguruutti ce’eedha.

Dargaggoo Geetuu Yaasiin jedhama. Godina Shawaa Lixaa, Anaa Iluu Galaan, Magaalaa Ijaajjiitti dhalatee guddate. Barnootasaa hanga kutaa saddeettaffaatti achumatti barate.

Inniifi obbolootasaa torba ta’anii  maatii harka qal’eessa keessaa kan dhalatan yoo ta’u, dirqamni maatii gargaaruu akkasumas, of barsiisuu garuu irra ture. Hangafoota qabaatus akka hangafaatti waan humnasaa hojjetee obbolaafi maatiisaa gargaaraa barumsasaa ittifufe. Kutaa sadiirraa kaasee kophee haxaa’uudhaan jiruufi jireenyasaa gaggeeffataa ture.

Haala kanaan waggoota muraasaaf jireenyasaa ittifufus, jiruun ulfaattee, hojjechaa barachuun itti cimnaan barnoota addaan kutee kophee haxaa’uu ittifufe.

“Guyyaa aduu keessatti dadhabaa oolanii galgala dhaqanii barnoota barachuun namatti ulfaata. Yeroo qo’annaas hinqabaattu. Sababoota kanneeniin barnootakoo addaan kutuun biznasii keessa seenuuf yaaduun eegale.

Keessa koommoo warshaa galee utuun kophee hojjedhe yaadni jedhu jira. Isa booda qarshiin argadhu walitti qabachaa yeroo muraasa hojjedheen mootummaan bakka hojii waan naa mijeesseef kaaffeefi reestoraantiin banadhe” jedha.

Isas erga takka hojjete booda milkaa’uu waan hindandeenyeef gara hawwiisaa duraatti deebi’uu kan eeru dargaggoo Geetuun, kaaffichi ijoolleetti kennee suuqii xiqqoo kireeffachuun achi keessatti kophee gosa garagaraa hojjetee gurguruu akka jalqabe hima.

Kanaafis leenjii gaggabaabaa fudhachuusaafi kennaa keessasaa jirutti fayyadamuun kophee dizaayinii bareedaa hojjetee  gabaaf dhiheessuu eegale. Yommuu hojicha eegalu innumtiyyuu kennaasaa of keessatti kan hinbeekne turuus ni kaasa.

Hojicha erga eegalee waggaa sadii ta’uu kan kaasu dargaggoon kun, yommus namoonni barjaa mana hojiisaarratti suura kophee argan “Dhuguma kana hojjeta jedhanii na amanuuf rakkataa turan” jedha. Waan inni bakka biraadhaa fidee gurguru se’aa turuufi warri kaanimmoo hojiisaa jalqabaa wajjin walqabsiisuun waanuma inni kophee haareessuuf banate akka itti fakkaatu yaadata.

“Boodarra garuu kophee ani hojjedhee gurguru gaafa argan na jajjabeessuu eegalan. Nadeggaruuf jechas yoodhumallee kaa’achuu baatan narraa bitaa turan. Kopheen jalqaba hojjechaa ture akka isa ammaa miidhaguu baatus namoonni baay’een na bira dhaabataniiru.

Qarshii harkatti naa kennuurra narraa bitanii na jajjabeessaa turan.  Ani garuu akkuma qarshii naa kennanittin lakkaa’a. Keessumaa hojjetoonni mootummaa kennaakoo dinqisifachaa na jajjabeessaa turan. Namoonni kopheen warshaa qofatti hojjetama jedhanii yaadan ammoo natti qoosaafi shakkiidhaan na ilaalaa turan” jedha. 

Gaafa hojicha jalqabu qofaadhumasaa hojjechaa waan tureef dadhabbii akka qabu kan himu dargaggoon kun, gaafa inni guyyaa guutuu hojjechaa oolee hamma halkan sa’aatii saddeetiitti turullee jiraachuu dubbata. Takka turee garuu yommuu kopheen inni hojjetu baramuu eegalu humna dabalachuun waan irra tureef namoota laman miindeeffachuusaa ibsa.  

Hojiin haala kanaan eegalame guddachaa, hojiinsaas jaal’atamaa dhufuufi amma waardiyyaa dabalatee namoota 18f carraa hojii banuu eeree, hammuma maamillisaa baay’achaafi fedhiin dabalaa deemuu baay’inni nama qacaramuus akka dabalu hima.  Kophee inni hojjetu kalaqa mataasaa yoo ta’u, simboofi cimina waan qabuuf namoonni daran jaalachaafi akka jiran kaasa.

Namoonni biyya alaatiillee akka isa ajajataniifi ergaafii akka jiru ibsee, keessumaa amma haalli nageenyaa xiqqoo sirrii waan hintaaneef malee baay’inaan Sudaanitti ergaa akka tureefi barbaadamummaansaa guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jiraachuu dubbata.

