Karoora maatii ykn mala ittisa ulfaa

Haati manaaf Abbaan manaa tokko karoora karoorfatan bira gahuuf ykn yeroo barbaadanitti dhala argachuuf karooora maatii fayyadamu.

Mana yaalaatti tajaajilli  karoora  maatii kan kennamu haadha manaa ykn abbaa manaa humnaan dirqisiisuun osoo hintaane fedhii isaaniirratti hundaa’uun kan kennamudha.

Karoora maatii namoota akkamiifi yeroo akkamii fayyadamu?

  • Daa’imman wal-irraa faffageessitanii godhachuu yoo feetan
  • Rakkoo fayyaa dubartiin sun yoo ulfoofte isheerraan ykn da’ima sanarraan miidhaa geessisuu kan dandahu yoo tahe
  • Daa’ima godhachuuf sammuu, qaamaafi qabeenyaanis hinqophoofne yoo tahe fedhi isaaniin fayyadamuu danda’u.

Karoora maatii bakka gurguddaa lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya

Isaanis :-

  • Karoora maatii uumamaafi
  • Karoora maatii nam-tolchee jedhamu
  • Karoora maatii karaa uumamaa

Karoora maatii karaa uumamaa yeroo jennu qoricha  ykn lilmee nam-tolchee osoo hinfayyadamin mala ittiin ulfa karoora malee ittisan jechuudha.

Addunyaa kanarratti namoonni miliyoona hedduu tooftaa kana nifayyadamu. Tooftaan kunis parsantii 100 ulfa karoora malee ittisuu baatus ulfa karoora malee ittisuu keessatti shoora olaanaa taphata.

Mee maloota ittisa ulfa karoora malee karaa uumamaa keessaa muraasa tokko tokkoon haa ilaallu.

  1. Bakkeetti dhangalaasuu ykn ejaculation withdrawl method

Mala kana addunyaa keenya kana irratti namoonni miliyoona hedduu kan fayyadamanidha. Kunis dhiirri tokkoof shamarran tokko yeroo wal-qunnamtii saalaa godhan kan raawwatamudha. Mala kana keessatti dhiirri tokko yeroo wal-qunnamtii saalaa godhu yeroo dhangala’aan ispeermii gara alaatti bahuuf miirri isaa isatti dhaga’amu qaama saalaa shamarranii keessaa baasee gara alaatti dhangalaasuu jechuudha. Kunis sanyiin dhiiraa ykn ispeermiin gara qaama saalaa dubartoota akka hingalle gochuun ulfa karoora malee ittisa jechuudha.

Akkuma jalqabarratti eeruuf yaalle mala kana namoonni hedduu haafayyadaman malee namoonni tokko tokko miira keessa galuun keessaa baasanii bakkeetti dhangalaasuu kana nidagatu.

  • Mala riitimii/kalandariii ji’aa

Tooftaan kun tooftaa bara durii kaasee namoonni hedduun fayyadamaa turanidha.

Malli ulfa karoora malee ittisuu kun kalandarii guyyootaa beekuu irratti xiyyeeffata. Dubartii giddugaleessaan laguu ishee guyyaa 28-32 argitu keessatti  guyyaan itti hanqaaquun ovaarii keessaa gadi-lakkifamtee gara ujummoo gadameessaa dhaqtu guyyaa 14ffaa irrattidha. Sanyiin dhiiraa ykn ispermiin miliyoona hedduun lakkaa’aman kan yeroo wal-qunnamtii saalaa qaama saalaa dubartootaaf gadameessa keessatti gadi dhiifaman keessaa sanyii dhiiraa tokkotu hanqaaquu ovaarii keessaa qophooftee gara ujummoo gadameessaa deemte kana cabsuun guddinni miciree dhala namaa jalqaba.

