Itoophiyaa haa uwwisnu

Waggaa 40 dura uwwisi bosona Itoophiyaa harka 40 ture seeraan ala ittifayyadamuu keenyaan gara dhibbantaa afuriitti gadi bu’ee ture. Akki nuti qabeenya uumamaa keenya itti qabannus daran boodatti hafaadha.

Haalli ittifayyadama qabeenya uumamaa keenyaa nama diinummaadhaan biyyarratti bobba’e fakkaata. Qabeenya uumamaa keenyatti seeraan ala fayyadamnee macaasnee balleessineerra.

Kanaanis balaawwan ongee, dhiqama biyyeefi faalama qilleensaafi kkf of saaxilleerra. Ongeen yoo al tokko mudate lubbuu namaa gaaga’uu bira darbee beelladoota baay’ees galaafatee darba. Waggaa waggaadhaan sababa ongeetiin qabeenya guddaa dinagdee biyyattii ol kaasuu danda’u dhabaa jirra.

Haalli kun kana caalaa hammaatee balaa caalu akka hinqaqqabsiisneef keessumaa waggaa sadii as yaada Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad maddisiisaniin dhaabiinsi biqiltuu ummata biyyattii bal’inaan hirmaachise geggeeffamaa jira.

Dhaabiinsa biqiltuu biyyoota ollaa dabalatee biliyoona jaha barana geggeeffamu Roobii darbe sagantaa dhaabiinsa biqiltuu baranaa mataduree “Itoophiyaa haa uwwisnu” jedhuun geggeeffamu kan eegalchiisan Doktar Abiyyi, “Akkuma guddina nama tokkootiif nyaanni madaalamaan barbaachisu biyyis waan madaalamaa barbaaddi” jedhan.

Dhugaadha, pirojektii ulfaataa akka Abbayyaa milkeessinee, paarkiiwwan indastirii guguddoo ijaarree, daandiiwwan ijoo Itoophiyaa biyyoota ollaatiin walitti hidhan ijaarree, magaalota keenyas ammayyeessaalafti keenya ona taanaan kasaaraa guddaadha.

Lagoonniifi haroowwaniifi mukkeen keenya goganii, burqituuwwan keenya gu’anii, bineensonni dhumee, sinbiroonni yoo baqatan madaalliin uumamaa keenya waldhaha. Waldhahee qofa otoo hintaane motora badhaadhina biyya keenyaa ni laaffisa, guddina dinagdee keenyaas boodatti deebisa.

Biyyoota Ardii Afrikaa ongeedhaan miidhaman keessaa Itoophiyaan ishee tokko. Qonnaafi qoraaniif jedhamee waggaa waggaadhaan bosonni hektaara kuma 92 ni mancaafama. Kun kasaaraa guddaadha; qottoodhuma keenyaan gogiinsa ofitti harkiisuudha.

Eegumsa naannawaa keenya ashaaraa magariisaa keenyaan yoo cimsuu baannes gochich seenaarra hindarbu. Biqltuu dhaabnee rooba gannaatiin ala, lageeniifi haroowwan keenyatti fayyadamuu qabna.   

Ashaaraa magariisi lafa bosonni irraa gogolaa’e deebisanii misoomsuun aadaa biqiltuu dhaabuu keenya gabbisa. Ashaaraa magariisi duula miti;  akkuma mukkeen kan ciraman duulaan hintaane, hojiin ashaaraa magariisaas hojii duulaa ta’uu hinqabu.

Uumamni bosonaa kaneegalamu biqiltuu tokkooni jedhama. Nuti garuu biqiltuuwwan biliyoona afuriin waggoota sadan har’aa eegalle. Waggoota 20 keessatti biqiltuuwwan biliyoona 20 dhaabuu karoorfannee marsaa sadaffaarraa qaqqabneerra. Kaayyoon keenya uwwisa bosonaa biyyattii %15 irra jiru waggoota muraasa keessatti %40tti deebisuu waan taa’eef hojichirratti hirmaannee Itoophiyaa magariisummaa haa uwwisnu.

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013

Recommended For You