Finfinnee: Ejjennoo erga dhiyoo as Ameerikaan Itoophiyaarratti agarsiisaa jiru ajandaa marii ta’ee ittifufufeera. Keessummaa Mootummaan Itoophiyaa ‘ABUT’n shororkeessummaan moggaafame wajjin mari’achuu qaba ejjennoo jedhu tarkaanfachiisaa turte, jirtis.
Gaazexaan Bariisaa dhimma kanaan qalqabatee dippilomaatonni Itoophiyaa sochii akkamii taasisaa akka jiranirratti Jenevaatti, ergamaa siranaafi Ambaasaaddar Abbaa Aangoo Guutuu Zannabaa Kabbadaa bilbilaan dubbiseera.
Ambaasaaddar Zannabaan Dhaabbata Mootummoota Walta’aniittis bakka bu’aa biyya Itoophiyaati. Dippilomaasiin hariiroo garlameetiin Siwiizarlaandi, Ostiriyaa, Haangaariifi Romaaniyaas isaantu duukaa bu’a.
Lammiileen Itoophiyaa biyyoota irranatti eeraman keessa jiraatanis baay’innisaanii muraasa ta’us dhimma biyyasaaniirratti xiyyeeffannaan hirmaataa akka jiran kan eeran Ambaasaaddar Zannabaan, erga biyya keenyatti jijjiiramni dhufee as dhalattoonni Itoophiyaafi lammummaan biyya alaa ta’an waa’ee biyyasaaniirratti hirmaannaansaanii yeroorraa yerootti guddachaa dhufuu ibsanii, karaa invastimantiifi kkftiin biyyasaanii wajjin hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
Yeroo koronaan dhufe sanallee waan guddaa gumaachuusaanii kan eeran ambaasaaddarichi, Ijaarsa Hidha Abbayyaatiifillee boondii bitaa turuufi ammas baay’inaan bitaa jiraachuu nutti himaniiru.
Sagantaa misoomaa Irbaata biyyaarrattis hirmaataa akka jiran dubbatanii, karuma hundaanuu biyyasaanii utubaa turaniiru, utubaa jiraachuus ibsaniiru.
“Ta’us darbee darbee warreen jijjiirama dhufe kana hindeggarre muraasni jiraachuun akkuma jirutti ta’ee baay’onni garuu onnee guutuudhaan, hamilee gaariidhaan biyyasaanii gargaraa jiru. Duula miidiyaa murni ABUTfi deggartoonnisaa adeemsisaa turan fashaleessuufis odeeffannoowwan adda addaa kennaa turaniiru. Kanaanis odeeffannoowwan dogoggoraa akka sirraa’aniif karaa tiwiitariifi kkftiin hirmaachaa turan” jedhan.
Ejjennoo Ameerikaan Itoophiyaarratti qabatte waan otoo biyyashii keessatti ta’ee fudhatama hinqabne, otoo isheen raawwadhu jedhamtee waan hinfudhanneedha kan jedhan Ambaasaaddar Zannabaan, ABUT shororkeessituu taatee moggaafamte wajjin walqixxee akka taa’amuuf dhiibbaan taasifamu dhimma biyya tokkoo keessa seeraan ala galuu waan ta’eef haaluma kamiinuu fudhatama kan hinqabne ta’uun hubatamuu akka qabu beeksisaniiru.
Ambaasaaddarichi gaaffii, “Gocha ABUT Ummata Itoophiyaarraan ga’aa ture Ameerikaan quba hinqabdu moo maaliif taa’aa mari’adhaa jechuu dandeesse, Akkamiin qaama shororkeessummaan moggaafame wajjin mari’adhaa jette? Otoo ishii taatee akkas gootii, biyya kamtus waan akkanaa tole jedhee fudhata? Kun ija dippilomaasiitiin maal jechuudha?” jedhuuf deebii kennaniin, “Dhuguma dubbachuuf Ameerikaan karaalee adda addaatiin Alshabaabiifi Alqaayidaa mormaafi ari’aa turte. Garuu ammoo jiruusaanii keessatti gaafuma tokkollee shorokeessitoota kanneen wajjin taa’anii mari’atanii hinbeekan. Nuyiin ammoo ABUT wajjin waliigaltee godhaa, namoota seera cabsanii haala birmadummaa biyyaa miidhuun, darbees diinonni Itoophiyaa akka miidhaa geessisaniif warra haala mijeesse wajjin mari’adhaa jechuun sirrii miti jedhan.
