“Ilmaan Tufaa Munaa misooma hawwuuf malee dhandhamuuf carraa hinarganne turte” -Aadde Loomii Badhoo

Sulultaa/Bishooftuu: Qe’ee Tufaa Munaa kan taate Magaalaan Sulultaa magaaloota Finfinneetti daran dhihoo ta’an keessaa tokko taatuus misooma fagootti ilaalu malee dhandhamachuuf hincarroomne turte.

Sulultaa warra Finfinnee aannaniifi booka unachiistee, foon mursiisteefi dhadhaadhaan mar’ummaan jiistee ofii mana yaalaa of biratti dhabdee dararamuuf, barnootaa sadarkaa lammaffaa dhabdee ilmaanshee daandii dheeraa deemanii barachuuf, bishaan dhabanii fagoodhaa waraabbachuuf dirqamaa turte.

Waggoota muraasaa as garuu gaaffiin magaalattiifi ummatashee deebii argataa jira. Keessumaammoo erga hoggasi jijjiiramaa aangootti dhufee as, bulchiinsi molotummaa naannoo Oromiyaas pirojektota buleeyyii xumuruufi haaraa yeroo gabaabaa keessatti hojjechiisuuf kallattii ka’atee hojjetaa jira. Bulchiinsi magaalaa Sulultaas carraa kanatti fayyadamuun Roobii darbe pirojektoota garagaraa xumursiisuun eebbisiisteetti.

Kantiibaan magaalattii Obbo Salamoon Abbabbaa haasaa sirna eebba pirojektootaarratti taasisaniin akka jedhanitti, magaalattiitti pirojektoonni 42 qarshii biliyoona 1.2 oliin kan hojjetaman yoo ta’u, kanneen keessaa marsaa jalqabaatiin 24 xumuramanii eebbaaf qaqqabaniiru. Kunneenis pirojektoota bukeeyyiifi haaraa baasii mootummaa Oromiyaa, bulchiinsa magaalaafi dhaabbata ‘UIDP’ kan hojjetamaniidha. Pirojektoonni kunneen rakkoo misoomaa ummata magaalattii kan furan yoo ta’u, namoota kuma sadii oliif carraa hojii banus ni dubbatu.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa gamasaaniitiin, ilmaan Tufaa Munaa misooma hawwuuf malee dhandhamachuuf carroomanii akka hinturre kaasanii, kun garuu kanaa booda kan itti hinfufneefi gaaffiin ummanni bara dheeraaf kaasaa ture saffisaan deebi’aa kan deemudha jedhu.

Ummannis pirojektoota hojjetaman kunuunfatee dhalootaaf dabarsuu akka qabuufi hunda caalaammoo hunduu nageenyaaf wabii dhaabachuu akka qabu dhaamu.

Obbo Nagaash Kabbadaa jiraataa Magaalaa Sulultaa yoo ta’an, yaada gaazexaa Bariisaaf kennaniin, pirojektoonni hojjetaman kunneen gaafii yeroo dheeraa ummatichaaf deebii kan kenna ta’uufi kanaanis daran gammaduusaanii dubbatu.

Sababa manni barnootaa sadarkaa lammaffaa dhibeef ilmaansaanii daandii dheeraa deemanii akka baratan, sababa riqichi baadiyyaafi magaalaa walqunnamsisu dhibeef deessuufi dhukkubsataan wal’ansa osoo hinargatiin lubbuun darbaa akkasumas, ganna bishaan guutee nama nyaachaafi rakkoolee hedduun isaan mudataa turuu eeru. Pirojektoota tajaajilaaf oolanis kan eeganiifi kunuunsan ta’uu himu.