Fedhiin jiruufi hammi isaan omishaa jiranillee walsimaa akka hinjirre kan eeru dargaggoo Geetuun, kanaafis akka sababaatti, bakki gurgurtaa dhiphaa ta’uufi gatiin maashinootaa mi’aa ta’uusaatiin bitachuu dadhabuu ibsa. Amma garuu, mootummaan lafa kan kenneef ta’uufi maashinoota hojiif fayyadanis liqaadhaan waan dhiheesseefiif rakkoonsaa ni furama jedhee abdii akka qabu ibsa.

Gaafa hojicha eegale baay’inaan kophee dhiirotaa hojjechaa kan ture Geetuun, amma kan shamarraniifi daa’immaniillee eegaluusaa dubbata. Kophee inni hojjetu warshaarraa adda kan isa taasisu ogummaa harkaallee kan qabu ta’uusaatiin miidhagaa ta’uusaafi yeroo baay’ee warshaaleen lakkoofsa 43 ol waan hin hojenneef namoonni miila gurguddaa qaban kophee argachuu hindandeenye isaan biratti ajajaan lakkoofsa barbaadan, kana malees namoonni dizaayinii mataasaaniif jaal’atan yoo itti agarsiifatan akkasaan barbaadanitti kan hojjetuuf ta’uu kaasa.  

Kopheen warra dhiiraa ol dheeraafi keessumaa yeroo gannaaf kan filatamu ta’us, bonas surree dargaggoonni si’ana uffatan waliin waan bareeduuf barbaadamaa ta’uufi keessumaammoo wardiyyootaafi loltootaaf mijataa waan ta’eef baay’inaan ajajamee akka hojjetu eera.

Maamiltoonnisaa namoota dhuunfaa qofa osoo hintaane dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa garagaraa ta’uu kan eeru dargaggoon kun, keessumaa dhaabbileen miti mootummaa namoota miilasaanii dhukkubu gargaaran baay’inaan ajajanii hojjechiifatu. Akkasumas, dhukkubsattoonni sababa garagaraatiin miillisaanii walcaaluufi hospitaalota garagaraarraa kopheen isaniif ta’u ajajamuufis isa biratti kan hojjechiifatan akka ta’e dubbata.

Fuuldurattis suuqii amma keessa jiru kana guddisuun warshaatti jijjiiruuf yaada akka qabuufi haalli amma irra jiru gara sanatti kan isa geessu ta’uu ibsee, kanaafis lafa kennamefirratti ijaarsa eegaluusaafi yeroo sanatti humna nama hojjetu dabalachuun hamma omishuusaaniis guddisuun fedhii gabaa guutuuf yaada qabaachuu kaasa.

Haala amma jiruun guyyaatti giddugaleessaan kophee ga’eessootaa 20 ol hojjechuu waan hindandeenyeef dandeettiin hojjechuusaanii gitamaafi waan argachuu qaban dhabaa jiraachuu ibsa.

Gama gatiitiinis qulqullina kophee hojjetan waliin haala walsimuufi humna nama bituu haala hinmiineen kan dhiheessan yoo ta’u, kopheen dhiirootaa qarshii kumaafi 700 hanga kuma lamaatti akkasumas, xiqqaan isaa qarshii 400-500 kan gurguramu ta’uu hima.

“Gatii wajjiin walqabatees kopheen keenya gogaa qulqulluu waan ta’eef darbees bonallee kan hingubne waan ta’eef namoonni qulqullinasaa hubataniiru; komiis hinkaasan. Kanarraa kan ka’e ajajni nuu dhufuyyuu dabalaa jira. Artistoonni keenyallee haala adda ta’een akka isaaniif mijatutti ajajachuu eegalaniiru” jedha.

Akka Dargaggoo Geetuun ibsutti, meeshaa ittiin hojjetamuun walqabates gogaa qulqullurraa waan hojjetamuuf alaa galchu. Haala amma jiruun rakkoo guddaa itti ta’aa kan jirullee isa ta’uu dubbata. Ta’us Liiziin Oromiyaa gama kanaan haala isaanii mijeessuusaafi caalaattimmoo omishasaanii baay’inaan gara Finfinneefi bakkeewwan birootti waan erganiif utuu bakki gurgurtaa gama mootummaatiin mijateefi gabaa keessa seenanii dorgomaa ta’uu akka barbaadan dubbata. 

Dhumarratti, dargaggonni baratanii xumuranii hojii mootummaa eeggatan baay’een akka jiran kaasee, kun garuu sirrii akka hintaaneefi namni kennaa qabu kennaasaa adda baafatee hojii xiqqaa guddaa osoo hinjedhin utuu hojjetee ofirra darbee namaafu bu’aa buusa jedha. Humna dargaggummaatti yeroodhaan fayyadamuun dadhabbii kam keessayyuu darbanii waa tokkorra ga’uun akka danda’amu eeree, daraggoonni baay’een bu’aa ba’ii milkaa’uu bira ga’uuf jiru jibbu; garuu waa tokkotti ba’uun kan danda’amu yoo ifaajan waan ta’eef waa hunda obsanii bira darbuun bakka yaadan bira ga’uu qabu jechuun dhaama.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013

Recommended For You