Finfinnee: Magaalaa Finfineetti kan argaman ejensiiwwan hojjetaafi hojjachiisaa walqunnamsiisan eeyyamaan ala hojjechuu dabalatee hojiiwwan seeraan alaa garaa garaa irratti hirmaachaa jirachuu Ministeerri Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa ibse.
Ministirri ministeerichaa Doktar Ergoogee Tasfaayee ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin, hojii eeyyama itti argataniin ala hojjechuu, seerota bahaaniif bitamuu diduu, maqaa hojjetaafi hojjechiisaa walqunnamsiisuutiin yakkoota adda addaa keessa galuu, mirgaafi faayidaa hojjetaa cinatti dhiisuufi rakkoowwan hedduu keessatti kan argaman ta’uus dubbataniiru.
Rakkooleen kunneen qabatamaan jiraachuu qorannoodhaan adda bahuu eeranii, kanarraa ka’uun immoo riifoormiin seerota hojjetaafi hojjechiisaa adeemsifamaa jiraachuu himaniiru. Riiformichaanis hanqinootni kunneen furmaata ni argatu jedhamee akka abdatamuus ibsaniiru.
Hariiroon hojjetaafi hojjechiisaa gidduu jiru irra jireessaan kan adda fagaachaa jiru rakkoo ejensiwwaniin akka ta’e kan himan immoo Pirezdaantiin Konfedereeshiinii Hojjettoota Itoophiyaa Obbo Kaasahun Foollee, seerri amma qophaa’aa jiru kun immoo alseerummaa ejensiiwwan biratti mul’atu kana furuu keessatti shoora olaanaa kan taphatu ta’uu dubbataniiru.
Eeyyamni dubartii deesseef dhaabbilee mootummaa biratti ji’a afur kennamu dubartoota dhaabbilee dhuunfaa keessa hojjetaniifis akka kennamu seerri haaraa kun ni dirqisiisa.
Magaalaa Finfinnee qofatti ejensiiwwan 314 akka jiran ragaaleen ni mul’isu.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013