“Beekamtii argachuun keenya hojii caalmaaf nu kakaase” -Intarpiraayizoota industirii giddugaleessaatti ce’an

Finfinnee: Bulchinsi magaalaa Finfinnee fayyadamuummaa hawaasaa mirkaneessuuf sochiiwwaan taasisu keessaa misooma intarpiraayizoota jajjabeessuun isa tokko. Kanaanis dargagootaaf hojii uumuun caalaatti gara abbaa qabeenyummaatti  guddisuun kanneen biroof hojii akka uumanif sochiin taasiisu akka fakkeenyaatti  kan eeramudha. Intarpiraayizoonni hojii jalqabaniin cimanii akka ittifufaniifis sirni beekamtii kennamaa tureera jiras.

Sirna beekamtii kennameeratti kutaa Bulchiinsa Nifaas silk Laaftoorraa intarpiraayizii maatii tireedingii bakka bu’uun kan argaman Obbo Tashoomaa Kabbaddaa gamasaaniin akka jedhanitti, intarpiraayizichi bu’aalee maanifakichariigii irratti  xiyyeeffachuun bara 2006 kan hundaa’e hojjeetoota dhaabbiifi yeroo shantamaa olta’aniif carra hojii uumuu danda’u himaniiru.

Hojii kana wayita jalqabnu qarshii kuma 30’n ta’uus wayita ammaa qarshii miliyoona 1.5 ol galmeesiisuu dandeenyeerra jedhanii,motummaan akka hojiitti cimnu liiqii addaa addaa dhiyeesuun cinaatti sagantaa beekamtii qopheessuu sochiin intarpiraayizota jajjabeesuuf taasifamee waan baayee gaariidha jedhaniiru.

Kaampaanii poyiinti injinariingii bakka bu’uun kan argaman Obbo Masfiin Abboonaa gamasaaniin ,Kaampaanichi maahandisoota kudhaniin waggaa jahaan dura hundeeffamee, wayita ammaa dargaggoota 36f hojii uumuu kan danda’eefi kaapitaala miliyoona 1.8 ol galmeesiisuu kandanda’e ta’uu beeksiisaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa sirna beekamtii qopheesuusaa galteewwaan intarpiraayizootaa barbaachisuu guutuuf qophii ta’uusaafi gama kanaa xiyyeeffannoo kennuusaa  waan hubachiisuuf, sirnichi qophaa’uusaatti gammadoo ta’uufi hojiilee hojjetamaan qulqullina barbaachisuun hojjeechuun sadarkaa amma jiranirraa gara caaluutti akka olguddatan kan onnachisee ta’uu ibsaniiru.

Diriim Konistiraakshinii bakka bu’uun sirnicharratti kan argamte Durbee Alamtsahaay Damboobaa  gamasheenis, intarpiraayizichi qarshii kuma 300’n jalqabee wayita amma kaappitaala miliyoona 1.6 galmeesuun dargagoota hedduuf hojii uumuu kan danda’efi mootummaan wantoota damicha jajjabeesuu kanaa dura akkuma taasiisaa ture ammas akka itti fufu abdanna jedhanii,sirna beekamti qopheesuun intarpiraayizoota irra caalaa kan jajjabeesuufi qaamoota hawaasaa hojii dhabuun abdii kutatanii mana jiraniifillee kakka’umsa olaanaa itti horuu akka danda’u himaniiru.

Walitti qabaan koree Intarpiraayizoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Dassaalanyi Fiqaaduu ibsa Gaazeexaa Bariisaatiif dheengadda kennaniin akka jedhaniitti, imala intarpiraayizoonii ofijaaruun gara jijjiramaatti taasiisaniin cinaatti mootummaan bira dhaabachuun hojiin jajjabeessuu taasifamuu daran gammachisaadha.

Sirni beekamtii intarpiyaazoota olguddattuf qophaa’ee, mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa damicha guddisuuf qabu kan hubachisuufi intaarpirayizoota hojii caalmaaf kan kakaasuu danda’uudha jedhaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You