Itiyoo Telekoom tajaajila ‘4G LTE Advanced’ magaalota biyyattiitti babal’isuuf hojjechaa jira

 Natsaannat Taaddasaatiin

 Jimma: Itiyoo Teelkoom barana tajaajila ‘4G LTE Advanced’ intarneetii mobaayilii daran saffisiisu magaalota biyyattii 103tti babal’isuuf hojjechaa jira. Itiyoo Telekoom Kibxata darbe tajaajila (‘4G LTE Advanced’) kan Riijinii Kibba Lixaa magaalaa Jimmaatti jalqabsiise. Tajaajilichi magaalotni sagal (Jimma, Aggaaroo, Beddellee, Boongaa, Koyishaa, Mattuu, Miizaan, Teeppiifi Maashaan) fayyadamoo taasiseera.

Raawwachiistuun Hojii Itiyoo Telekoom Firahiwat Taammiruu saganticharratti akka jedhanitti, Itiyoo Teelekom hanga har’aatti Finfinneedhaan ala magaalota biyyattii 52fi maamiloota kuma 350 fayyadamtoota ‘4G LTE Advanced’ taasiseera.

Hojiin tajaajilicha babal’isuun kan ittifufu ta’uufi tajaajila dhaloota 5fa (5G) biyyattiitti jalqabsiisuufis hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Itiyoo Teelekoom waggoota 127 darbaniif sagalee, barreeffama ergaa gabaabaafi interneetiidhaan maamiltootasaa tajaajilaa turuu himanii, ji’a tokkoo as ammoo tajaajila ‘Telebirr’ jedhamu jalqabsiiseera. Tajaajilichi qarshii utuu harkatti hinbaatin mobaayilii fayyadamuudhaan bittaafi gurgurtaa raawwachuu, qarshii erguufi fudhachuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Itiyoo Teelekoom ji’a tokko keessatti maamiltoota ‘Telebirr’ miliyoona 4.4 kan horate ta’uu himanii, kun maamiltoonni faayinaansii dijitaalawaa fayyadamuuf fedhii guddaa kan qaban ta’uu agarsiisa. Yeroo ammaa Baankiin Daldala Itoophiyaafi Baankiin Abisiiniyaa ‘Telebirr’ waliin ta’anii tajaajila kennuu kan jalqaban ta’uus himaniiru.

Tajaajilli ‘Telebirr’ dinagdee biyyattii guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, kubbaaniyichi waggaa jalqabaatti maamiltoota ‘Telebirr’ miliyoona 22, waggaa shan keessatti ammoo maamiltoota miliyoona 33 horachuuf karoorfatee hojjechaa jira. Waggaa shan keessatti tajaajilichaan qarshii tiriiliyeenii 3.5 sochoosuuf karoorfatee hojjechaa kan jiru ta’uus eeraniiru.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013

Recommended For You