ABUT yeroo biyya bulchaa turtetti mirgoota ummataa sarbuudhaan, qabeenya sammuudhaan, karaa maatiisaanii horii biyyattii guuranii baankii alaatti kuusuun, caasaalee mootummaa biyya keessatti daldalaafi qabeenya adda addaa ciccimoo ta’an ofiif qabatanii badiin isaan qaqqabsiisaa turan otoo hinxinnaatin jijjiirama dhufe fashaleessuuf tattaafachuun sirrii akka hintaanes beeksisaniiru.
Gama dippilomaatotaatiinis “Namni si jibbe yaa gaariikoo jedhee si hinjaju. Sababoonni adda addaa ka’uu danda’u. Dippilomaasiin karaalee adda addaatiin hojjetama. Dippilomaasiin karaa miidiyaa hojjetamu jira. Karaa biraatiin ammoo dippilomaasiin abbaa dhimmi ilaallatu wajjin hojjetamus jira (otoo ummataafis ta’e miidiyaaf hinibsiin).
Kanaaf dippilomaatonni hojjechaatuma jiru. Odeeffannoo barbaachisus kennaatuma jiru. Kana malees fakkeenyaaf Mootummaan Ameerikaa ergamtootasaa gara Itoophiyaatti ergee ministira muummeerraa kaasee qondaltota mootummaa dhimma ilaallaturraa odeeffannoo akka argatan taasiseera. Mootummichi ejjennoo kana kan qabateef odeeffannoo dhabee otoo hintaane ta’e jedheeti jechuun ibsaniiru.
Akka ibsa ambaasaaddar Zannabaatti, rakkoosaanii dhimma Tigraay qofa miti. Kana akka sababaatti haa kaasan malee tarsiimoonsaanii kan biraati. Waa’ee laga Abbayyaafi hariiroo Misir wajjin walqabata. Rakkoo Chaayinaafi Raashiyaa wajjin, fedhii gaanfa Afrikaa wajjin walqabata.
Ejjennoo Itoophiyaan qabdurrattis sodaa qabu, haala kanaan ittifufnaan nuu ajajamuu hindandeessu jechuun. Mootummaan lafee hinqabne akka barbaadanitti kan ajajan akka jiraatu barbaadu. Diimma Tigraayiin walqabatee mootummaan qaamolee biyyoolessaa adda addaa wajjin ta’ee qorataa jira.
Dhaabbileen biyyoolessaa tokko gargaarsa sabummaa gochuurra dubbii barbaacha kan garana dhufan. ABUT duute awwaala keessaa kaasanii akka mootummaadhaan walqixa taa’ee mari’atu gochuuf dhiibbaa gochaa jiru. Kun ammoo yeruma kamuu dhimma fudhatama hinqabneedha. Kanaaf wanti isaan harkaa qaban kun dhugaa qabaatee otoo hintaane bu’aafi dhimma biyyasaanii qofarratti kan bu’uureffateedha.
Mootummaas ta’e ummanni biyya kanaa amala gaarii qabu. Nuti yeroo kamuu utaallee dhimma biyya ambaa keessa hinseennu. Dhiibaa biyya keenyarratti taasifamaa jiru kana oggaa sirrii miti jennee ofirraa faccisnu waan hintaane keessa seennee waan mirga biyyoota biro dhiibu tuquu hinqabnu. Kanarratti miidiyaalees ta’e qondaaltonni mootummaa darbees lammiileen hundi of eeggannaa gochuu qabu.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013