Eenyummaa Oromummaa deebisuuf tarkaanfii jalqabaa: Manneen barnoota Afaan Oromoo

Bayyanaa Ibraahimiin

Lafa ganama Oromoon facaafatee irraa haamatu, horsiisee irraa unatu, bobbaafatee irratti tikfatuufi horatti bahee immoo uumaasaa itti galateeffatutu gaafa Oromoon alagaadhaan cabe sanatti handhuurri Oromiyaa Finfinneenis Oromootti garaa jabaachuuf dirqamte. Dirreen bobbaa ganamaafi karra ilmaan Galaaniifi Eekkaa taate tun sirna gabroomfataadhaan butamtee akka falfala gowwaatti ofiisheef of nyaatte.

Abbaan biyyaa sababa garaagaraatiin qe’eesaarraa dhiibamee alagoomfame. Ormi lafaaf nama naannawa sanaatiif keessummaa ta’e immoo abbaa biyyaa itti ta’ee warra qe’eetiif sodaa guddaa ta’e.

Jaarraa tokkoo oliif gidiraa hanga wareegama lubbuutti gaafatu kanfalaa kan ture hawaasni Oromoo nannawa kana jiraatu, osoo ofii bishaan qulqulluu hinargatin Finfinnee obaasaa, osoo ofii mana barnootaa hinargatin Finfinnee barsiisaa, osoo ofii quufee hin nyaatin Finfinnee sooruudhaan guddina magaalattiin har’a irra geesse keessatti ga’ee bakka bu’ummaa hinqabne bahate.

Hawaasni ofiisaatii agabuu bulee jiraataa magaalattii sooru kun garuu waggoota hedduuf kabaja isaa malu dhabee akka lammii lammaffaatti ilaalamuuf dirqamuunsaas seenaa yeroo dhihooti. Miidhaan sirnootni dhufaa darbaan ummata kanarra qaqqabaa turemmoo lafasaanii beenyaa xiqqaa ta’een harkaa fudhachuu bira darbee, hanga eenyummaasaanii dagachiisuutti kan ga’uudha.

Tajaajilootni bu’uraa gama mootummaafi qaamota garagaraatiin hawaasa kanaaf dhihaachaa turanis afaan isaan itti dhalatanii guddataniin waan hintaaneef, hawaasichi aadaafi afaansaa akka hinguddifanne, safuufi duudhaa Oromtichaa isa ganamaa akka dagatuufi eenyummaa saba biraa akka fudhatu taasifameera.

Kana qofaa osoo hintaane immoo, dhalootni haaraa boodaa dhufu waa’ee eenyummaasaa seenaa sabasaa akka dagatuuf jecha afaan dhalootaatiin osoo hintaane afaan birootiin akka baratuuf dirqisiifame.

Manneen barnootaa darbanii darbanii naannawa kanatti ijaaramanis yoo jiraataniif garuu kan isaan barsiisaaniin afaan Amaaraa qofaan waan tureef dhalattoonni naannawaa kanatti maatii Oromoorraa dhalatan carraa barumsaa kanatti fayyadamuu hindandeenye.

Warrootni yaaluudhaaf gara mana barumsaatti galanis yoo jiraatan inni kuun hamma tokko baratee gaafa itti ulfaatu barumsa itti dhiisee biraa manatti ol deebi’uuf dirqama. Barataaan fira nama baratee qabuufi maatii afaan Amaaraa danda’urraa dhalate immoo carraa argametti fayyadamee barumsaan hanga dhumaatti imaluuf ni yaala.

Dargaggoo Girmaa Toofiq, barattoota Mana Barumsaa Haacaaluu Hundeessaa naannawaa Galaanitti ijaarame keessatti carraa afaan dhalootaatiin barachuu argate keessaa isa tokko yemmuu ta’u, obboleessaa hangafti garuu carraa afaan ofiitiin barachuu kana dhabee baruumsa giddutti addaan kutee galuu dubbata.

Akka barataan Girmaan jedhutti, ijoolleen Oromoo naannawa Galaanitti dhalatanii guddatan hedduunsaanii barumsaan sadarkaa olaanaarra gahuu kan dadhabaniif sababni inni guddaan carraa mana barumsaatti afaan dhalootaatiin barachuu dhabuusaaniitiin.

“Obboleessikoo hangafti barumsa yemmuu eegalurraa kaasee hanga addaan kutee manatti deebi’utti dhiphinni isarraa mul’atu hanga ammaatti fuulakoo duraa hinbadu. Boodarratti gaafa humnasaatii ol ta’uu hubatee adda kutee galus immoo kan isa eeggatu hoji dhabdummaa akka ta’e waan bareef garri lachuu rakkoo ta’uu osoo beekuu rakkoo tokkorraa kan isa biraa filatee manatti gale” jedha.

Maatiin isaaniimmoo maqaa misoomaatiin naannawa amma Kondominiyeemiin Galaan itti ijaaramerraa waan buqqa’aniif humna ittiin iddoo manni barumsi afaan Oromoo jiruttu geessanii isa barsiisaniin waan hinqabneef isaaniis dhiphinatti galuu kaasa.

Handhuura Oromiyaatti afaan Oromootiin barachuu dhabuunsaanii hamileesaanii osoo hinlaaffisiin qeerroo Oromiyaa hunda waliin ta’uun qabsaa’uun sirna cunqursaa qe’eesaaniitti afaan abbaasaaniin barachuu dhorke sana fonqolchuusaaniitiin keenyaan carraa afaan keenyaan barachuu arganneerra.

Ijoolleen buqqaatota hedduu carraa kana osoo hinargatiin hafuusaaniitiin umrii itti barachuu qabanitti hojii humnaa olii hojjachuudhaaf dirqamanii dhibee adda addaatiif saaxilaman hedduu jiraachuu kan himu barataa Girmaan, isaan immoo bakka abboonnisaanii irraa buqqifamanitti manni barnootaa afaansaanii itti baratan argachuusaaniitti Bulchiinsa Magaalaa Fininnee kan galateeffatan ta’uu ibsa.

Dargaggoonni nannawa kanaa carraa kanatti fayyadamuudhaan eenyummaa Oromummaa naannawa kanatti laafatee turte bayyannachiisuudhaaf tattaaffachuu akka qabanis ni dhaama.

Miidhaa hanga ammaa Finfinneen hawaasa Oromoo naannawa kana jiraatan irra geesisite keessaa inni guddaan eenyummaa Oromummaa akka dagatu taasisuushee ta’uu kan himu immoo dargaggoo Asaffaa Bulchaa, hojiin yeroo ammaa hoggansi jijjiiramaa magaalattii buqqaatota deebisee dhaabuudhaaf taasisaa jiru keessattis dursi kan kennamuufi qabu dhimma eenyummaa Oromummaa deebisanii dagaagsuu ta’uu akka qabu dubbata.

Lafti qonnaa abbootasaanii maqaa misoomaatiin waggoota kudhaniin duratti mootummaadhaan waan irraa fudhatameef waan ittiin jiraatan dhabanii jiruu hiyyummaa keessa galuusaanii kan himu Asaffaan, kun immoo seenaa maatiisaa qofa osoo hin taane, seenaa Oromoota Finfinnee hundaa ta’uu eera.

Akka ibsa dargaggoo kanaatti, miidhaan kanaan dura hawaasa naannawa kanaarra gahaa ture kutaa Oromiyaa kamuu irra gahee kan hinbeekneedha. “Osoo Oromiyaa gidduu jirru Oromorraa nu kutanii qophatti nu hambisanii turan” jedha quuqamaan.

“Warri Finfinnerraa kiiloomeetira 700 fagaatu osoo afaan Oromootiin baratu hawaasni naannawa kanaa afaan dhalootasaatiin ijoolleessaa barsiifachuu dadhabe. Kun immoo dargaggooni naannawa kanatti dhalatanii guddatan akka afaaniifi eenyummaasanii dagatan qofaa osoo hintaane, barumsaanis itti cimanii iddoo guddaa akka hingeenyeef gufuu guddaa ture.Sababa kanaanis dargaggootni hedduu aadaafi eenyummaa Oromummaa dagatanii  aadaa ormaa fudhachuuf dirqamaniiru” jechuun dubbata.

Har’a qonnaan bultoota Finfinneen sababoota garagaraatti ofirraa dhiibaa turte deebisanii  dhaabuudhaaf hojiin bulchiinsi magaalattii yeroo ammaa hojjataa jiru kan nama boonsuudha. Kanaan cinatti immoo manneen barnootaa Afaan Oromoo baay’inaan akka banaman gochuudhaan dhalootni boodaa eenyummaasaa akka baru gochuun barbaachisaa ta’uu dargaggoo Asaffaan ni dhaama.

“Yeroo nuti eenyummaafi seenaan keenya badde. Ijoolleen teenyas seenaa Oromoo wallaaltee kan ormaa jala fiigde jennee abdii kutannetti bulchiinsi magaalaa Finfinnee mana barumsaa Abeebee Tufaa naannawa keenyatti banuunsaa miira addaa nutti uumeera” kan jedhan immoo maanguddoon kutaa bulchiinsa Lammii Kuraa jiraatan Obbo Nagaash Abbooyyeeti.

Boo’ichiifi gadadoon jiruusaanii guutuu sababa babal’inna magaalattiitiin isaan irratti raawwatamaa ture sun gaafa manni barumsaa kun achitti banamee eebbifamuu dhagahan gara gammachuutti jalaa jijjiiramuus ni dubbatu.

Akkasaan jedhanitti,  mana barumsaa Abeebee Tufaa jedhamu yemmuu dhagahan miirri gammachuu itti dhagahame lama ture. sana keessaa inni jalqabaa maqaa nama abbaa lafaa Finfinneefi gaggeessaa hawaasa Oromoo naannawa sana jiraatanii Abeebee Tufaa jedhamuun moggaafamuunsaa yemmuu ta’u, inni lammataa immoo manni barumsichaa afaan dhalootaatiin kan itti baratan ta’uusaati.

“Hanga yeroo dhihootti maqaa namoota abboota lafaa Finfinneefi gaggeessitoota hawaasa Oromoo naannawa kanaa kan turan kanneen akka Abeebee Tufaa, Tufaa Munaafi kanneen biroo waltajjiiwwan garagaraarratti kaasuun kan nama adabsiisu ture. dhugaafi seenaan ni qallatti malee immoo waan hinbadneef har’a guyyaanshee geettee dhugaan iddoo ganamaatti deebiteerti.Lafa qonnaa kanaan dura mootummaan maqaa misoomaatiin nurraa fudhataa ture akka nuuf deebi’u gaafachuu caalaa wanti faayidaa nuuf qabu ijoolleen teenya afaansheetiin barattee eenyummaa Oromommaatiin akka jiraattu gochuudha” jedhu.

Warren sababa lafti isaanii irraa fudhatameef deeggarsi taasifamuun akkuma jirutti ta’ee, hojiin olaanaan garuu dhaloota boodaa dhufanirratti hojjatamuu qaba.

Walumaagalatti, badii Fininneen sirnoota dhufaa darbaan dirqamtee ijoolleeshee irratti raawwatteef hawaasa sababa kanaaf miidhameef deeggarsa barbaachisu gochuun dirqama. Badiin badii caalu garuu eenyummaa mulqamuu waan ta’eef hawaasni kun ijoolleesaanii afaansaaniitiin barsiifatee aadaa ofiisaa akka dhaalchifatuuf manneen barnootaa afaan Oromoo dabalatee wantootni aadaafii eenyummaa jaraa guddisuu danda’u kamiyyuu taasifamuufii qaba.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013

Recommended For You