Samaraafi Dasee: Itiyoo Telekoom tajaajila ‘4G LTE Advanced’ kan interneetii mobaayilii daran si’eessuuf gargaaru magaalota naannoleetti babal’isaa kan jiru yoo ta’u, kan riijinii Kaaba Baha, Bahaa dheengadda magaalaa Samaraatti, kan riijinii Kaaba Bahaa ammoo Wixata darbe magaalaa Daseetti jalqabsiiseera.
Tajaajila ‘4G LTE Advanced’ riijinii Kaaba Baha, Bahaatiin magaalotni Samaraa, Loogiyaa, Asaayittaafi Awaash Sabaat Kiiloon tajaajilicha kan argatan yoo ta’u, kan riijinii Kaaba Bahaatiin ammoo magaalotni Dasee, Hayiq, Kamisee, Qobboo, Kombolchaa, Laallibalaafi Waldiyaan fayyadamoo ta’aniiru.
Raawwachiistuun Hojii Itiyoo Telekoom Firahiwota Taammiruu tajaajila ‘4G LTE Advanced’ Samaraafi Daseetti wayita jalqabsiisan akka jedhanitti, Itiyoo Telekoom barana tajaajilicha magaalota biyyattii 103 biraan ga’uuf karoorfatee hojjechaa jiraachuufi hanga dheengaddaatti magaalonni 44 tajaajilicha kan argataniiru.
Maamiltoonni tajaajila ‘4G LTE Advanced’ argachuuf ‘Smart Phone’ (Tabileetii)fi siim kaardii ‘4G’ ta’e qabaachuu qabu kan jedhan Firehiwot, Itiyoo Telekoom maamiltootasaaf ‘smart phane’ gatii madaalawaadhaan dhiyeessuuf hojjechaa jira. Siim kaardii gara ‘4G’tti jijjiiruun ammoo gatii kan hinkaffalchiifne ta’uus himaniiru.
Tajaajila ‘4G LTE Advanced’ babal’isuun odeeffannoo si’ataa akka argannu taasisuurra darbee bittaafi gurgurtaa raawwachuuf, fageenyarra taa’anii viidiyoo konfiransii adeemsisuufi barumsa fageenyarratti akka hordofnu taasisuudhaan hojii keenya guyyuu milkeessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Itiyoo Teelekoom yeroo ammaa maamiltoota miiliyoona 54.7 kan qabu ta’uus himanii, waliinga’iinsi telekoomii biyyattiis dhibbantaan 95 irra ga’uu himaniiru. Itiyoo Telekoom waliinga’iinsa tajaajila telekoomii qofa osoo hintaane, waliinga’iinsa interneetii ‘4G’ irrattis xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuufi ALA bara 2022tti ammoo biyyattiitti tajaajila ‘5G’ jalqabsiisuuf karoorfatanii ojjechaa kan jiran a’uu dubbataniiru.
Itoophiyaatti tajaajilli telekoomii erga jalqabee waggoota 127 kan lakkoofsise yoo ta’u, kan mobaayilii ammoo waggoota 22 ta’eera. Itoophiyaan tajaajila telekomii fayyadamuun biyyoota Afrikaa keessaa ishee jalqabaa ta’uunis himameera.
Bayyanaa Ibiraahimiifi Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013