Eebba maanguddoota Oromoo

Natsaannat Taddasaatiin

Oromoon sagantaa kamiyyuu eebbaan jalqaba. Eebbi kun Abbootii Gadaatiin ykn jaarsolii biyyaatiin adeemsifama. Eebbi  armaan gadii kun kan naannawaa Lixa Oromiyaatti eebifamuudha.

Uumaafi uumamni  Waaqaa lafti, sa’aa namni

Xinnaa guddaan, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantii,

Bulchitoonni biyyaa, eegdonni biyyaa, qeerroofi qarreen

Na oofkalchaa, isinis ofkalaa.

Ee yaa Waaq, Waaqa uumaa, Waaqa uumamaa

Waaqa hundumaa qabduu, Waaqa hundumaa qaqqabdu

Waaqa jechaan kan hundaa, lafa jechaan kan hundaa

Waaqa salgan Booranaa, Waaqa sagaltamman garbaa

Waaqa torban barreentummaa,Waaqa ciicoo gurraattii

Waaqa garaa gurraachaa, Waaqa bokkuu gurraachaa

Guungumaa garaa cabbii, tokkicha maqaa dhibbaa

Limmoo garaa taliilaa nuuf dhaga’i, dhageessu nuuf owwaadhu.

Waaqa macca shananii, Waaqa Gadaa shananii

Waaqa Odaa shananii, Waaqa marcuma shananii

Waaqa bokkuu shananii, Waaqa caffee shananii

Waaqa shanan Gibee, Waaqa shanan Daallee

Waaqa ja’an Sayyoo, Waaqa torban Anfilloo

Waaqa Laaloo Arfanii, nagaan nu bulchitee nagaan nu oolchi

Dogoggora nu oolchi, irraa gora nu oolchi

Tolaa bira nu oolchi, bakkalcha bakkee nuuf godhi

Bakkee nagaa nuuf godhi, biyya nagaa nuuf godhi

Wal bira oolchii nu bulchi.

Eebba qabaadhaa, nagaa qabaadhaa

 Halkan abjuu qabadhaa, ganama milkii qabaadhaa

Guyyaa yaada qabadhaa,Coqorsa ta’aa lafa qabadhaa

Urjii ta’aa Waaqa qabadhaa

Waleensuu korma ta’aa, bu’aafi yaabbii  dhowwadhaa

Ejersa gaaraa ta’aa dagaagaa

Baqadhaa jalaa ba’aa, ari’aa qaqqabaa

Booji’aa mirga qabadhaa , qotaa dilbii tuulaa

Horaa karra guutaa, teessan taa’umsa tolaa,

Ijaajjitan dhaabbii tolaa, deemtan tarkaanfii tolaa.

 Kan fagaate nuuf haadhiyaatu, kan hir’ate nuuf haaguutu

Kan dukkanaa’e nuuf haa ifu, dacheen ofirratti nu habaattu

Waaqni of jalatti nuuf  haalaatu

Kan nu misoomsu Waaqayyo isa haa dhaabu

Kan misooma keenya gufachiisu haa gufatu

Kan baratu qabxii haa argatu, kan nagadu qarshii haa argatu

Biyyi keenya biyya nagaa haata’u

Kana hundumasaa yaa Waaqayyo si ajajne mitii

Si kadhannee nuuf kadhatami.

Ani kanan beekaa Waaqayyommoo narra beeka

Waaqayyo  eebbasaa nuuf  haa kennu.

Gadaan quufaa gabbina.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

7 Comments to “Eebba maanguddoota Oromoo”

  1. Pingback: Khủng bố
  2. Pingback: cardetaling

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *