Waajjirichi rakkoo nageenyaa naannolee sadeenii hiikaa jiraachuu ibse

Finfinnee: Waajjirri Nageenyaafi Misooma Waloo Bulchiinsa Motummaa Naannoo Oromiyaa, Beenishaangul Gumuziifi Gaambeellaa rakkoolee naannawa daangaarratti uumaman hundeerraa furuuf bara 2011 kan hundeeffame yoo ta’u, rakkoolee jiran furaa jiraachuu ibseera.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Firoomsaa Salamoon ibsa Gaazexaa Bariisaatiif dheengadda kennaniin akka jedhanitti, rakkooleen daangaa naannolee kanneenii waliin walqabatee mudachaa tureefi gaafiin bu’uraalee misoomaa ture wayita ammaa furameera.

Bu’uuraalee misoomaarratti bara darbe bakka pirezdaantonni naannolee sadeenii argamaniitti dhagaan bu’uuraa pirojektii daandii Arjoo Guddattuu- Jirmasokee kiiloomeetira 46.7 bajata naannoo Oromiyaa qarshii miliyoona 392n  hojjetamaa kan jiruufi daandiin Giddaa Ayyaanaa, Haroo Limmuu- Godina Kamaashiimoo xumuramee hawaasni naannolee lamaanii irraa ayyadamaa jiru jedhaniiru.

Pirojektii guddaa bishaan dhugaatii dhaabbilee tola oolan waliin ta’uun aanaa Haroo Limmuufi Godina Kamaashii keessaa aanaa Yaasoo hammate namoota kuma 20 tajaajiluu danda’u hojiinsaa gara xumuraa gahuufi walitti bu’iinsa daangaa naannoleetti mudachaa ture konfiransii nageenyaa qopheessuun, manneen barnootaa keessatti ambaasaadara nageenyaa ijaaruuniifi gandootarrattimoo  koree daangaa ijaaruun wayita ammaa rakkoolee nageenyaa hundeen furuun danda’amuu ibsaniiru.

Manneen Barnootaa Afaan Oromoo 22 naannoolee Beenishaangul Gumuziifi Gaambellaatti banamanii barnoota kennaa turan sadarkaa jajjabeeffamuu qaburra akka jiraniifi dhaloonni afaansaatiin akka baratufi hawaasni Oromoo achi jiraatus afaan barbaaduun akka fayyadamuuf carraan argamuusaas himaniiru.

Manneen Barnootaa Afaan Oromoo magaalaa Gambeellaa, Godina Matakkaliifi Magaalaa Asoosaatti kan argaman yoo ta’u, hanqinni barsiisota Afaan Oromoo jiraatus baratoonni haala gaariin barachaa jiraachuufi waan baratanitti gammadoo ta’uu beeksisaniiru.

Akka Obbo Firoomsaan jedhanitti, hundeeffama waajjiraarraa eegalee hanga ammaatti hirmaannaan hawaasaa olaanaadha yoo ta’u, keessumaa Naannoon Beenishaangul Gumuuz waajjiriicha gammachuun simachuun cinaatti rakkooleen addaddaa naannoo Oromiyaa keessattillee yoo mudatan gara waajjiraatti bilbiluun furmaata battalaa akka argatu taasisuu keessatti gumaacha guddaa taasiseera.

Waajjirichi naannoo Beenishaangul Gumuuzitti nageenya waliin walqabatee rakkoo nama dhuunfaa dhalataa naannichaatiin mudate hiikuurratti  hawaasni naannichaa amantaa waajjirarratti horateen buqqaatota 246 kanaan dura naannicharraa buqqa’an deebisuun danda’amuu himaniiru.

Haala qabatamaa amma jiruun rakkoon nageenyaas ta’ee kan biroo daangaa naannolee kanneenii gidduutti kan hinmul’anne ta’uufi waajjirichi fuulduraafis daangaa naannolee gidduutti walitti bu’iinsi akka hinuumamne, yoo akka tasaa uumames nagaan akka furamuuf xiyyeeffannoon hojjeeta jedhaniiru.

Sinqinash  Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013

Recommended For You