“Miidiyaan ittisa koviid-19 irratti hanqina mul’atu itti seenee saaxiluu qaba” -Obbo Geetaachoo Baalchaa

Adaamaa: Gaafa vaayirasiin Koviid-19 jalqaba biyya seene Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad “Amma waraana raayyaa ittisaatiin qolachuu hindandeenyeetu nutti dhufe. Isa kanaaf raayyaa ta’ee dhaabachuun balaasaa hir’isuuf gahee olaanaa kan qabu miidiyaadha” jechuun miidiyaan biyyattii hundi xiyeeffannaan akka hojjetan kallattii ka’anii turan.

Kallattii sanarraa ka’uunis miidiyaa biyyattii keessaa kan mootummaafi kan dhuunfaa hundi akkaataa amala miidiyaasaaniirratti hundaa’uun ajandaa guyyuusaanii taasifachuun hawaasa barsiisuu keessatti hojii bal’aa hojjetaa turaniiru.

Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaas erga vaayirasichi biyya seenee kaasee hojii ittisaafi to’annoorratti qaamolee garagaraa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuusaammoo Daarektarri Barnoota Fayyaafi Kominikeeshinii Sistar Saadaa Ahmad leenjii dheengadda Magaalaa Adaamaatti ogeeyyii miidiyaaf qophaa’erratti ni ibsu. Keessumaa hubannoo uumuurratti xiyyeeffannaa olaanaan  itti kenname hojjetmaa turuus ni kaasu.

Kana keessattimmoo ga’ee miidiyaan hundi taphatan kan nama jajjabeessuufi aantummaa ummataaf qaban kan mul’ise ta’uu eeranii, fuuldurattis keessumaa gama hojiirra oolmaa qajeelfamoota Koviid-19 irratti ummataaf hubannoo kennuuf xiyyeeffannaa kennamee hojjetamuu akka qabu ibsu. Kanaafi biiroonsaanii akkuma barame ogeessoota odeeffannoo ga’aa kennuu danda’aaniifi wantoota odeeffannoof barbaachiisan qopheessuun miidiyaaf deggarsa akka taasisu himu.

Hojii jajjabeessaa miidiyaan hojjete akkuma jirutti ta’ee, yeroo tatamsa’inni vaayirasichaa daran dabalaa jiru kanatti garuu akka duraatti xiyyeeffannaan ga’a kennamaa hinjiru kan jedhan Sistar Saadaan, kun akka sirratuuf hoggantoonni miidiyaa hojjechuu akka qaban hubachiisu.

Daarektarri Olaanaa OBN Obbo Zinaabuu Asraat gamasaaniin, OBN dabalatee miidiyaan biro akkuma dhukkubicha seeneen yeroo bal’aa kennanii irratti hojjetaa turanis amma qabbanaa’uusaa kaasanii, yoom caalaatti garuu yeroon itti dammaqanii hojjechuu qaban amma ta’uu ibsu. Keessummaa filannoo fuuldura adeemsifamu waliin walqabsiisa ofeeggannoo hawaasniifi raawwachiiftoonni filannoo taasisuu qabanirratti gamanumaa hojiin hubannoo uumamuu akka qabu eeru.

Oduu sobaa miidiyaa hawaasaarra naanna’uun ummata doggogarsan gogsuu kan danda’amu miidiyaa idileetiin ta’uu kaasanii, kana keessatti ammoo ogeeyyiin miidiyaa of kannaniifi hojii guyyuusaanii taasifatanii hojjechuu qabu jedhu. Odeeffannoon kennamu walfakkaataafi burjaajii kan uumu akka hintaaneefis miidiyaan waldubbisaniifi walta’anii hojjechuun akka irra jiraatu dhaamu.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaas, hojii hanga yoonaa miidiyaan mootummaafi dhuunfaa hubannoo uumuurratti hojjane jajjabeessaafi boonsaa ta’uu himanii,  kanarraas wanti uumataaf hojjetamu daangaa qabaachuu akka hinqabne baratamuun akka irra jiru ibsu.

Hojiin hojjetame cimee itti fufuu akka qabus eeranii, keessumaa qajeelfamoonni ittisaafi to’annoo vaayirasichaaf ba’aan hojiirra akka oolaniif hojiin hojjetamu kallattii fuuluraa ta’uu qaba jedhu. Geejibarratti, bakkeewwan tajaajilaa garagaraa, nama dhuunfaafi qaamolee biraa maal taasisuun akka irra jiraati qajeelfamni marsaa lammataa erga ba’e bubbuluus qaamolee dhimmichi ilaallatu kanneen akka poolisii, abbaa alangaafi qaamoleen dhimmicha ilaalu hojiirra oolmaasaa hordofanii tarkaanfii barbaachisu fudhataniiru isa jedhu itti adeemanii saaxiluun akka irra jiru hubachiisu.

Ogeeyyiin miidiyaa waltajjicharratti yaada kennan tokko tokko akka jedhanitti, dagannaa ummata keessatti akka uumamuufi ummanni waa’ee dhibichaa wanta miidiyaan dabarsuuf gurra kennuu akka dhiisu kan taasisaa jiran aanga’oota olaanoo biyyattii tokko tokko maaskii osoo hingodhatiin bakka garagaraatti argaman ta’uusaaniitiin gama kanaan sirreeffamni barbaachisu taasifamuu akka qabu kaasu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You