Warra malaan malee, nama malchiisu

 Torbee kana taatee tokkotu ture. Camsaa 20 jechuu koo mit. Isa barri irra darbeera. Wanti hundu yeroofi bara qaba. Ani ayyaana akka Fulbaana 2 isa bara dargii miidhagina qabu argee hin beeku. Jaalalaafi dirqama of keessaa qabaatullee. Ijoollee taanee guyyaan sun yoom akka dhufu hawwina turre. Innis irra darbeera. Caamsaa 20ni akka Fulbaana 2 ta’uu baatullee wacni salphaan hin turre. Innis yeronsa irra darbeera. Kan hafe kaalaandariirraa haqamuu qofaadha.

Taateen (event) torban kanaa ani jedhu kun guddaadha, gochisaa guddaa ta’uu baatulle. Taatee kanarratti kabajamtuu Ad. Saahilwarq Zawudee, Pirezidaantiin Mootummaa Federaalawa Rippabliika Dimokiraatawaa ( jechoota hiikasaanii qofa osoo hin taane tartiibnisaanii namaaf hin galle) Xoobbiyaa keessummaa kabajaa ta’anii irratti argamanii turan. Kanaafan guddaadha jedhe. Taateen kun kan kabajame hooteela biyyattii guddicha Sharaatan jedhamu keessatti.

Sirni taatee kanaa kan adeemsisame ayyaana hundeeffama dhaabata tokkoo kabajuufiidha, hundeeffama Waggaa 20ffaa. Sanaayuu kan Komishiinii Naamuusaafi Farra Malaamaltummaa mootummaa federaalawaa. Waggaa lakkaawanii guyyaa dhalootaa ykn guyyaa hundeeffamaa kabajachuun kanuma jiruudha. Dhimmi ijoon waggoota sana keessatti maaltu hojjatame jedhanii walgaafachuudha.

Kanaan ala walwaamanii guyyaa kana afeerraafi nyaachisa guddaa taasisanii walbadhaasanii gammachuu sammuutiin osoo hin taane gammachuu qoonqootiin adda galuun ni danda’ama.

Komishiiniin Naamuusaafi Farra Malaamaltummaa bara dhaabbate nan yaadadha, bara 1993 eddii wayyaaneen akka lafeetti biyya qorqitee nyaatteen booda; eddii saamicha guddaa gaggeesitee haala hunda mijeeffatteen booda. Baga ittiin isn gahe jechuun rakkisaadha.; yoo waanuma nutti bareef aadaa godhanne malee.

Komishinichi waggaa 20 guutuu maal hojjatte? Namuusni akka eegu itti kenname ni oole moo ni bade? Malaamaltummaan akka too’atu ergame ni milkaa’e moo hin milkoofne? Kana xiinxalanii booda kan baga geesse ykn osoo dhalachuu baattee kan ittiin jedhamu.

Jalqaba gaarummaa dhaabbata kanaarraayin ka’a. Dhabbanni ergama guddaa qabu kan akka Komishiinii Naamuusaafi Farra Malnaan Maltummaa kun yoo hundaa’u waan ni hojjata jedhamee seeran tarreeffamesanatti qaamni olaanaan amanuu qaba. Hojiirra oolmaasaatifillee kutannoo qabaachuu mala.

Yoo kana ta’uu baate maqaaf ykn qaama biraa ittiin mooksuuf kan dhaabbate ta’a. Komishiiniin kunillee kan dhaabbate “ jira “ jechuuf qofa natti fakkaata. Sababa kanaan kaayyoo hundeeffameef galmaan gahuurraa “cinaa dhaabatee ilaalaa ture ykn nyaachisaa ture’ jedhamee komatama” komii sirriidha.