Pirojektoota eebbifaman keessaa, dareewwan dabalataa tajaajila tola oltummaadhaan ijaaraman bilookii saddeet, baasii qarshii miliyoona 4.8n ijaaraman, riqicha Laga Kattaa, qarshii miliyoona 4.5n ijaarame, Mana Barumsaa Sadarkaa 2faa Ifa Boruu Laga Dabboo akkasumas, Mana Barumsaa Sadarkaa 2faa Ifa Boruu Malkaa Hayyuu, baasii qarshii miliyoona 75.8n ijaaraman, bakkee Magariisaa Shufunee qarshii miliyoona 3.5n lafa kaaree meetira kuma afurirratti ijaarame, dallaa Waldaa Dargaggootaa Sulultaa qarshii miliyoona 3.5n ijaaraman keessatti argamu.

Oduudhuma walqabateen, mana barumsaa Ifa Boruu tokko dabalatee pirojektonni adda addaa qarshii biliyoona tokkoo oliin Magaalaa Bishooftuutti ijaaraman kaleessa bakka ittifaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu argamanitti eebbifameera.

Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Aadde Alamtsahaayi Shifarraa yeroo rakkoon uumamaafi namtolchee danqaa ta’aa turetti hawaasi mootummaafi abbootiin qabeenyaa waltumsuun pirojektii haaraafi buleeyyii milkeesuun tajaajiilaaf banaa ta’uu beeksisaniiru.

Ogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaafi miseensi koree guddugaleessaa paartichaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa eebba pirojektotaarratti haasaa taasisaniin, bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu isa baratuuf mana barumsaa, isa dheebotee pirojektii bishaanii, isa dhibameef keellaa fayyaa, isa daldaluuf sheedotaafi giddugala maanguddotaa ijaaree tajaajilaaf banaa mallattoo galaana misoomaa fuulduraa agarsiisa jedhan. Mootummaan barumsaa, misoomaafi  sirna dimokraatawaa jabaa dhaabuuf xiyyeffannaan hojjetaa jiraachuus beeksisaniiru.

Kanaanis uwwisni bishaanii  in dabala, inni baratu ammoo rakkina gara carraa gaariitti jijjiiree ijaarsa biyyaa cimaa itti deemaa jiru ni dhugoomsa jedhaniiru.

Gama biraatiin, Yunivarsiitiin Booranaa qarshii miliyoonni 350 ijaarme, bakka hoggansi olaanaafi keessummoonni garagaraa argamanitti eebbifame.

Pirezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Minitirri Saayinsiifi Barnoota Olaanaa Doktar Saamu’eel Urqaatoo argamanitti Yunvarsiitii Booranaa eebbifameera.

Yunvarsiitichi baasii qarshii miliyoona dhibba 350n lafa hektaara 50 irratti kan ijaarrame ta’uunis ibsameera. Barana akaakuuwwan barnootaa 15 barattoota 600 simatee kan barsiisu ta’uunis himameera.

Godina Booranaatti barana Pirojektonni misoomaa adda addaa 136 ta’an qarshii biliyoonaa 2.7 oliin hojjetaman xumuramuun tajaajila eegalaniiru.

Jilli Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu buufata Qindaa’aa Konkolaataa Walisoo ijaaramuuf dhakaa bu’uuraa kaa’uun hojii jalqabsiisaniiru.

Buufata Qindaa’aa Konkolaataa Walisoo kunis bajata Abbaan Taayitaa Geejiba Oromiyaa ramaduun baasii qarshii miliyoona 171n ijaarama.

Akkasumas jilli sadarkaa pirezdaantii ittaanaatti qindeessaa kilaastara misooma baadiyyaa Oromiyaa Doktar Girmaa Amanteetiin durfamu Gamoo Waajjira Bulchiinsa Wallagga Lixaa eebbisiise.

Sirna eebbichaarratti Doktar Girmaa Amantee dabalatee hoggantoonni federaalaa, naannoofi jiraattonni godinichaa argamaniiru. Gamichi abbaa darbii afurii yoo ta’u, baasii qarshii miiliyoona 75.8 ijaaramuun ibsameera.

Godina Harargee Lixaa, Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaatti hospitaalli qarshii miliyoona 31 kuma 595fi 422 hojjatames Piresdaantii Ittaantuu BMNO Aadde Caaltuu Saaniitiin eebbifameera.

Saamraawiit Girmaafi Gammachuu Kadiriin

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You