Bu’aalee hoggansa jijjiiramaatiin argaman ittifufsiisuudhaan biyya ceessisuu

Itoophiyaatti sirna dimokraasiifi walqixxummaa ijaaruuf saboonni, sablammoonniifi ummatoonni Itoophiyaa qabsoo waggoota dheeraa fudhate taasisaniiru. 

Qabsoo sirnoota dhufanii darban waliin taasifame kanatti Oromoon adda durummaan fuuldura bu’ee hogganeera. 

Biyya kanatti otoo kan gararraafi gadii jedhamu hinjiraatiin hunduu walqixxummaan guddachuun dimokraasii dhugaan sirna Gadaa keessaa waraabame duukaa bu’amee, otoo tokko nyaatuu kaan otoo agabuu hinbuliin waliin jiraannaadhaaf qabsaa’e Oromoon. Kunis duudhaadhuma ganamaa Oromootiin kan walqabateedha. 

Biyyi keenya Itoophiyaan boqonnaawwan seenaa danuu dabarsiteetti. Adwaarratti injifannoo addunyaa, keessumaa ummatoota gurraacha ajaa’ibsiise gonfatteetti. Injifannoowwa waltajjiilee ispoortiirratti argamanis maqaa biyyattii daran olkaasaniiru.

Akkuma Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (‘PhD’) gaafdeebii wayiirratti jedhanittis, seenaan kun akkasumatti ittifufee bara 1983 paartiilee maqaa Oromootiin socho’an shan turaniiru. Garuu walmari’achuufi wajjummaan dhaabachuurra waltuffatan. 

Bakka waltuffiin jiruttiifi ilaafi ilaameen hinjirretti ammoo injifannoo barbaadamu bira gahuun hindanda’amu. Abbaan kan ofii hinkabaju taanaan ormi kabajuu hindanda’u, akkuma mammaaksa kan abbaan gaafa cabse ormi ija balleessa jedhamu sanaa. 

Jijjiirama kana milkeessuuf walkabajuun daran murteessaadha. Walkabajuu dhabamnaani waggoota 20 oliif rakkoo guddaa keessa kan turreef. Rakkoo sana keessatti Oromoon qabsoo hadhaa’aa geggeesseera; aarsaa hundi keenya yaadannus kanfaleera. 

Namoonni baay’een ajjeefamanii, hidhamanii, dararamanii biyyaa bahanii, inni kaanis kan jiru fakkaatee jiraachuu dadhabee biyyasaa keessatti bahee galuun cinqii ture, waggoota sadii tura. Oromoo ta’anii abbaa qabeenyaa ta’uun, hayyuu ta’uun biyya kanatti yakka ture.

Qabsoo Oromoo keessatti qabsoon qarreefi qeerroo Oromoo qabsoo dhiigaan barreeffameedha. Qabsoo hidhannoo malee qaama hanga funyaaniitti hidhate wajjin taasifameen injifannoo cululuqaan argameera. 

Kunis dhawaataan ummaticha mirga gonfachiisaa as gahe.  Oromoo qofa miti, naannoleen akka Beenishaangul Gumuzfaas mirgisaanii sarbamee cunqursaa hamaa jala turan. 

Jijjiiramaa as garuu saboonni fedhiidhaan afaan walii barachaa, rakkoo waliirrattis waliif birmataa jiru. Paartiilee shororkeessummaan moggaafamanii turaniifi matayyoonni waanuma qabsoo mirgaa taasisaniif biyyaa baqatanis akka galan taasifameera.

Waldhabdeen Itoophiyaafi Ertiraa waggoota 20f ture, hariiroon alaa burjaajii keessa tures sirraa’eera. Seeronniifi imaammatoonni takaaloon heddus waggoota sadan darbanitti fooyya’aniiru. 

Hidha guddichaa dabalatee pirojektonni barootaaf lafarra harkifataa turan furmaata akka argatan taasifameera. Caasaan raayyaa ittisaa biyyaa, tikaafi nageenyaa dhibbantaa dhibbaan olaantummaa saba tokkootiin qabamee ture haala amanuun hindanda’amneen toora sirrii kan qabate waggoota sadeen darban kana keessatti.

Bitootessa 24 bara 2010 haala mootummoota darban biratti hinbaratamneen hayyoota, paartiilee morkattootaafi dhimmamtoota biyyattii hunda hirmaachiseen, olaantummaa yaadaatiin biyya hogganuun eegalameera.

Egaa milkaa’inoota kunniin eeramanis hanqinoonniifi gufuuwwan hinjiran jechuu waan hintaaneef mirga walqixxummaafi wajjummaan guddachuu dhugaafi qabatamaa jijjiiramaa as dhufe akka qaroo ijaatti tikfataafi kunuunfachaa, waantota hafanirratti ammoo haala qaroomina qabuufi yeroon barbaaduun qabsaa’aa biyyas ta’ee ummata ceessisuun dirqama tokko tokkoo lammii keessumaa abbaa qabsichaafi injfannoo kanaa kan ta’e Oromoorraa eegamuudha.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

15 Comments to “Bu’aalee hoggansa jijjiiramaatiin argaman ittifufsiisuudhaan biyya ceessisuu”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: live bdsm videos
  3. Pingback: Onion Links
  4. Pingback: Profibus cable
  5. Pingback: cam chat
  6. Pingback: look at this now
  7. Pingback: aviator website
  8. Pingback: pg168
  9. Pingback: Steinway
  10. Pingback: casino online
  11. Pingback: situs toto

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *