Invastimantiin Oromiyaa eessaa garamitti?

Sinqinash Alamuutiin

Wayita ammaa guddina biyya tokkoo mirkaneessuuf dinagdee naannoorratti hojjechuun barbaachisaadha. Dinagdeemoo foyyeessuuf invastimantii bal’inaan, qulqullina barbaachisuunifi haala walittifufaa ta’een hojiirra oolchuun daran barbaachisaadha.

Mootummaan naannoo Oromiyaas waggoota sadan darbanitti rakkoolee lafa invastimantiif ta’u fudhatanii irrattii hojjechuu dhabuu, waggoota dheeraaf hojii lafarra harkisuufi toora xiyyeeffannoo adda baasuu dhabuun mudachaa tureera.

Waajirri Pirezidaantii Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa sagantaa marii ‘Gumii Balal’ jedhu qopheesserratti Komishinarri Ittaannaa Komishinii Invastimantii Oromiyaa Obbo Lataa Abbabaa yaada kennaniin, erga jijjiiramni dhufee as bu’aaleen hedduu gama invastimantiin galamaa’aniru.

Biyyattiin waggoota hedduuf deeggarsa qamadii biyyoota alaarraa argattuun deeggaramaa waan turteef mootummaan ce’uumsaa akkuma aangootti dhufeen tarkaanfiin jalqabaa fudhatee labsii invastimantii dhuunfaa baasuu ture.

Labsiin kunis akka biyyaatti bara 1984 kan bahe yoo ta’u, akka Oromiyaatti bara 1985 bahe. Imaammanni mootummaan duraan biyyattii hogganaa ture hordofe biyyattii hiyyummaa keessa galchee ture.

Rakkoo kana keessaa bahuuf hirmaannaan abbootii qabeenyaa murteessaa waan ta’eef labsii invastimantii baasuun barbaachisaa ture. Labsichis hanga ammaatti tajaajilaa kan jiru yoo ta’u, amalli ittifayyadama pirojektota biyyattii keessatti baratamaa waan hintaaneef yeroo jalqabaa pirojektota sasalphootu gara biyya keessaa gala ture. Isaan keessaa horii gabbisuu, buna miccuufi qonna jallisiidhaan gaggeessuun ni eeramu.

Namoonnis waanuma danda’aniin akka ofijaaraniif jajjabeessaniif pirojektota saayinsaawoo osoo hintaane karuma baratameen gaggeeffamaa ture waan ta’eef hanqina humna, barnootaafi muuxannootiin raawwii gadaanaan galmaa’aa tureera. Ta’us akka Oromiyaatti pirojektonni hanga ammaatti jiran namoota kuma 753 oliif carraa hojii uumaniiru jedhan.

Namoonni dhaabbiidhaan carraa hojii argaan kuma 400 ol yoo ta’an, yeroon kuma 351 ol ta’u. Pirojektota kanneen keessaa kuma 12 abbootii qabeenyaa biyya keessaatiin kan hogganamaniidha.

Abbootii qabeenyaa qofarratti xiyyeeffachuun bu’aa qabeessa waan hintaaneef erga riifoormiin jalqabamee as qonnaan bultoota gara hojiitti galchuun pirojektota kuma 350 ol hojii invastimantii akka gaggeessan taasifamuus eeraniiru.

Waggoota sadan darban dura qonnaan bulaan lafasaarratti hojii invastimantii gaggeessuu yoo danda’es kaffaltii beenyaatiin laficha gadilakkisee abbootiin qabeenyaa birootiin irratti hojjetamaa waan tureef haalli mijataafi milkaa’inni hinturre.

Xiyyeeffannaa damichaaf waggoota sadan darbanitti kennameen qonnaan bultoonni kuma kuma shanii oliif pirojektota kuma 6,900 kennamuus himaniiru.

Jijjiiramaa as kan mul’ate baay’ina pirojektotaa qofa osoo hintaane akaakuuwwanis kan of keessatti haammatedha jedhanii, pirojektonni armaan dura kennamaa turan fedhii abbootii qabeenyaa qofarratti kan hunda’an ta’uufi wayita ammaa garuu fedhii abbootii qabeenyaas giddugaleeffachuun kan ummataafi mootummaarratti hundaa’amee hojjetamaa jiraachu beeksisaniiru.

Baay’ina carraa hojii uumuu, sharaffa alaa argamsiisuu, hanqina hawaasaa guutuufi saayinsiifi teknolojii babal’isuu giddugaleeffachuun raawwatamaa jiraachuus ibsaniiru.

Yeroo gabaabaa as pirojektota guguddoo kanneen akka sibiilaa, konkolaataafi simintoo biyyattiif abdii ta’anirratti xiyyeeffatamee eeyyamni kannamaa jira jedhanii; gama gufuulee invastimantii xiinxaluufi filachuutiin mudachaa ture furuun muuxannoo argameen bu’aalee guguddaa waggoota sadan darban kanneen keessatti galmaa’uu beeksisaniiru.

Kaappitaalli invastimantii waggoota 28 darbanii qarshii biliyoona 538 yoo ta’u, waggoota sadan darban kanneenitti qarshii biliyoona 141n pirojektota meeggaa sochoosuun bu’aa gaariin galamaa’uu eeran.

