Sagantaan beekamtii hojii gootittii Koloneel Atileet Daraartuu Tulluun boru geggeefama

Charinnat Hundeessaatiin

Finfinnee: Sagantaan Koloneel Atileet Daraartuu Tulluuf beekamtii kennuu bor, Bitooteessa 19 bara 2013 Finfinnee, Hoteela Iskaay Laayititti ni gaggeeffama.

Atileet Daraartuun ALA bara 1992 Olimpikii Baarseloonaatti gaggeeffameen fageenya meetira kuma 10 Itoophiyaafi Afrikaa bakka bu’uun durbartii meedaaliyaa warqii jalqabaa argamsiifteedha.

Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa pirezidaantummaan tajaajilaa kan jirtu Daraartuun, kanaan alattis dorgommiiwwan Olimpikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa, dorgommii qaxxaamura biyyaa, waancaa ardiilee, shaampiyoonaa addunyaa umrii waggaa 20 gadii, shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaa, atleetiksii addunyaa xumuraa, gooldan liigii, maaraatoonii idiladdunyaafi shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaatiin waliigalatti meedaaliyaawwan warqii 13, meetii 2, nahasiii 1fi dippiloomaa 3 Itoophiyaaf argamsiifteerti.

Atileet Daraartuun kabaja fiigichaan biyya keenyaaf argamsiifteen ala hojii invastimantiinis hoteelotaafi iddoolee bashannanaa hedduu ijaaruun lammiilee baay’eef carraa hojii uumteetti. Kana malees, hojiilee tola ooltummaa hedduu hojjechuudhaan beekamti. Akkasumas sadarkaa Afrikaafi Itoophiyaatti iddoowwan hoggansa adda addaarratti hojiilee jaalatamoofi ijaarsa biyyaaf murteessoo ta’an hojjachaa jirti.

Sababoota armaan olitti ibsamaniifi kanneen birootiin Koloneel Atileet Daraartuu Tulluuf kabajaafi beekamtii maluuf kennuun barbaachisaa ta’ee argamuusaatiin abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen aksiyoonaafi dhunfaan gara garaa buusii gochuudhaan  sagantaa beekamtii kennuu buruu qopheessaniiru.

 Saganticharratti hoggantoonni olaanaan mootummaa, ambaasaadaroonni, hawaasni atileetiksiifi keessummoonni waamichi kabajaa taasifameef kan argaman ta’uu odeeffannoon Komishinii Ispoortii Oromiyaa biraa argame ni ibsa.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013

Recommended For You

9 Comments to “Sagantaan beekamtii hojii gootittii Koloneel Atileet Daraartuu Tulluun boru geggeefama”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: cam sites promo
  3. Pingback: Sevink Molen
  4. Pingback: pgslot168
  5. Pingback: live show
  6. Pingback: kc9
  7. Pingback: plinko
  8. Pingback: 1win
  9. Pingback: pin up

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *