Meelbaa Piriintiingi: Horata bara Gadaa Meelbaa

Finfinnee: Gadaan miseensoota shan qaba. Isaanis Birmajji, Meelbaa (Beelbaa), Halchisa (Michillee), Duuloofi Roobaleedha.  Miseensoonni kunneen waggaa saddeet saddeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Misneesi Gadaa amma jirus Kan Meelbaati.

Akka hayyoonni seenaa ibsanitti, Gadaan Meelbaa Gadaa qabbanaati, Gadaa hojiiti, Gadaa horataati. Kanaaf fakkaataa waggoota muraasaa as horatawwan hedduu akka biyyaafi naannootti horatamaa jira. Pirojektoonni gurguddoo faayidaa hedduu qaban eebbifamanii tajaajilaaf oolaa jiru.

Keessumaa Oromiyaatti pirojektonni kuma 11fitokko buleeyyiifi haaraan Caamsaa 25 irraa eegalee hanga Waxabajjii 5 bara 2013tti eebbisiifamaa jiru.

Manni maxxansaa ammayyaawaa Waldaa Aksiyoona Meelbaa Pirintiingi, Pablishingiifi Paakeejiingii qarshii biliyoona 1.4n ijaarames isa tokko. Waldaan mootummaa dabalatee sheerii dhaabbilee garagaraatiin hundaa’e kun Magaalaa Galaanitti lafa heektaara kuma 23 irra qubate. Waldichi erga hundaa’ee waggoota saddeet lakkoofsisus bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuun Wiixata darbe eebbifameera.

Gaggeessaan hojii waldichaa Obbo Mohaammad Qaasiim Gaazexaa Bariisaaf pirojektichi sababoota adda addaatiin harkifachuu eeranii, maashinoota haaraa, ammayyaafi guguddoo  sadii galchuun hojii maxxansaa eegaluu ibsu.

Walitti qabaan boordii waldichaa Obbo Dhaabaa Dabalees warshichi Afrikaafis riijinichaaf guddichaafi tokkicha ta’uufi waldaan aksiyoonaa kun bara 2005 kaappitaala qarshii miliyoona 350 mallatteeffameefi miliyoona 90 kaffalameen kan hundaa’e ta’uu ibsan.

Akka ibsa walittiqabichaatti, dhaabbatichi baruulee, kitaabota, gaazexootaafi kkf halluudhaan ni maxxansa. Akkasumas, meeshaa ammayyaawaa bu’aalee maxxansaa qorsuu danda’u ni qaba. Guyyaatti kitaabota kuma 138fi waraqaa kuma 65 maxxansuu danda’a.

Ministirri Barnootaa Doktar Injinar Geetaahuun Makuriyaa gamasaaniin, ijaaramuun mana maxxansichaa keessumaa seektara barnootaatiif bu’aa olaanaa ta’uu kaasanii, maxxansawwan barnootaaf oolan qofaaf waggaatti qarshii biliyoona lamaa ol ba’aa turuu eeru.

Kanaafuu warshichi baasii kana hambisuurra darbee yeroo dheeraa maxxansawwan alaa galchuuf fudhatus ni hambisa. Keessuma wayita ministeerichi imaammata barnootaa haara bara 2014tti hojiirra oolchuuf qophii taasisaa jirutti xumuramuunsaa faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas, dhaabbatichi waggaatti kitaabota miliyoona 40-50 maxxansiisuu akka danda’u himanii, kunis humna guddaa ta’uusaatiin mootummaan deggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu ibsu.

Keessumaa, hojii dhiheessirratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’uu eeranii, kanaafis hojii to’annoorratti gamanumaa hojjetamuu akka qabu dubbatu. Dhiheenyatti Oromiyaa Lixaatti warshaa waraqaa ijaaruuf qophiin xumuramuus ni addeessu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013

Recommended For You