Finfinnee: Ijaarsi pirojektii Ji’otarmaalii Tulluu Mooyyee erga eegalee waggoota sadii lakkoofsiseera. Pirojektichi anniisaa maddisiisuun alatti misooma anniisaa mootummaan waliin gahuu hindandeenye milkeessuuf maallaqa guddaa baasee hojjetaa jira.
Kanamalees jiraattota naanawa ijaarsichi ittigaggeeffamaa jiruuf carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumaakan jiru yoo ta’u, kana keessattis pirojektiin ji’otarmaalii Tulluu Mooyyee ni eerama.
Daariktarri ittaanaan pirojektichaa Obbo Yatimgeetaa Faantuu pirojektichaa ilaalchisuun ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin ijaarsisaa ALA bara 2019 kan eegale yoo ta’u, ammaan tana waggoota sadii lakkoofsisuu kaasaniiru.
Karoora qabataniin qixa imalaa akka jiran yoo himan yeroo ammaatti humna meegaa waattii 50 maddisiisuu dubbatu. Pirojektichi hurka lafa qotamu keessaa bahuun humna ibsaa kan bakka bu’u ta’uus eeranii, ijaarsisaa waggaa afur booda raawwatama jedhaniiru.
Adeemsa amma itti jiran kanaan boolli hurki keessaa maddu qotamaa jiraachuus ibsanii, ALA bara 2025tti boolli meegaa waattii 150 maddisiisuu dandahu guutummaatti tajaajila laachuu dandaha jedhaniiru.
Ijaarsa pirojektichaaf doolaarri Ameerikaa miliyoona 260-270 ta’u baasii ta’uus Obbo Yatimgeetaa dubbatanii, innuu dhaabbata mitmootummaa biyya alaatiin kan dhiyaateedha jedhan.
Misoomichi faaydaa jiraattota naannawaa magaalaa Itaayaa furaa akka jirus himanii namoota 102f carraa hojii uumuus yaadachiisaniiru. Kana malees hojjettoota teknikii dabalataan hojii qabsiisuuf dargaggoota 40 oliif Finfinneetti leenjiin ga’umsa ogummaa kennamaa akka jiru dubbataniiru.
Wiirtuu pirojektichi ittigaggeeffamaa jiruu hanga Magaalaa Itayyaatti daandiin kiiloo meetira 15 dura jiraattota rakkoo keessa galchaa tures suphaa Pirojektiin Tulluu Mooyyee taasiseen furamuu dubbatu.
Wayita daandichi ijaarame ooyruu qonnaan bultootaa daandiin irra ooles xiyyeeffannoo keessa galchuun beenyaa madaalawaa kaffaluu kaasaniiru.
Pirojektiin Ji’otarmaalii Tulluu Mooyyee Godina Arsii Aanaa Itayyaatti ijaarsarra jiru kun baasii mitmootummaa kanaan erga xumuramee booda mootummaatti gurgursaan dhiyaata jedhameera.
Adeemsichi tajaajila ibsaa kanaan dura ture bakka buusuun rakkoo ciccituu kan maqsuufi hawaasa naannawaaf tajaajila dursaa kan kennuudha jedhameera.
Teknolojichi Itoophiyaa keessatti isa jalqabaa yoo ta’u, Keeniyaan guutummaatti tajaajilicha hojiirra oolchuun fayyadamaa taateetti.
Itoophiyaanis damee Ji’otarmaalii kanaaf xiyyeeffannoo kennuun humna kanaa ol maddisiisuun waliigahinsa tajaajila ibsaa mirkaneessuuf damicha cimsuu akka qabdu Obbo Yatimgeetaan ibsaniiru.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013