Teknolojiin namaan kalaqamee namuma garboomfate

Interneetiin cimda (‘network’) danuu kaadima (‘servers’) keebilootaan guutummaa addunyaarratti walqabataniidha. Yeroo jalqabaatiif akkaataa itti odeeffannoo takkaadhaan dabarsuun danda’amu nama Li’oonaardi Kileeyinrok jedhamuun Caamsaa 31 bara 1961 wiixineesaa beeksifame. Ittifufuunis emeeyiii ALA bara 1972 nama Ray Tomlinson jedhamuun eegalame. Inni kun ilmaan namootaaf kallattii qunnamtii seenaa keessatti adda ta’e uume.

Yeroo ammaa interneetii addunyaa kanarraa namoota biliyoona 3.2 ta’antu ittifayyadama. Namoonni kunniin akka sabqunnamtii, daldalaafi kkf yeroo ittifayyadaman jireenyasaanii, hojiifi haala daldalaa heddumminaan geeddareera.

Egaa barri kun wantoota garaa garaatiin yoo beekamellee yeroo kamuu caalaa bara namoonni salphaatti odeeffannoo argatan keessa jirra. Interneetiirraa yaada barbaanne argachuu dandeenya, firoota keenya wajjin walarginuun salphaadha, ergaa fagoottis ta’e dhiyootti maallaqa salphaadhaan namoota qaqqabsiisnu, namoota wajjin walarguu, haasa’uufi kkf ilmaan namootaatiif mijeesseera.

Namoonni fagoo akka ollaatti waliin jiraataa jiru. Ummanni salphaatti waliin haasa’uurraa kan ka’e akka walitti dhiyeenya qabaatuufi gama misoomaanis jijjiirama fideera. Sababiinsaas daldala keessatti, interneetiin daandii ittiin omisha beeksifatan, mariiwwan garaagaraa geggeeffatan ta’uun shoora guddaa taphataa jira.

Faayidaan interneetii hedduu ta’ullee miidhaas ni qabaata. Ittifayyadamuus ta’e ittiin of miidhuun garuu harka keenya keessa jira. Beekuu kan qabnu interneetii dhabamsiisuun yookaan ittifayyadamuu dhiisuun gonkumaa kan hin yaadamneedha. Egaa miidhaafi faayidaasaa hubachuun miidhaasaarraa fagaatanii faayidaasaarratti xiyyeeffachuun murteessaadha.

Bara amma keessa jirrutti interneetiin biyya lafaarratti warraaqsa addaa jireenya ilmaan namootaarratti fideera. Addumaan yeroodhaa gara yerootti gatiinsaa gadi bu’uufi bakkawwan hundatti argamuunsaa namoonni haala salphaadhaan akka itti fayyadaman ta’eera.

Barattoonnis ta’e dargaggoonni kaan namoota biraa wajjin haasa’uuf, fakkii gaariis ta’e hamaa, fiilmiiwwan, barreeffamoota adda addaa kan qorannoofi hojiisaanii keessatti isaan gargaaru hunda karaa ittiin argatan ta’eera.

Akka qorannoon addeessutti barattoonni guyyaatti si’a tokko interneetii kan fayyadaman yoo ta’u, torbanitti hanga sa’aatii 8.1 interneetiirratti ni dabarsu. Biyya keenyatti ji’atti namni tokko giddugaleessaan hanga qarshii 500 baasuun akka interneetii fayyadamu hubachuun danda’ameera.

Darbees interneetiin namoota adda addaa wajjin walarguu, bakka kanaan dura salphaatti hingeenye hanga libsuu ijaatti ga’uu akka danda’aniif haala mijeesseera. Ergaa dabarfachuuf mana poostaatti marmaaruu jalaa nama oolcheera. Xalayaan maallaqa guddaadhan ergamaa ture karaa emeeyilii maalaqaafi yeroo salphaadhaan namoota kumaatamaaf ergan takkaa erguun danda’ameera.

Barreeffamaafi qorannoowwan adda addaa salphaatti hojjechuuf yaadaafi wantoota barbaachisoo salphumatti akka argannu gochuurratti interneetiin faayidaansaa guddaadha. Namoonni daldala qaban, walga’iiwwan gara garaafi oduu haaraa akkasumas beeksisoota yeroo gabaabaafi horii salphaan namoota hedduu biraan ga’aa jiru.