Kanaaf sanyiin dhiiraa gadameessa keessatti gadi-dhiifame kunis guyyaa muraasa waan turuuf akkasumas hanqaaquun dubartiin gadi-lakkistes hanga sahaa 24 waan turuuf guyyoota isheen carraa ulfaa’uu qabdu kana beekuun yeroo sanatti wal-qunnamtii saalaa gochuu dhiisuu jechuudha. Isa dura wanta beekamuu qabu keessaa tokko dubartiin tokko carraan isheen guyyoota ji’aa kana keessatti ulfaa’uuf qabdu guyoota muraasa qofa. Giddu galeessaan guyyaa 6 jechuudha. Kanaaf akka tooftaa ulfa karoora malee ittisuu kanaatti dubartiin laguu ishee guyyaa 28-32 argitu tokko guyyaan laguun ishee itti dhuferraa kaastee tokko jettee lakkaa’uun kan eegaltudha.

Erga lakkaa’uu eegaltee boodas guyyaa 8-19 gidduu kan jiru guyyaa isheen itti carraa ulfaa’uu guddaa qabdu waan taheef guyyaa kana wal-qunnamtii saalaa gochuu dhiisuu ykn  yoo barbaaddan koondomii fayyadamuun barbaachisaadha. Kanaaf tooftaa kana fayyadamuuf marsaan laguu keessan dhaabbataan guyyaa jedhame kana keessatti kan dhufu kan taheefi guyyaaa sana sirriitti lakkaa’uu qabdu.

  • Harma sirriitti hoosisuu/lactational ammenorhea method

Dubartiin tokko erga deessee booda jijjiiramni hormoonii waan ishee mudatuuf yeroo gabaabaaf laguun ishee ni dhaabata. Kana qofa osoo hintaane hormooniin aannan daa’imaa oomishuu keessatti gahee qabu hormoonii hanqaaquu dubartii maddisiisan akka hir’atan gochuun hanqaaquun baatii baatiin ovaarii irraa gadi-dhiifamtu akka haftu godha.

Dubartiin tokko erga deessee booda laguun ishee dhufus dhufuu baatus torban sadii gidduutti carraa ulfaa’uu qabaachuu dandeessi. Dubartiin tokko harma daa’ima ishee sirriitti luugsisuun ykn hoosisuun hanga baatii ja’aatti ulfaa’uu dhabuu dandeessi. Kanaaf kunis akka mala ittisa ulfa karoora malee tokkootti kaasnee haasahuu dandeenya jechuudha.

Tooftaa harma hoosisuun ykn luugsisuun ulfa karoora malee ittisuuf dursa haal-dureewwan akkamii guutamuu qabu? akkasumas dubartoota akkamiitu fayyadamuu qaba?

  1. Dubartii erga deessee laguun ishee hindeebine tahuu qabdi?
  2. Daa’ima ishee sirriitti harma hoosisuu qabdi. Kunis guyyaatti yeroo 8-12 kan hoosistu ykn luugsistu tahuu qabdi
  3. Daa’imni ishee baatii jahaa gadi tahuu qaba.
  4. Daa’imni sun nyaata biraa eegaluu hinqabu

Kanaaf akkaataa armaan oliitti eeruuf yaalleen yoo sirriitti fayyadamte dubartiin tokko hanga baatii 6tti  ulfa karoora malee ittisuu dandeessi jechuudha.

  • Mala karoora maatii nam-tolchee

Ulfa karoora malee ittisuuf tooftaa fayyadamnu keessaa inni biraa mala ittisa ulfa karoora malee karaa nam-tolchee tahedha. Kunis keemikaala,qoricha,lilmeefi baqaqsanii yaaluu fayyadamuun ulfa karoora malee ittisuu jechuudha.

Tooftaa kana mala ittisa karoora maatii yeroo gabaabaafi yeroo dheeraa jennee bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya

  1. Mala ittisa ulfa karoora malee yeroo gabaabaa

Malli kun yeroo gabaabaaf ulfa karoora malee ittisuuf kan itti gargaaraman jechuudha

Maloonni kunniin maalfaadha?

  1. Koondomii

Koondomiin meeshaa pilaastika haphii kan sanyiin dhiiraa akka qaama saalaa dubartii ykn gadameessa keessa hinseenne godhudha. Koondomiin kan dhiiraaf kan shamarranii kan jiru yoo tahu,namoonni  miliyoona hedduun lakkaa’aman mala kana nifayyadamuu.

Koondomiin dhiirri tokko yeroo wal-qunnamtii saalaa gochuuf jedhan dursee qaama saalaa isaatti kan galchu akkasumas dubartiin yeroo wal-qunnamtii saalaa koondomii dubartootaaf qophaa’e qaama saalaa isaanii keessa galchuun wal-qunnamtii saalaa gochuu jechuudha. Koondomiin ulfa karoora malee ittisuu qofa osoo hintaane dhibeewwan saal-qunnmatii saalaan daddarban kanneen akka coophxoofi kkif ittisuu keessatti gahee guddaa qaba. Koondomiin seeraan yoo fayyadaman ulfa ittisuu keessatti gahee guddaa qabaatuus darbee darbee carraa cituu niqaba.

  • Kininii/qorichoota guyyaa guyyaan fudhataman

Qorichoonni ykn kininonni guyyaa guyyaan fudhataman kunniin hormoonii kan of-keessaa qaban yoo tahu ,hormooniin kun karaalee garaagaraan qaama dubartootaa kessa seenuun ulfa ittisuu keessatti ga’ee guddaa qaba. kiniiniin kunniin bifa hormoonii lamaafi tokkoon kan qophaa’anidha.

  • Lilmee baatii sadi sadiin diramu.

Biyya keenya keessatti namoonni irra caalaan mala kana hedduminaan kan fayyadaman yoo tahu ulfa ittisuu keessatti gahee guddaa qaba. lilmeen kun bifa hormooniin baatii sadi sadiin kan waraannatamu/diratamudha.

  • Kininii hatattamaa erga wal-qunnamtii saalaa godhanii booda fudhatamu fikkf
  • Mala ittisa ulfa karoora malee yeroo dheeraa

Maloonni ulfa karoora ittisuu yeroo dheeraa keessaa muraasni

  1. Impilaantii/lilmee irree harkaa keessa awwaalamu

Gosti ulfa karoora malee ittisuu kun dubartiin tokko fedhii isheen erga filattee booda gogaa irree harka ishee keessa suuquun waaggaa 3-5 kan fayyadamuu dandeessudha

  • Shiboo gadameessa keessa taa’u(IUCD)

Malli ittisaa kunimmoo dubartiin tokko fedhii isheen erga filattee booda hakiimni gadameessashee keessa kaa’uun kan ulfa karoora malee ittisuuf fayyadamnudha. Mala kana dubartiin tokko waggaa 10-12 fayyyadamuu dandeessi.

  • Ujummoo gadameessaa lamaan hidhuu

Mala kana dubartoonni baayyeen dhala godhachuu hanga dhumaatti dhaabuu yoo barbaadan ykn ijoollee amma fedhan argatanii isa booda ijoollee argachuu yoo hinfeene fedhii isaaniin kan fayyadamanidha.

Akkuma jalqabarratti kaasuuf yaalle hanqaaquu ovaariin  dubartiin qopheessite gara ujummoo ovaarii deemuun sanyii dhiiraa waliin ujummoo gadameessaa keessatti wal-argiti. Mala ittisa ulfa karoora malee kana keessatti hanqaaquun dubartiin qopheessite kun akka ujummoo gadameessaa hinseenneef ujummoo gadameessaa gama lamaaniin hidhuu jechuudha . bifa kanaan ulfa yeroo dheeraaf ykn hanga dhumaatti ittisuun nidanda’ama jechuudha

  • Ujummoo geejjibduu sanyii dhiiraa hidhuu/kutuu

Mala kana dhiironni amma jiraatanitti dhalchuu hinfeene kan fayyadamanidha. Tooftaa kana keessatti sanyiin dhiiraa seelii cidhaan dhiiraa keessatti qophaa’e ujummoo sanyii dhiiraa geejjibuun gara alaatti dhabamsiisu yaalii baqaqsanii yaaluu salphaan hidhuu ykn gudunfuu jechuudha. mala kana keessatti sanyiin dhiiraa qophaa’us gara alaatti dhabamsiifamuuf karaan waan itti cufameef dhiirri tokko carraan ulfeessuu isaa hinjiru jechuudha.

Fayyaa hindhabinaa

Dr Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You