“Oromiyaatti ittifayyadama bajataarratti jijjiiramni guddaan mul’achaa jira” -Obbo Tolasaa Gadafaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Oromiyaatti rakkooleen ittifayyadama bajataan walqabatanii mul’atan furamaa deemuun keessumaa waggoota sadii as jijjiiramni guddaan mul’achaa jiraachuu Biiroon Walta’insa Dinagdee naannichaa ibse.

Hogganaa biirichaa Obbo Tolasaa Gadafaa ibsa Roobii darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, bajata naannichaa karoora qabameef oolchuurratti rakkooleen gara garaa mul’achaa turan furuuf to’annoofi hordoffii cimaa taasifameen jijjiiramni guddaan mul’achaa jira. Keessumaa jijjiirama ittifayyadama bajartaarratti waggoota sadii as mul’atan ittifufsiisuun bajata naannichaa karoora qabameef oolchuun hojii cimee ittifufu ta’uu himaniiru.

Bajatni caffeen naannichaa waggaa waggaan raggaasisu dabalaa jiraatus fedhii ummataa waliin yoo madaalamu hanqina guddaa qabaachuu kan qabu ta’uu himanii, bajaticha guutummaatti kaayyoo qabameef oolchuurratti garuu ammayyuu hanqinni ni mul’ata. To’annoofi hordoffii cimaa keessumaa waggoota sadii as ittifayyadama bajataarratti taasifamaa tureen jijjiiramni guddaan galmaa’aa hojiileen misoomaa hedduun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Jijjiramaan dura ilaachi hoggansaa waan karoorfanne raawwachuu qabna jedhu akka yeroo ammaatti bu’uura hinqabanne kan jedhan Obbo Tolasaan, quuqamni hoggantootni fedhii ummataa guutuuf qabanis akka ammaa hinturre. Bilisaan waan hunda hojjechuurratti rakkoo guddaan hoggantoota qunnamaa waan tureef ittifayyadama bajataafi raawwiirratti hanqina guddaatu mul’achaa ture jedhu.

Jijjiiramaan as hojii hordoffiifi to’annaa ittifayyadama bajataarratti taasifameefi ilaacha danqaa ture sirreessuuf hojjetameen hoggantoonni bilisaan hojjechuu kan danda’an ta’uu himanii, kun ittifayyadama bajataarratti jijjiiramni gaariin akka mul’atuufi ijaarsi pirojektota waggootaaf lafarra harkifataa turan dafanii xumuramanii tajaajilaaf akka oolan ta’aa jira. Bajata ramadame guutummaatti kaayyoo ramadameef oolchuufi ijaarsi pirojektootaa yeroo qabameef keessatti xumuruurratti ammayyuu hanqnaaleen mul’atan jiraachuu dubbatu.

Ittifayyadama bajataarratti to’annoofi hordoffii cimaa taasisuufi ilaalcha danqaa duraan ture sirreessuuf hojii raawwatamaa tureen bu’aa gaariin galmaa’aa jiraachuu eeranii, jijjiiramaa as ummannis fuulasaa gara misoomaatti naanneffachuun hojiilee misoomaa mootummaan hojjechaa hirmaatee hojjechaa jira. Barana hojiileen misoomaa qarshii biliyoona 20 olitti tilmaamamu hirmaannaa ummataatiin kan hojjetame ta’uus eeraniiru.

Caffeen Oromiyaa bara bajataa 2013f qarshii biiliyoona 90 raggaasisuusaa kan eeran Obbo Tolasaan, yeroo ammaa meeshaa bitameefi hojjii xumurameef qofa kaffaltiin akka raawwatamu waan taasifameef bajatni akka kanaan duraa seeraan ala qisaasa’aa hinjiru. Manneen hojiis wantoota dirqama barbaachisoo ta’aniin ala kurmaana sadaffaa booda bittaa akka hinraawwanne ta’eera jedhu.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013

Recommended For You