Magaalaa Ambootti qaala’ina jireenya tasgabbeessuuf hojjetamaa jira

Sinqinash Alamuutiin

Finfinne: Waajirri Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Amboo qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjettootasaa kutaalee magaalaa hundarratti bobbaasuun daldaltoota seeraan ala daballii gatii taasisanirratti to’annoofi hordoffii gaggeessuun qaala’ina jireenyaa tasgabbeessaa jiraachuu Waajjira Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Amboo beeksise.

Waajjirichatti ogeessi seeraa Obbo Girmaa Milkeessaa ibsa dheengaddaa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, gatiin midhaanii, kuduraa, fuduraafi meeshaalee ijaarsaa keessumaa simintoon akka biyyaatti daran dabaluun jireenya guyyuu hawaasa magaalichaa ulfaataa taasiseera.

Waajjirrisaanii qaala’iinsa jireenyaa jiruufi jireenya hawaasaa miidhaa jiru tasgabbeessuuf hojii hubannoo uumuurraa eegalee hanga daldaltoota gatii olkaasuun gurguraniirratti tarkaanfiin akeekkachiisa kennuufi dhaabbata daldalaa  cufuu fudhataa jiraachuu ibsaniiru. 

Kanaanis gatiin xaafii adiin kuntaalli tokko duraan qarshii kuma afuriifi dhibba shan  ture wayita ammaa gara qarshii kuma afuriitti gadii bu’ee  gurguramaa akka jiruufi raabsitoota simintoo bulchiinsa magaalaa Amboo keessa jiran nagahee ittin bitaniin hordofuun gatii madaalawaan  akka dhiyeessan to’annoo barbaachisu taasiisaa jirra jedhan.

Warshaaleen simintoo Mugariifi Daangootee kuntaala tokko hanga qarshii 200tti osoo dhiyeessaa jiranii  raabsitoonni garuu  hanga qarshii 700tti gurguraa turuu eeranii, kanaafis wajjiricha akeekachiisa kennuun akka sirraa’u taasisuusaafi kana boodas gatii  madaalawaan akka raabsan gochuu beeksisaniiru.

Akkuma daldaltoonni simintoo bitan jiran kanneen nagahee malee bitan akka jiraachuun bira gahamuus Obbo Girmaan himanii, kanaafis nagahee malee akka hinbitneefi hinraabsine hojiin hubannoo uumuu hojjetameera jedhan.

Gatiin dhaabbataa kuduraafi fuduraaf waan hinkennamneef  akkuma magaalota biroo gatiin kanneenii dabalaafi hir’achaa jira. Gatiin dhaabbataa dhiibuunimmoo tarkaanfii seeraa fudhachuufis ta’e gaaffii hawaasaa deebisuuf guufuu ta’eera jedhanii, meeshaalee bu’uraatiif gatiin dhaabbataa akka fodda dhaabbata daldalaarratti maxxansan gochuun sochiin qaala’ina jireenyaa tasgabbeessuu taasifamaa jiru  salphisuu akka danda’e ibsaniiru.

Qaala’ina jireenyaa kanaaf kan sababa ta’e inni jalqabaa qaamni omishuufi bitu walitti dhufuu dadhabuu jedhanii, sababnisaas daldaltoonni gandatti gadi bu’anii omisha qonnaan bultootarraa sassaabaa jiraachuu addeessaniiru. Kunimmoo kallattiin hawaasni qonnaan bultootarraa bitee akka hinfayyadamneefi walitti hidhamiinsa gabaarratti gufuu ta’uu himaniiru.

Hojjetoonni mootummaa yuniyeenota akka magaalaafi godinaatti jiraniraa akka tajaajilaman hojiin hojjeetamaa jiraachuus ogeessichi ibsanii, waajjirrisaanii hoggansaa hanga hojjetaatti qaala’ina jireenyaa magaalichaa tasgabeessuuf hawaasa keessa galanii kutaalee magaalaa hundatti to’annoo taasisaa jiraachuu beeksisaniiru.

Ummanni yeroo kana mootummaa waliin dhaabbatee daldaltoota seeraan ala gatii meeshaalee dabalan saaxilaa kanneen sababa qaala’ina jireenyaatiin miidhaan irra gahe akka gargaaru dhaamaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013

Recommended For You

11 Comments to “Magaalaa Ambootti qaala’ina jireenya tasgabbeessuuf hojjetamaa jira”

  1. Pingback: ผลบอล
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: ปลูกผม
  4. Pingback: Learn More Here
  5. Pingback: pgslot168
  6. Pingback: Chicken Road
  7. Pingback: plinko
  8. Pingback: Mostbet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *