“Lafa keenyarratti ciisanyaa osoo hintaane, hojjennee ciisnee nyaanna” -Qeerroo Finfinnee

“Abbaan lafaa dhabee lafasaa, sooree halagaan irra jiraata, dhakaa falaxee lafasaarratti ‘qansiraan’ bulaa qonni hafeeti” jedhe Weellisaa Shukrii Jamaal shira sirnoota darbaniin Oromoorratti xaxamaa ture hubatee.

Jaarraa tokkoofi walakkaa oliif Oromoon Finfinnee saamichaafi sarbama mirgaa sirnoonni darban irraan gahaa turaniin qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’uu caalaa lafa abbaafi haadhasaarratti maxxantootaaf irboo safaraa maqaa ciisanyaa jedhamuun hiraarfamaa tureera.

Turtii sirnoonni aangoorra tureenis saamicha lafaa qaqqabaa tureen Oromoon Finfinnee laaqii hiyyummaa keessatti dhidhimee bara baraan akka hinbayyananne ta’uun abbootiin waardiyyaa sirna gabroomfataa, ilmaanimmoo jireenya daandiirraaf saaxilbahanii eeggattummaa jalatti akka kufan taasifamaniiru.

Kanarraa kan ka’e Oromoon Finfinnee dinagdeedhaan kufee lubbuusaa du’a jalaa baraaruufimmoo kaan Baaletti, kaan Arsiitti, kaanimmoo kutaalee Oromiyaa gara garaatti faffaca’ee jireenyasaa mo’achuuf akka carraaqu ta’eera.

Jibba sirnoonni kunniin Oromoo Finfinneef qabu daran hadhaahaa ta’uu kan mul’isu keessaa irboo safarsiisuurra darbanii lafarraa buqqisuun firaafi sanyii moototaa fiduun sanyiin Oromoo Finifinnee lafaa akka badullee hojjetaa turuu seenaatu ragaa baha.

Wayita kana Oromoon Finfinnee dinagdeen kufee, hawaasummaan buqqa’eefi siyaasaan booddeetti harkifame, geerarsaan aariisaa ibsachaa, ergaasaa afoolaan dabarfachaa ilmaansaa qabsoof kakaasaa tureera. Keessumaa bara sirna Minilik keessa wayita buqqa’aa turetti sana quuqqaasaa afoolaan haala ittaanuun dabarfachaa ture.

                        Inxooxxoo dhaabbatanii, caffee gadi ilaaluun hafe

                           Finfinnee loon geessanii hora obaasuun hafe

                          Tulluu daalattiirratti yaa’iin Gullallee hafee

                          Gafarsatti darbanii qoraan cabsachuun hafe

                         Hurufa Boombiirratti jabbilee yaasuun hafee

                     

                       Edda Mashashaan dhufee birmadummaanis hafee jechuun.

Darbees bara Atse Hayilesilaassee  jijjiirama sirnaan walqabatee Oromoon dinagdeesaa ganamaatti deebi’a jedhamee hawwametti akkuma waancaan dhiqamus farsoon sanuma jedhamu mootii cunqursaatu bakka waljijjiire malee jijjiirama fiduu hindandeenye.

Kanarraa kan ka’e Oromoon Finfinnee ammas qe’eef qabeenyasaarraa buqqa’uun waan ittifufeef afoolaan ergaafi quuqamasaa dabarsaa dhaloota seenaa kaa’aa tureera.

                                                            Ya abbaa lafaa siif ka’e kunoo siif ka’e

                                                             Yoo jaldeessi ciisii siif ta’e

                                                             Yoo sardiidoon irbii siif hiree

                                                           Yoo muujjaan midhaan sii ta’e jechaa quuqamasaa ibsaa biyyoo handhuurrisaa itti awwaalame keessatti boquunsaa cabee dinagdeenis kufee namummaa keessaa akka bahu taasifameera.

Warra didanii qabsootti seenanimmoo soddoomfachaa Oromoon Finfinnee  siyaasaan dinagdeefi hawaasummaan akka cabu taasifameera.

Qabsoofi wareegama hadhaa’aa taasifameen sirnoonni sun darbanii ADWUI aangoo qabatus fooyya’insi hamma tokko jiraatus Oromoon Finfinnee dinagdeedhaan akka bayyanatu waan hinbarbaadamneef laaqii hiyyumaa sana keessaa bahuun hindandahamne.

Sirni mootummaa haaromsaa dhiiga qeerroofi qarree Oromootiin ijaarame erga gara aangootti dhufee garuu gaaffiileen dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa Oromoo akka deebi’aniif carraaqqiiwwan gara garaa taasifamaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaatti keessumaa damee dinagdeetiin Oromoos ta’e saboota biroo bayyanachiisuuf yaaliin jiru jajjabeessaadha.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee namoota damee manufaakchariingiifi daldalarratti bobba’uun abbootii qabeenyaa guddattuu giddugaleessaatti ce’an 315f beekamtiifi badhaasa kan kenne yoo ta’u, isaan keessaa ilmi Oromoo Finfinnee  Dargaggoo Abeseloom Waldamaariyaam isa tokko.

Gaazexaan Bariisaas carraaqqii dargaggoon kun ammaan tana taasisaa jiru hubachuun qeerroofi qarree Oromoo kaaniifis fakkeenya ta’a jedhee isa wajjin turtii taasiseera. 

Dargaggoo Abeseloom Finfinneetti kan dhalate yoo ta’u, dur dur akaakayyuu, akaakileefi abaabayyuunsaa eenyummaasaaniin walqabatee golasaanii, magaalattii keessaa buqqifamaa, lafasaaniirratti abbummaa dhabaa, ciisanyaa ta’anii sirnoota darban sooraafi irboo safaraafii turuu kaasa.

Kanarraa kan ka’e Oromoon Finfinnee dinagdeedhaan akka kufuufi qorqalbiin eenyummaasaa, aadaansaa, safuunsaafi afaansaa akka ukkaamfamu ta’uun eenyummaasaa akka dagatu taasifamuu eera.

Ta’us qabsoo hadhaahaafi wareegama qaalii qeerroofi qarreen Oromoo taasisaniin sirni haaromsaa ilaalcha kana diigu ijaaramuu kan dubbate dargaggoo Abeseloom, innis gamasaatiin dinagdeen akka of ijaaru, eenyummaasaa ganamaattis akka deebihu ta’uu dubbata.

Dargaggoo Abeseloom yeroo dheeraaf afaan abbaafi haadhasaa otoo hinbeekiin turuu eeree, yeroo ammaa keessumaa sirna mootummaa haaromsaatiin as Afaan Oromoo shaakaluun har’a waliigaluu dandahuu dubbata.

Kanaan dura afaan dhalootasaa hammuma beekullee dubbachuuf akka saalfataa turuu eeree, dinagdeenis caalanii akka hinargamneef qabiyyeen akaakileesaa saamamuu himeera.

Kun warraaqsa siyaasaa Oromoon injifateen walqabatee innis gamasaatiin gara warraaqsa dinagdeetti cehuu yoo himu, ammaan tana  qabsoo taasisaa jiruun dinagdeen of ijaaraa jiraachuu dubbata.

Dargaggoo Abeseloom qabsoo dinagdeen mootummaan haaromsa eegale kana keessatti hammatamuun sochii taasisaa kan jiru yoo ta’u, damee ijaarsaarratti bobbahuun dinagdeen of ijaaruurra darbee lammiilee biroofis carraa hojii uumuu kaasa.

Kanamalees qonnarratti bobba’ee naannawa Adaa’aatti midhaan nyaataa omishuun galiisaa fooyyessaa jira. Sochii gama kanaan taasisaa tureen dinagdeensaa fooyya’uu kan kaase dargaggoon Abeseloom, sirni haaromsaa bu’aa qeerroofi qarree ta’e kun afaansaatiin akka walbarus isa taasisuu ibsa.

Dargaggoon kun  hojii ijaarsaarratti bobbahee hojjechaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa kaappitaala qarshii miliyoonna 1.5 galmeessisuun gara abbaa qabeenyaa guddattuu giddugaleessaatti ce’uu dubbata.

Jijjiirama gama dinagdeen argamsiise kanaaf ka’umsa kan ta’e qarshii kuma sadii ta’uus eeree, haala mijataa karaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee uumameefitti fayyadamuun dinagdeen of ijaaruurra darbee kaaniifis abdii jireenyaa ta’uu addeessa.

Bu’aa gama warraaqsa dinagdeetiin argamsiise kanaaf beekamtiifi badhaasni waancaa kantiibaa Ittaantuu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeerraa kan fudhate yoo ta’u, fuuldurattis cimee hojjechuun dinagdeesaa kana caalaa fooyyessuuf akka tattaafatu eera.

Sirni mootummaa haaromsaa kun Oromoon dinagdeen akka of ijaaru taasisuun ala qorqalbii Oromoo sirnootaa darbaniin jaamfamee ture bakkatti deebisuuf hojiilee gara garaa hojjechuusaatiin jijjiiramichi isarrattillee mul’achuu hima.

Warraaqsa dinagdee Oromoo humneessuuf eegalame kanaanis ofirra darbee dargaggoota 40 oliif carraa hojii yeroofi sadiifimmoo dhaabbataan uumuun cehumsa gara abbaa qabeenyummaa giddugaleessatti taasifamu milkeeffaterra dhaabachuun abbaa qabeenyaa of gahe ta’ee argamuuf kutannoon hojjetaa jira.

Qeerroofi qarreen  Oromoo Finfinnee hedduun dinagdeenis eenyummaasaaniinis miidhamanii eeggattummaa jalatti kufan kumaatama akka ta’an kan kaase daraggoon kun, warraaqsa barbaachisu taasisuun caalanii argamuuf yeroonsaa amma akka ta’e dubbata.

Oromoos ta’e saboonni kuun warraaqsa siyaasaa injifatan kana kunuunfatanii warraaqsa dinagdee taasifamaa jiru si’eessuun of humneessuu qanu jedhee, dhaloonnis keessumaa qeerroofi qarreen damee kanarratti xiyyeeffannoo kennuun caalanii argamuu qabuun ergaasaati.

Namni dinagdeen of humneessemmoo siyaasaanis hininjifatamu kan jedhe dargaggoon kun, cunqursaafi harqoota gabrummaa jaarraa tokkoofi walakkaaf ture akka hindeebineef humna guutuun hojjechuun murteessaa ta’uu kaaseera.

Walumaagalatti Finfinneen ala Oromoo bal’aan siyaasaan dhiibamee dinagdeen gatamee hawaasummaan qollifamee qorqalbiinsaa miidhame yeroo gabaabaa keessati bakkatti deebisuun ulfaataa ta’us tattaaffiin jalqabame garuu daran babdachiisaadha.

Haalli warreen dhugaan  carraaqanii of ijaaruu barbaadaniif mijataa ta’es lafa qabachaa jira. Isa kana dhugoomsuufi finiinsuufimmoo warraaqsa dinagdee mootummaan itti jiru cinatti  gaheen qeerroofi qarree olaanaa ta’uu ammoo milkaa’ina Dargaggoo Abeseloomirraa barachuun ni danda’ama.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You