Akkasumas interneetiin barattootaaf, dargaggootaafis ta’e namoota kaniif araa kuusaa odeeffannooti. Odeeffannoo barbaadan haala salphaa ta’een argachuufi dandeettiisaanii bakka ittigabbifataniidha. Kanaaf interneetiin daandii ittiin barattoonni ykn fayyadamtoonni dandeettiisaanii ittiin fooyyeffatan, barnoota irraa argataniidha.

Kana qofa utuu hintaane namoonni utuu hinnuffin akka baratan gochuu keessatti interneetiin faayidaa guddaa qaba. Sababiinsaa interneetiitti fayyadamuun fakkiifi sochiiwwan gara garaa argisiisaa barsiisuun akka namoonni gammadaa baratan godha. Inni kun immoo akka isaan waan baratan hinhirraanfanne gochuu keessatti bu’aa guddaa qaba.

Bifa salphaa ta’een akka barachuu danda’aniifi odeeffannoo barnootaa akka namoonni argachuu danda’aniif shoora guddaa taphateera. Ofiisaaniitiinis akka baratan, qorannoo barbaachisaa gochuu akka danda’aniif carraa baneera.

Warra kitaabota gara garaa hinarganneefis bifa ittiin odeeffannoo gaarii argachuu danda’an ta’eera. Karoora adda addaa hojjechuuf caasaa barbaachisu utuu yeroo hinballeessin akka hojjetaniif ilmaan namaa gargaareera.

Waa’ee mootummaafi haalota adda addaarratti odeeffannoo barbaachisaa, oduu yeroo, kitaaabota maxxaanfamaniin alatti burqaa irraa barachuun danda’amuudha.

Interneetiin madda galii ta’uudhaan namoonni akka isaan hojii dhabiinsa keessaa ba’aniif nigargaara. Warri interneetiifi mar-sariitii hojjechuu danda’an akka isaan horii argataniif daandii galii ta’eera. Daldala addaa addaatiif salphaatti horii utuu hinballeessin waan fedhan akka hojjetaniif, baankiifi hojii daldalaa keessatti bu’aan isaa daran guddaadha.

Haa ta’u malee ittigaafatamummaan hinfayyadamnu taanaan miidhaan isaas akkasuma. Ofis ta’e namoota biraa miidhaa guddaaf saaxila baasuu hinoolu. Kanneen armaan alitti ilaalle kana duubaan kan dhaloota miidhan, kan gufachiisaniifi karaa irraa kaachisan baay’eedha.

Bara kam caalaa hamminni gaarii jala riphee faca’uun isa gaarii booressaa kan jiru ergaan hamaan hanga dhaloonni adda hinbaafanneetti kan dhaloota miidhan heddummataniiru. Isaan kun ammoo dargaggootarratti kan xiyyeeffataniifi dhiibbaa hamaa kan irratti geessisaniidha.

Namootni keenya yeroo mammaakan “Makaraa fuuloo saree itti kaa’an ninyaatti ittii fuudhan nikaatti” jedhu mitiiree? Teknolojii irraa fagaachuun hindandaa’amu. Akka rakkoo tokko hinqabneettis ilaaluun gowwummaadha. Kanaaf sirriitti faayidaafi miidhaasaa adda baafatanii isa gaarii ittifayyadamuufi isa hamaa irraa of qusachuun barbaachisaadha.

Akkuma armaan olitti ilaalle teknolojiiwwan jiranitti yoo sirriitti ittifayyadamne bu’aansaanii danuudha. Haa ta’u malee karaa biraa ammoo yeroo kam caalaatti daandii ittiin dhalootni mancaa’an ta’aa dhufaniiru.

Dhalootni daandii ittiin xuraa’ummaaf saaxila baa’an, maqaa hammayyuummaatiin liqimsamaanii safuu wallaaluun wanta gaarii qaban gatan ta’eera. Gaa’elli namoota hedduu dhumnisaa jalqabasaarraa daran fokkisaa jira.

Sobni babal’ateera. Jibbaaf daandii ta’eera. Dhalli nama hojii harkasaatiin garboofatamaa jira. Dhugaansaa garuu kanarraa adda ture. Birmadummaa dhalootaaf faayidaa guddaa qaba jedhamee tilmaamame ture. Haa malee kalaqni danuun akka yaadaman qofa utuu hinta’in rakkoolee hedduuf daandii ta’aniiru.

