Rattaa Tasfaayee: Barataa qaxalee ‘A+’ 41fi ‘A’ torba fiduun waancaa badhaafame, mindeeffame

Saamraawiit Girmaatiin

“Namni gaafa dhalatu sammuu qulqulluu qabatedhuma dhalata malee sammuu cimaa ykn dadhabaa qabatee hindhalatu” jedhu hayyoonni xiinsammuu.

Dhugumammoo waan qabatamaadhaan jiru yoo ilaalle haala itti fayyadama keenyatu ciminaafi dadhabina keenya ibsa. Sammuu nuu kennametti haalaa yoo fayyadamne hojii ofiirra darbee addunyaaf ga’u hojjechuu dandadeenya; fayyadamuu baannaan ammoo doofummaa keessatti hafnee maatiifis biyyaafis ba’aa ta’uu dandeenya.

Hayyuun fiiziksii Albarti Insitaayin daa’imummaasaatti barataa barumsaan dadhabaa akka turedha kan himamu. Seera mana barumsaa cimaafi barnoota sammuutti qabachuuf wantoota irra deddeebiin barsiifamanis akka jibbu dubbatama. Garuu adeemsa keessa wantoonni jijjiiramanii saayintistii beekamaa ta’uu danda’eera.

Naannawaa keenyattis barattoonni jalqabarratti barnootarratti hangas mara qaxalummaa hinqabne, boodarra barattoota sadarkaa ta’uun gaafa isaan qabxii olaanaa galmeesisan inuma agarra.

Kanneen sadarkaa giddugaleessaarra turan yommuu barnoota olaanaa seenan darna cimuun fakkeenya barattootaas ni ta’u. Qeerroon nuti har’a muuxannoosaa isinii qooduu barbaannes barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaatti barataa sadarkaa giddugaleessaa kan ture yoo ta’u, yunvarsiitii wayita seenu garuu qaxalee ta’uu qabxii afur fidee waancaafi meedaaliyaa badhaafameera.

Barataan kun Rattaa Tasfaayee jedhama. Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Gudayyaa Biilaa, Ganda Haroo  jedhamutti dhalate. Yommuu umriinsaa barnootaaf ga’us mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Gudayyaa Biilaa, bakka dhalootasaarraa daqiiqaa 40 ol deemsisutti deddeebi’aa barate. Akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu yeroo boqonnaasaatti maatiisaa gargaraati barnootasaa kan hordofe. 

Haala kanaan barnootasaa sadarkaa tokkoffaa xumuree gara sadarkaa lammaffaatti yommuu darbus maatiirraa fagaatee mana kireeffatee aanaadhuma sanatti barachuuf dirqame.

Achittis barnootasaa kutaa 12fa xumuree yunvarsiitii seenuun qabxii olaanaa galmeesisuu danda’eera. Barataa Rattaan muummee barnootaa ‘Agriculture and plant Science’ Yunvarsiitii Bulee Horaatti kan barate yoo ta’u, akaakuu barnootaa 41 ‘A+’, torbammoo ‘A’ fidee tibbana qabxii oolaanaadhaan eebbifameera. 

Akka inni jedhutti, yommuu barnoota sadarkaa tokkoffaa baratu manarraa xiqqoo waan fagaatuuf miilaan deddeebi’ee barachuufi yeroo ishee qabuttimmoo maatii gargaraa waan tureef dubbisuuf yeroo baay’ee qabaachaa hinturre.

Sadarkaa lammaffaatti ammoo hanga tokko fooyya’ullee barataa sadarkaa hinturre. Barnoota qophaa’inaas damee barnootaa saayinsii uumamaa kan barate yoo ta’u, qormaata kutaa 12fa qabxii hanga barbaadu fiduu dhabuus carraa yunvarsiitii seenuu argateera. Fedhiinsaa barnoota Fayyaa barachuu turus qabxii isaaf ga’u waan hinraganneef barnoota ‘Agriculture and plant Science’ barateera.

Bara 2011 yunvarsiitii Bulee Horaa kan seene barataan kun waggoota sadiif barachuun barana eebbifame. Yeroo inni yunvarsiitii seenetti haalli nageenyaa yaaddessaafi maatiinillee ijoolleensaanii bakka fagoo deemaniif hinjajjabeessinetti akka ture kaasee, waggaa ittaanummoo weerarri koronaa barnootarratti dhiibbaa olaanaa uumuu ibsa. Waliigala waggoonni sadan inni barate sababoota eeramaniin rakkoo qabaachuu dubbata.

Haalli kaminuu haa jiraatu malee gaafuma mooraa yunvarsiitii seene barataa cimaa ta’uuf ofitti himuun of qopheesseefi of amansiisuu ibsee, akaakuu barnootaa barbaadurratti ramadamuu dhabuunsaas dhiibbaa akka irratti hinuumne hima.

Barnootasaatti cimuufi akkaataa itti barnootasaa qo’atuufi barsiisaa hordofuurratti mala isaaf ta’u qopheeffachuun cimee barataa akka ture ibsa. Haaluma kanaan sagantaa yeroo dubbisuu, yeroo boqochuufi dhimmoota garagaraa itti raawwatatu qopheeffachuu dubbata.

Yommuu baratan gufuuwwan garagaraa nama mudachuun kaayyoo ofiirraa nama hambisuu kan hinqabne ta’uu eeree, barattoonni baay’een garuu sagantaasaanii haala wajjin taasifachuu dhabuusaaniitiin kaayyoosaaniirraa gufachuu kaasa. Gaafa haalli jijjiiramu haalaa wajjin of qopheessuu dhabuun bakka barbaadan akka hingeenyeef gufuu akka ta’u barattoonni baay’ee akka hubannaa hinqabne ibsa.

Akka Rattaan jedhutti, adeemsa barachuu keessatti yeroo hunda mala qo’annaa walfakkaataa fayyadamuun bu’aa qabeessa nama hintaasisu. Haala wajjin geggeeddaraa deemuun dirqama. Fakkeenyaaf yeroo koronaa sana haalli baruu barsiisuu guutuutti jijjiiramee ture. Yeroos akkuma dur qayyabatan qofatti qayyabatu taanaan qabxii yaadan sana fiduun rakkisaadha. Hammaafi akkataa duraan dubbisaa turan itti dabaluun, kitaaboota garagaraa baay’inaan dubbisuun barbaachisaadha.

“Qarreefi qeerroon hedduu  kanneen sadarkaa tokkoffaafi lammaffaatti qaxale turan wantoota garagaraan gowwomfamuufi of dagachuun yommuu yunvarsiitii seenan qabxiinsaanii kan gadi bu’uu ta’uus ani nama waldaatti qabamee guddadhe waanin ta’eef akkuman mooraa seeneen miseensa feeloshippii barattootaattin dabalame.

Yommuun waggaa lammaffaa ga’ummoo koreetti makamuun gaggeessaa ta’ee hojjechaa waanin tureef amala badaaf hinsaaxilamne. Kanaan qabamuun koommoo yeroo hafaa qabaadhee akkan waan biraatti hindeemnes na gargaareera” jedha.

Waliigala yunvarsiitiin bakka namni tokko dandeettiisaa itti madaaluufi barnoota hammam akka danda’u adda itti baafatu ta’uu eeree, kanaafis jalqabuma gara yunvarsiitii gaafa deeman miira “nan danda’a, nan hojjedha, nan milkaa’as”  jedhu qabatanii deemuu akka barbaachiisu eera.

Erga seenan boodas waadaa ofii seenan yaadachaa barnoota sirriitti hordoofuu, hiriyyoota filachuu, yerootti fayyadamufi waan hundaaf sagantaa qopheeffachuu dandeenyaan wanti hunduu akka danda’amu ibsa. Keessumaa wantootatti abdii kutachuun kaayyoo ofiirraa waan nama han kaasuuf qarreefi qeerroon haalota kamiifuu jilbeenfachuufi abdii kutachuu akka hinqabne dhaama.

Fuulduratti ogummaa barateen ummataafi biyyasaa tajaajiluuf qophii ta’u kan himu barataa Rattaan, kanarra darbees barnootasaa itti fufuun akkasumas, qorannoowwan garagaraa qorachuun gama sanaan milkaa’uufi jijjiirama fiduuf akka yaadu ibsa. Keessumaa bu’aa qorannoo inni taasisu fiduurraas maatii, hawaasniifi biyyi akka fayyadamaniif akka hojjetu dubbata.

Bariisaa Rattaa kan ta’an Barsiisaa Taaddalaa Gannatii yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, Yunvarsiitii Bulee Horaa barsiisuu erga eegalanii waggoota afur ta’uu eeranii, akka carraa ta’ee waggoota sadiif koorsiiwwan afur isa barsiisuusaaniifi  kanneenittis qabxii walfakkaataa ‘A+’ galmeesisuusaa ibsu.

Barataan kun ciminnisaa barnoota qofaa osoo hintaane jireenya hawaasummaafi naamusa mooraa keessatti agarsiisuunillee fakkeenya ta’uu kan danda’u ta’uu ibsanii, barataa kanas barattoota kaanirraa adda kan taasisu barnootasaa haalaan hordofee qabxii gaarii walitti fufiinsaan galmeesisuu danda’uu ta’uu himu.

Akka Barsiisaa Taaddalaan jedhanitti, barattoonni biroos Rattaarraa naamusa baratummaa, eenyummaafi qaxalummaasaa irraa barachuu qabu. Barataan qaxalee kunis beekumsaafi muuxannoosaa dargaggoota kaaniif akka qooduuf jecha Yunvarsiitii Bulee Horaa keessatti hafee barsiisuummaadhaan akka mindeeffamuuf murtaa’uu dubbatu.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You