Waasihun Takileetiin
Finfinnee: Ijaarsa Hidha Haaromsa Itoophiyaa guddichaa saffisaa jiru olola sobaan gufachiisuun kolonii dhokataa gaggeessuuf biyyoonni yaalan lafa jiranirraa sagalee dhageessisaa turaniiru.
Biyyi kamuu qabeenya uumamaan kennameefiitti fayydamuun mirga ta’us alseeronni tokko tokko abbummaa qabeenya uumamaa kana ofii naanneffachuuf wayita kaka’an dhaga’ama.
Itoophiyaan ijaarsa hidha haaromsaa guddicha guyyaa wixintee kaastee biyyoota muraasaan ija hamaan ilaalamaa kan turte yoo ta’u biyyoonni kunneen har’allee tasgabbaa’uu caalaa seeraan ala yaada naaf mala jedhuun burjaajii uumuuf yaalaa jiru.
Itoopiyaan garuu alseerota qabeenya uumamaasheetti boo’an kana afaan qabachiisuuf ijaarsa hidhichaa humnaaf ogeeyyota qabdutti fayyadamuun saffisiisaa xumurarra kan jirtu yoo ta’u olola diinaa kanas dippiloomaasiin hiikuuf guyyuu cichitee hojjetaa jirti.
Biyyoonni akka Misirimmoo imala hidha haaromsichaa gufachiisuuf olola kijibaa biyyattiirratti afarsaa dhaabbileen gara gara gargaarsa akka hingoone ijaarsichi akka addaan citu shira xaxaa turaniiru.
Ummata Itoophiyaa sagalee dhabe kanaaf sagalee ta’ee kan tajaajilu goota dacheen Oromiyaa biqilchite Araba keessatti sagaleesaa dhageessisuun ololtoota afaan qabachiise Oromticha ilma warra Baalee Mohaammad Kamaal Alaarusiiti.
Goonni kun Itoophiyaanotaaf sagalee ta’uun ilalcha kijibaa biyyoottan kanaa doomsuun ijaarsichi akka itti fufuufi mootummoonni addunyaa akka beekaniif hojii hubannoo uumuu afaan Arabaan hojjeteen jijjiirama argamsiiseef mootummaa Itoophiyaa biraa beekamtiif galanni kennameeraaf.
Namni kun imala Itoophiyaa badhaate ijaaruuf taasifamu waliin hiriiree hojjecuuf kaadhimamaa ta’ee dorgomuuf murteessuu gaazexaa Bariisaaf ibseera.
Mohaammad Alaarusii beekamtiifi galata mootummaan Itoophiyaa kenneefii kanatti gammaduun beekumsaafi humna qabuun biyyasaaf hojjechuuf fedhii isa keessa buleen dirree siyaasaatti makamuu beeksiseera.
Yeroo ammaattis paartii Badhaadhinaa bakka bu’uun finfinnee keessatti kaadhimamaa ta’ee dorgomuuf qophiirra jiraachuu kan ibse Mohaammad biyyasaaf hojjechuuf malee fedhii aangoo tokkollee akka hinqabne ibseera.
Akka ibsasaatti namoonni tokko tokko Mohaammad erga biyya seenee dhiyoo waan ta’eef lammummaa Itoopiyaa hinqabu jedhamee wanni odeeffamu kijibadha.
Mohaammad Alaarusii Oromticha ilma warra Baalee ta’uusaa himuun dachee Arabaarratti dhalatus lammummaansaa Itoopiyaa sabummaansaa Oromoo waan ta’eef kaadhimamaa ta’ee dorgomuuf galmaa’uu ibseera. Yeroo ammaattis sagantaa badaadhinni qabatee deemu akka isa malaalche himee imala federaalizmii sabdaneessaa dhugaa lafa qabsiisuuf eegalame cimsuuf mootummaa wajjin hiriiruun akka hojjetu beeksiseera.
Paartiileen maqaa Oromoon hundaa’anii socho’an hedduu ta’uullee kan kaase Mohaammad hunduu ijaarsa biyyaaf kan socho’aniifi qaama keenyadha jedhee jajjabeeffamuu akka malan yaadachiiseera.
Filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaa kunis haqa qabeessaafi hirmaachisaa akkasumas, karaa nagaa ta’een akka xumuramuuf hunduu tumsuu akka qabu gaafateera.
Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 11/2013
6 Comments to ““Biyyakoof hojjechuuf malee fedhii aangoo tokkollee hinqabu” -Mohaammad Kamaal Alarusii”