Bu’uurri invastimantii qusannaa waan ta’eef abbaan qabeenyaa dhibbantaa 30 akka qusatu taasifamuun dhibbantaa 70 ammoo liqii baankiitiin akka hojii invastimantiirratti hirmaatu taasifama.

Haaluma kanaan wayita ammaa qusannan qarshii biliyoona 161 gaheera. Kunimmoo ummanni biyyaatti qusachaa akka jiru hubachiisa jedhan Obbo Lataan.

Naannichi alergii biyyattiin raawwatte keessaa dhibbantaan 93 gumaacheera. Gama ‘Horticulture’n akkuma biyyatiittuu naannichi kan beekamu yoo ta’u, pirojektota 68 abaaboo alatti ergan keessaa 64 naannichatti argamu. Pirojektonni kunneen carraa hojii uumuun ala sharafa alaa olaanaa argamsiisaniiru. Gama ‘manufacturing’n foon qalanii eerguun, gogaafi huccuun dhibbantaa 42 gumaachaa kan jiru pirojektota invastimantii naannichaati jedhan.

Kanaaf sochiin invastimantii naannichaa jajjabeessaa ta’aa dhufuun jijjiirama akka naannichaatti galmaa’an cinaatti akkuma biyyaattuu bu’aa olaanaa qaba. Hanga ammaattii abbootiin qabeenyaa hojii piromoshiniin ala qabeenya naannichi qabu ilaaluun irratti hojjechuuf gara naannichaa kan dhufan yoo ta’u, waggoota sadan darbanitti garuu haala kanaan dorgomaa ta’uun rakkisaa waan ta’eef hojiin piromoshiinii qabeenyaafi humna namaa dhamaatii malee haala ammayyaatiin hojiin beeksiisuu hojjetameeras jedhan.

Magaalonni Oromiyaa dhibbantaa 55-60 galii kan argatan pirojektii invatimantiirraa yoo ta’u, innis liizii, gibiraafi taaksiirraati. Kunis waggoota sadii dura waldaaleen dhunfaa galii magaalota Oromiyaa mootummaa federaalaatiif wayita galii taasisaa turanitti.

Wayita ammaa garuu magaalonni galii invastimantiirraa argatanitti fayyadamuun rakkoolee bu’uuraalee misoomaa hiikuu cinaatti naannicha gara guddina dinagdee fooyya’aatti ceessisaa jiru.

Pirojektonni invastimatii Oromiyaa hedduun tajaajila hoteelaafi daldalaa yoo ta’an, baankiiwwaniis pirojektota kanneeniif liqii kennaa akka turan nibeekama. Kanuma wajjin walqabatee invastimantiin dhibbantaa 85 magaalaa keessa kan jiru yoo ta’u, dhibbantaa 15 qofatu baadiyyatti argama.

Jijjiirama as garuu invastimantii baadiyyaa gara dhibbantaa 40tti guddisuun kan magaalotaa ammoo gara 60tti xiqqeessuun akka walsimatuufi walutubu taasisuuf yaalamuu eeran.

Ivastimantiin qonnaa gara agroo industiriitti, achii manuufakchariingiitti guddisuun, invastimantii tajaajilaa hojiirra oolchuun nidanda’ama. Kanaaf xiyyeeffannoon mootummaas fedhii hawaasaa giddugaleeffachuun invastimantii qonnaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennus Obbo Lataan eeraniiru.

Wayita mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufetti gama invastimantiin kaka’umsa uumuun wayita dinagdee jajjabeessaa turetti hanqinoonni hedduun mudachaa turan.

Hanqinoonni kunniinis aadaa qusannaa gaarii dhabuu, baankotarraa hanga barbaadame liqii argachuu dhabuufi humni nama baratee jiraatus pirojektota gaggeessuuf hanga barbaachisuun ga’umsa dhabuufaa ta’uus eeraniiru.

Hanqina ga’umsaa kanaa furuuf ammoo yunvarsitoota Jimmaafi Haromaayaa damee hortikaalchariirraattii hojjechuun bu’aa galmeessisaa jiru. Barattoonnis barnoota sadarkaa yaaddiddamaatiin baratan haala qabatamaan akka hubatan carraa waan banuuf pirojektota invastimantii boriitiif galtee guddaa ta’u jechuudha.

Dameen invastimantii hojjetoota damichaa jalatti hojjatan wayita hojicha gaggeessanitti muuxannoo argataniin dhuunfaan yookaan gurmaa’uun abbaa qabeenyaa akka ta’an carraa gaarii ta’a. Fakkeenyaaf namni warshaa keessatti huccuu hodhuun galii argatu qusachuun, muuxannoo gonfatetti fayyadammee hojii dhuunfaasaa uummatee abbaa qabeenyaa ta’uu danda’a.

Akka waliigalaatti wayita ammaa namnis ta’e dhaabbanni kutaa addunyaa kamirrayyuu jiru Oromiyaatti hojii invastimantii gaggeessuu yoo barbaade bakkuma jirutti odeeffannoo waliigalaa naannichaa argachuu waan danda’uuf haala salphaan dhufee damee barbaaderratti bobba’ee abbaa qabeenyaa ta’uufi dargaggoota hedduuf carraa hojii banuu danda’a.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You