Pirojektota kuma 11fi tokko badhaadhina Oromiyaa dhugooman

Barana hojii misoomaa jireenya hawaasaa bu’uura godhatanirratti xiyyeeffatamee hojjetameen milkaa’inni qabatamaan argamuusaafi pirojektotni kuma 11fi tokko qarshii biliyoona 32 oliin hojjetaman tajaajilaaf gahuusaanii Pirezdaantiin BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaa tibbana ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa jijjiiramaa as kallattiilee hojii kaa’amaniin hojii misoomaa jireenya hawaasaa giddugaleessa godhatanirratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuus eeraniiru.

Hojiileen kunniin qabxiilee ijoo afur, humna guddaa hawaasni qabu sochoosuu, pirojektota buleeyyii xumuruu, pirojektota haaraa dizaayiniisaanii xumuruun haala mijeessuufi afraffaan waggoota ittaananiif haalduree hojii mijeessuuf kaayyeffamee hojjetamaa tureera jedhan.

Kana milkeessuufis humna bajataa mootummaa guddisuu, tajaajila lammummaa cimsuu, beekumsaa qindeessuufi deeggartoota misoomaa jajjabbeessuudhaan hoggansa gahoomsuun hojichi qabatamaan akka milkaa’u taasifamuus eeran.

Kanaanis qaawwi rakkoo ijaarsa misoomaa furameera jedhanii,

hoggansi siyaasa hogganuurra darbee misoomaafi dinagdee akka dursu taasisuun sadarkaalee hundatt milkaa’inni galmaa’uu beeksisan.

Bara 2012 pirojektotni kuma jahaafi 400 ol xumuramaniiru. Baranas karoora qabameen pirojektota kuma 11fi 1, bajata qarshii biliyoona 32 oliin hojjechuun danda’ameera jedhan pirezidaantichi.

Pirojektonni kunniin Caamsaa 25 bara 2013 irraa kaasee guutummaa naannichaatti eebbifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Tajaajila lamummaatiin maallaqa qarshii biliyoona 23.5n hojjetameera. Kana yeroo ilaallu carraa Oromiyaan qabduun kanaa ol hojjechuun ni danda’ama. Kana keessatti sagantaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad kaa’an, kan pirojektota buleeyyii xumuruuf yaadame milkeessuun danda’ameera.

Hojii kanarraa wanti baratame humni ummataa qindoofnaan jijjiirama fiduun akka danda’amu, hoggansi qindoomnaan gahumsaan waa xumuruun akka danda’amuufi humni misoomaa naannoo guddaafi cimaa ta’uun hubatameera. Kanarraa kaa’uun waggaatti galii hanga biliyoona 50 olii galchuun danda’ameera.

Pirojektonni haaraan eegalamanis yeroo gabaabaa keessatti xumuramaniiru. Kana keessatti hirmaannaan ummataa akkaataannitti qindeeffamu mijaa’eera. Kontiraaktaroonni misooma kanaaf xiyyeeffannoo kennuun amanamummaafi ga’umsaan xumuran jajjabeeffamaa jiru.

Riipportara Gaazexichaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013

Recommended For You