Manni hojii kun osoo seeran hojjatee guddina biyyaa keessatti gahee olaanaa qaba. rakkoon guddaan jiraatullee bu’uurri inni waggoota 20 keessatti buuse ni jira. Itti yaadanii hundeessuun waan tokkoodha- kan beekamtiin kennamuufi malu. Yaadamni hawaasa keessatti uumes salphaa miti. Beeksisooti karaa midiyaa darban hedduun namuusa gaarii barsiisuu keessatti gahee mataasaanii qabu. Guddaafi xiqqaan waan irraa barate qaba- gochi waan biraa ta’ee. Mootummaan yoo ‘jas! jas!’ jedheen qarriffaa hamaadhaan nama ciniinuu akka danda’us agarree jirra. Yoo dhiis jedheen akka saree biriifatee akka biraa deebi’us agarree jirra. Caasaa dhaabbatichaa akka biyyaatti diriisrsuufi wantoota xixiqqoo too’achuuf wanti yaalamaa tures badaa miti. Kanaaf hojii komishinichaa zeeroon baayyisuunis sirrii miti.

Haa ta’u malee komishiiniin kun akka dhaabbata biyyaalessaa ergamni guddaan itti kenname tokkotti gahee isaa bahe jedhee hin amanu. Umuriin waggaa digdamaa dhaabbata kanaa umurii bilaashatti badeedha. Ijaaruuf baasii guddaan itti baheera. Mindaa iskeelii addaatiin hojjataan qacarameefiira. Garuu bu’aan dhufe gocha malaan maltummaa Xoobbiyaa keessatti hin xiqqeessine. Raga hagayya bara 2020 ALG ‘Corruption perception Index’ jedhurratti baheen xoobbiyaan malaanmaltummaadhaan biyyoota addunyaa ragaan qabame 175 keessaa 94fa irratti argamti. Raga kanaan Suudaaniifi Suudanii kibbaarra foyyee qabaachuu dandeessi. Biyyoota Afriika tokko tokkorra fooyyee ni qabdi. Somaalerra fooyyee ni qabdi. Ta’ullee biyyoota malaanmaltummaan keessatti babalatani keessatti maqaan dhahama- komishinichi garuu waggaa 20f umurii lakkaa’eera.

Dhaabbani kun sirna wayyaaneedhaan hundeeffame. Garuu malaanmaltummaan bara sirna Wayyaanee akkam ture? Kun icciitii addabaabaayi jiruufi ummanni Xoobbiyaa beekeedhudha. Namoonni gaafa TPLF Finfinnee galu luka duwwaa turan kan beesaa takka harkaa hin qabne takkitumaan miliyeenara kan ta’an. Waggaa digdama dhaabbanni kun hundaa’e keessatti fooqiirratti fooqii ijaarratan. Warra mataarra jiran kanneen aangoo akka uffataa walirran dirribatan qabeeya lakkoofsaan hin beekane horatan. Hojjatanii osoo hin ta’in hannaafi saamichaan.

Waan ajaaibaa! “Malaanmaltummaan invastimantiidha” jedhanii keessoosaanitti iciitiin irratti hojjechaa akka turan booda oduun bahe. Qabeenya biyyaafi ummataa saamudhaan nama karaa al-namuusaatiin abbaa qabeenyaa taasisuu. Gochaan kun qabatamaan waan taasisameedha. Namoonni qabeenya biyyattii muxuxeessanii nyaatanii osoo hin taane dheedanii investara ta’an hedduudha. Kun hundi yoo ta’u komishinichi biyya keessa hin turre jedhamaa ree? Malaan hatanii yoo wal-hachisiisan hin beekuree? “eeruun nabira hin geenye” jedhee mormaa ree? Kanaaf umurii lakkaa’uun sirrii miti kanan jedheefi. Umurii itti hin jiraanne, itti hin hojjanne baasii gudda itti baasanii kabajuun maal buusufi? Ajaa’ibni biraa dhaabbileen beekamtii kenneef ummanni akkamitti madaala kan jedhuudha. Abbaan Taayitaa Gumrukii hojimaannisaa fooyya’ee yoo beekamtiif ga’e namni jibbu hin jiru. Ministeerri Galii yoo sadarkaa komishiinii Farra Malaanmaltummaatiin badhaafamuurra gahe badhaasaa qofaa mitii wanti biraatuu isaaf mala. Garuu dhaabbileen kunniin akka biyyaatti tajaajila maamilaarratti rakkoo akka qaban beekamaadha. Dhabbanni “GAN Integrity” jedhu Xobbiyaa keessatti dhabbileen bulchiinsa taaskii ( Task Administration), abbaan taayitaa Gumruuk ( Custom Authority), Bittaan mootummaa, Bulchiisni lafaa malaan maltummaaf saxilamtoota akka ta’an gabaasa dhiheenya bahe hin agarree laata? Gabaasa gandaarra dhugaa biyyattii keessa jiru qoratamee laata?

Dhaabbatich siistama turetu okkolaa taasisee. Akk hin duunes akka hin jiraannes taasisee itti fayyadamaa ture. Hojjataan keessa jiru umaa gochuu hin danda’u. ta’i yoo jedhan kan adabatee taa’u, deemi yoo jedhaniin akkuma loltuu adda waraanaa “garam?” jedhee kan gaaftu malee “maaliif?” kan jedhee gaafatu hin turre. Kanaan ala xiyyeeffannaansaa waan xixiqqaarratti ture.

Akkuma nama hojjataa mootummaa leenjii naamuusaafi farra malaanmaltummaa irratti hirmaadhee nan beeka. Gosoota malaanmalummaa sirriitti namatti himu. Tiyoorii nama barsiisuurratti rakkoo hin qaban. Fakkeenya addunyaa kaasuurratti sodaa hin qaban. Gaafa gara biyyaatti deebi’ani rakkoon kan dhufu. Gaafa sana akkuma dubbii saree sana” Osoo beeknuu huuban wajjin” jedhanii bira taru. Fakkeenyi biyya keessatti ka’u dhimma sa’aatii barfachuu, dhimma itti tajaajilama meeshaa biiroo keessaa, dhimma warqata fudhatanii galuu, dhimma kompiitara mootummaarratti hojii biraa hojjechuu, dhimma peennaa fudhatanii galanii ijoollee kennuufi kanneen kanaan walqabataniidha. Gochaawwan kun sirriidha jechaa akkan hin jirre naaf hubadhaa. Eeyyen sirrii miti. Garuu xiyyeeffannoon caalaan dhaabbata kanaa eessa ta’uu qaba kan jedhuudha. Malaanmaltummaan guguddaan ( grand Corruption” tuulaa ta’ee osoo fuldura dhaabbatuu uuba ija keessaa barbaaduu fakkaata dhimmichi.

Kan darbe Wayyaanee wajjin darbeera. Hoggantoonni wayyaanee gaafa qalbii midhu kan waggota soddomaaf hatan calisanii nyaachuu dadhabanii humnaan aangotti deebi’uuf sochii gaafa jalqaban kan maraatan. Quufni waan isaan godhu wallaalchisee kan ummanniifi mootummaan osoo beekuu bira tare akka carraatti itti fayyadamuu dadhabaniidha.

Quufa dadhabanii amma diddigaa jiru. Komishiiniin farra malaanmaltummaa yeroo sana ture osoo maqaasaa irra deebi’anii kan moggaasaniif ta’ee “ fira malaanmaltummaa” jechuutu isa madaala.

Ganna darbeef mana hin ijaarani. Waggaa digdama ummataafi biyya tajaajile jedhanii Sharaatan keessatti haasawa baayyisuunis sirrii miti. Komishinichuu malaan maltummaarraa bilisa turuunsaa osoo qoratamee waanti bahu ni beekama. Gaafa guyyaa hundeeffamaasaa kabaju rakkoowwansaa kan wagoota taree xiinxalee yoo isa irraa sirrachuuf ta’e qofa kan sirrii ta’u.

Komishinicha waggaa 20fa kabajuufi miti kan barbaachisu. Irra deebi’anii ijaaruu barbaada. Siistamasaa sirreessuu barbaada. Akka hojiisaa bilisaan hojjatu haala mijeesutu gaarii ta’a.

Torban gaarii !

 Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You