Akka hayyoonni seenaa ibsanitti, maqaan Finfinnee jedhu jechoota ‘Finna’ fi ‘Finne‘ jedhurraa kan dhufe yommuu tahu maqaa bishaan danfaa Hora handhuura magaalittiitti argamuun kan moggaafamteedha. Maqaanshee kan biroo Shaggar yoo tahu, jaalalaa magaalaa kana irra qabaniifi bareedinashiirraa ka’uun kan moggaafameedha.
Finfinneen qubsuma Hortee Booranaa gosa Oromoo Tuulamaa kan qe’e Tufaa Munaati. Tuulama keessaa gosa guddaafi hangafaa kan ta’e Galaantu irra jiraachaa ture. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaarraa ka’ee Hawaas (Hawaash) ce’uun hanga walakkaa Finfinneetti tamsa’ee jira. Gosti kun balbaloota baay’ee of jalatti kan qabu yoo ta’u, hanga Wallootti diriiree jira.
Inni Lammaffaan Oboo Tuulamaa immoo Galaanirraa gara kaabaatti Caffee Doonsaarraa kaasee hanga Qarree-Gowwaa jedhamutti diriiree kan jiru yoo ta’u, naannawa Finfinnee kan qubate, ilma hangafaa Oboo gosa Gumbichuu yoo ta’u, hanga kaaba Finfinnee, naannawa Caancootti jira.
Obo gosoota guguddoo torba qaba. Yeroo ammaas Torban Oboo jedhamuun waamamu. Ilmaan Oboo warra Finfinnee keessa jiran lamaan keessaa Gullallee Oboofi Gullallee Beerooti. Gullallee Oboo Finfinneerraa kaasee gara kaabaafi kaaba dhihaatti diriiree hanga baha laga Mogoritti yoo ta’u, gara kibbaatti immoo Galaan keessa gadi seenee jira.
Inni sadaffaan immoo Eekkaa Oboo kan jedhamu Galaanirraa gara Kaabaafi Gullalleerraa gara bahaatti laga Qabbanaawaa (Qabbannaa) irraa kaasee Finfinnee gara bahaa dhuunfatee hanga daangaa Gumbichuutti deema. Ilmaan sadii qaba.
Lafti Finfinnee jedhamu kun bara Minilik keessa magaalaa guddiitti empaayeriitti jijjiramee. Oromoonis bakka kanarraa buqqifamee gara kutaawwan adda addaatti faca’uufi gosoota naannawa sana jiranitti makamee ture.
Ittaanee empaayerittii kan qabates, bara Hayilasillaasee, Shaggar babal’achaa deemuun, Oromoo buqqistee godaansisuu ittifufte. Fakkeenyaaf bakki Gootaraa jedhamuufi Warshaan simintoo ture bosona yabbuufi leenci keessaa baroodaa ture akka ta’e himama.
Baruma bittaa Hayilasillaasee sana naannawinni Finfinnee kun “Mannaaggashaa Awuraajjaa (konyaa)” jedhama ture. Finfinneen kantiibaan haa bultu malee Awuraajjaa kana jala turte; konyichis akkuma qaama Finfinneetti ilaalamaa ture. Babal’ifannaan kun bara Dargiis ittifufuun sirumaa hanga kiiloo meetira 125 ta’a jedhamee odeeffamaa ture.
Shaggar karaa kibba dhihaatiin jahan Bachootiin daangeffama. Kana jechuun warra Finfinnee/Shaggar keessaa gadi dhiibamanii, naannawa Sabbataa ykn Furii turan dabalatee jechaadha. Jahan Bachoo jechuun ilmaan jahan Bachoo-Tuulamaa hore jechaadha. Fakkeenyaaf Meettaafi Subba sadeeniifi kkf.
Magaalaan Finfinnee haala kanaan bara 1879 hundoofte, har’a magaalaa guddoo Oromiyaa qofa osoo hintaane kan Itoophiyaafi teessoo Gamtaa Afrikaa taatee jirti. Erga hundooftee baroota dheeraa lakkoofsistus hanga guddachuu qabdu guddatteetti jechuun hindanda’amu. Keessumaa baroonni waggoota sadan darban dura turan kan abbootiin qe’ee irraa dhiibamaa, qabeenyi ummataafi biyyaa itti saamamaa ture waan tureef misoomnishee maqaashee hingitu ture.
Erga hoggansi jijjiiramaa aangoo qabatee hojiileen misoomaa hedduun yeroo gabaabaa keessatti hojjetamuu eegalaniiru. Akka fakkeenyaatti kaka’umsa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin, Paarkii Tokkummaa, Michummaafi Inxooxxoo kaasuun ni danda’ama.
Bulchiinsi Magaalattiimmoo pirojiktota garagaraa hojjetaa jira. Bara 2013 qofa pirojektota kuma tokko ta’an xumureera, kanneen kaanis xumursiisaa jira.
Pirojektota meegaa muraasa bulchiinsi magaalichaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramaa jiran dhiheenya kana ogeeyyii miidiyaatiin daaw’atamaniiru. Nutis raawwii pirojektota daaw’atamanii akka maxxansaaf tolutti qindeessineerra. Pirojektota hojjetamanis kan daaw’achiisan Ittigaafatamaa Waajjira Pirojektota Meegaa Magaalaa Finfinnee Injinar Shimallis Isheetuuti.
Pirojektii Mana Qopheessaa Magaalaa Finfinnee
Manni Qopheessaa Magaalaa Finfinnee erga ijaaramee waggoota 60 ta’us haaromsi hintaasifamneef, tajaajilli kennus mijataa hinturre. Akka fakkeenyaattis liiftii, to’attuu haala qilleensaa kan hinqabneefi miidhamtoota qaamaa keessummeessuuf mijataa kan hinturreedha.
Manni qopheessichaa tajaajilawwan garagaraa kan kennuufi namoota hedduu kan keessummeessu ta’us, hawataafi mijataa miti. Kanneen hunda haaromsuufi meeshaa qulqullinasaa eeggateefi ammayaawaa itti galchuun dalleeffamee akka taa’uuf osoo hintaane haala ummataaf banaa ta’ee tajaajilutti haaromfamaa jira.
Kana dura bulchiinsi magaalichaa walga’iifi leenjii garagaraaf iddoo biraa deemuun baasiif saaxilamaa kan ture yoo ta’u, haaromsa ammaatiin kutaalee walga’ii saddeet ta’an qopheessuun danda’ameera. Manni Tiyaatiraa magaalichaas sistamni sagaleefi meeshaalee ammayyaa biroon guutamaniif namoota 827 keessummeessuu akka danda’utti haara’eera.
Akka waliigalaatti darbiiwwan hundi hojjetaaf mijataafi hawataa akka ta’anitti kan haaromfaman yoo ta’u, kanaafis doolaara miliyoonni 54tu qabameef. Haaressi taasifamu qabiyyeesaa osoo gad hindhiisiin hojjetamaa jira.
Wayita daaw’annaan taasifametti raawwiinsaa %71 irra kan argamu yoo ta’u, haaressisaa Hagayya dhufu xumuramee ummataaf banaa ni ta’a. Haaresichi bakka dubbisaafi daa’imman itti taphachiisanis kan qabuudha.
Pirojektii Adwaa Zeeroo Zeeroo
Pirojektiin fuuldura mana qopheessaa magaalattii jiruufi waggoota 20 oliif maqaa ijaarsaatiin dalleeffamee tureedha. Hojii kanaaf bajatni qarshii biliyoonni 4.6 qabameefi raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, kunis wantoonni hundi zeeroorraa jalqabamuufi bakka ka’umsa duula Adwaa yaadachuuf hojjetamaa kan jiruudha. Lakkaawwiin fageenyaa kiiloomeetira biyyattii kallattii kamuu bakka ijaarsi pirojektii kun itti argamu, Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) irraa eegala.
Lafa heektaara sadiirratti kan ijaaramaa jiru pirojektiin kun keessoosaatti bilookiiwwan 11 darbii sadii sadii qaban qabateera. Hojii mana qopheessaa wajjin walagarsiisu waan qabuufis irra keessaan riqichi ‘VIP’ kan hojjetamuuf ta’a.
Ijaarsisaa godambaa (muuziyeemii), mana kitaabaa ammayyaa, wiirtuu qorannoo, galma walga’ii, kaaffee, mana nyaataa, suuqiiwwan, siidaa goototaa biyyattii, bakkee daa’imman itti taphatan, bishaan fincaa’aa, tiyaatira anfii, bakkee kubbaa saphanaafi harkaa itti taphatanfaafi kkf qaba.
Magaalattiin akka magaalatti galma mataashee qabaachuu waan qabduufis galma namoota kuma lama keessummeessuu danda’u ni qaba. Jalasaattis tarminaala taaksiiwwaniifi atoobisootaa kuma tokkoo keessummeessuu danda’u qaba.
Dallaansaas lolli Adwaa kallattiilee ja’aan adeemsifamuu yaadachuuf seensota torba akka qabaatu taasifamee ijaaramaa jira. Hanga danda’ametti pirojektichi injifannoo Adwaa akka yaadachiisutti kan hojjetamaa jiru yoo ta’u, ijaarsisaas %60 irra kan qaqqabeefi bara dhufutti tajaajila ni eegala jedhama.
Pirojektii Mana Kitaabaa Guddicha
Manni kitaabaa guddichi naannawa Daalattii (araat kiiloo) fuullee paarlaamaatti baasii qarshii biliyoona 1.1n lafa heektaara 19 irratti ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, ijaarsisaa %93 qaqqabeera. Gamoon ‘G+4’ ijaaramaa jiru kun tajaajila mana kitaabaa dijitaalaafi maanuwaalii kenna.
Manni kitaabaa sadarkaa Afrikaatti olaanaa ta’ee ijaaramaa jiru kun kutaalee hawaasa garagaraatiif bakka tajaajilli itti kennamu qaba. Fakkeenyaaf miidhamtoota qaamaa, addatti qaroo dhabeeyyii, haadholiifi daa’immaniif bakki addaa qophaa’eera.
Manni kitaabichaa namoota hanga kuma sadii ta’an qaamaan, namoota kuma torbaaf ammoo tajaajila ‘online’ kennuu kan danda’uudha.
Suuqiiwwwan gurgurtaa kitaabaa saddeet kan qabu manni kitaabaa kun, dallaa kan hinqabneefi namni kamuu seenee keessatti dubbisuu danda’a. Dabalataanis kaaffee bakka namni gaafa dadhabu aara ittigalfatuu ni qaba. Kunis guyyoota muraasa keessatti tajaajila eegaluudha.
Pirojektii bakka eegumsa konkolaataa Masaraa Guddichaa
Pirojektiin ‘grand palace parking’ ykn bakki eegumsa konkolaataa kun naannawa masaraa mootummaatti kaappitaala qarshii biliyoona 1.5n ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, ijaarsiisaa %81 qaqqabeera. Kunis irra keessaa gamoo abbaa darbii afurii, lafa jalaan ammoo darbiiwwan sadii qaba.
Keessoosaatti konkolaataawwan kuma tokko qabachuu kan danda’uufi lafa jala holaqa meetira 105 ta’u mooraa Paarkii Tokkummaatti nama baasuu qaba. Liiftii makaanikaalaa konkolaattotaaf ta’u ni qaba. Kunis suuqiiwwan, restoraantii, galma walga’iifi bakkeewwan tajaajilawwan garagaraa kennan ni qaba.
Pirojektii Addababayii Masqalaa
Ijaarsi pirojektii kanaa qarshii biliyoona 2.5n guutummaatti kan xumurame yoo ta’u, sochiiwwan hawaasummaafi kabaja ayyaanota garagaraatiif mijataa akka ta’utti hojjetameera. Kunis jalasaatti bakka eegumsa konkolaatawwan kuma tokkoofi 400 keessummeessuufi lafa jala darbii lamaan kan hojjetameedha.
Ibsaawwan mimmiidhagoo, ‘LCD’ guguddoofi giddugaleessaa beeksisi suursagaleedhaan irratti mul’ifamu ni qaba.
Pirojektichi hojii miidhagsa daandii kiiloomeetira 3.5 istaadiyeemii Finfinneerraa kaasee hanga mana qopheessaa magaalattiitti jiru kan hammatuudha.
Walumaagalatti pirojektonni kunneen hordoffiifi to’annoo ministira muummeetiin kan hojjetamaa jiran yoo ta’u, torban guutuu, halkaniifi guyyaa hojjetamaa jiraachuu Injinar Shimallis kaasanii dandeettiin raawwachuu mootummaas kan itti gabbateedha jedhu.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013