Miidiyaaleen hawaasummaa dhaloota galeeyyii qopha taasiseera. Daa’imni danuun interneetirratti yeroo dabarsuun barumsatti akka yaadaman akka hintaane taasiseera.

Yeroo ammoo yoo xiqqaate saafelotni umuriin isaanii ganna 12-15 ta’an dhibbeentaan 75 ol biyyoottan guddatan jedhaman dabalatee miidiyaalee hawaasummaa irraa kan ka’e jireenya isaanii irratti miidhaa guddaa akka fide qorattootni ni addeessu.

Akkasumas saafelotni umuriinsaanii ganna 12-17 gidduu jiran dhibbeentaan 92 ol ta’an giyyaatti si’a tokko akka interneeta fayyadaman, dhibbeentaan 56 ta’an ammoo guyyaatti irra deddeebi’anii akka interneetii fayyadaman, dhibbaantaa 24 kan ta’an yeroo dheeraaf akka interneeti irra oolan agarsiisa. Kanaaf saafelotni umuriin isaan 12-17 gidduu jiran hunda caalaa akka interneetii fayyadaman dubbatu.

Inni kun tarii biyya ormaa qofatti kan quba qabnu utuu hinta’in mana namoota hundumaa seeneera. Bilbilsochootuu baannu keessa balaaf kan dhaloota saaxilu hanga daqiiqaa hinguunnetti barbaacha salphaatiin argachuu dandeenya.

Fiilmiiwwa gara garaa kan saafeloonni ilaalan, dhagilaal (tv) irratti sagantaaleen gadi dhiifaman, akkasumas fakkiifi suurri garaa garaa kan xuraa’ummaafi badii addaa addaaf dhaloota saaxilan yeroo keenya bara kamirraa adda nibaasa.

Akkuma beekamu bara kam caalaa bara keessa jirru kana teeknooloojiin dahatee hojiin hamminaa bara itti baballatee, hubannaa namoonni dhugaaf qaban gadi bu’ee, xuraa’ummaan ilmaan namootaa mo’achuun hanga kornaaya (gender) isaanii mana yaalaatti geeddarachuun dhiirri gara dubartiitti jijjiiramee dubartiin ammoo dhiira ta’uuf yaalturra geenyee argaa jirra. Inni kun ammoo sababa babal’achuu yakkaa, diigamuu maatii, kufaatiii safuu (seexaa), sababa xuraa’ummaan akka qaroominaatti lakkaa’amu taasiseera.

Kanarraa kan ka’e maatiin diigamee mucoolii baay’een bultiifi jireenyisaanii karaarra ta’eera. Baay’eenis amala biyyoota lixaarraa fudhataniin miidhamni hedduun irra ga’aa jira. Akka qorannoowwan gara garaa addeessanitti Finfinneetti sodoomummaan (‘homosexual’), manneetiin qullaa itti sirbaniifi qullaasaanii argisiisan (‘pornography’) baay’achuu, ejji karaarratti, konkolaataa keessatti hanga tilmaamamuun ol babal’achaa jiraachuu mul’isa.

Kanarraa kan ka’e ulfi hinbarbaachifne, maatiin walhiikuun, machiin, barattoonni mana barumsaa dhiisanii hojii ciiggasisaa keessatti hirmaachuufi xuraa’ummaafaan baay’achaa akka jiru addeessa.

Hundumarra ammoo jireenya hamaa kanaaf kan saaxilamaa jiran dargaggoota ta’uun kan nama yaachisuudha. Umurii kanatti tarii baay’eensaanii araada hamaaf saaxilamuun misooma biyyaafi jireenyasaanii gara fuula duraarratti rakkoo guddaa isaan mudatu yeroof hinhubatan ta’a.

Rakkoo kanaaf furmaanni egaa nama tokko lama miti. Manneetii amantiirraa eegalee hanga maatiifi manneetii barnootaatti akkasumas gama mootummaatiin ga’ee guddaatu eegama. Namootnis akka dhuunfaatti ittiyaaduun barbaachisaadha.

Bulchitoonni, qaamni nagaa eegu, geggeessitoonni waajjiroota adda addaa, namoonni maqaa gargaarsaatiin biyya seenaniifi kkf dhaloota kanaaf fakkeenya gaarii ta’uun dhaloota oolchuu keessatti shoorasaanii xabachuufi hojii xuraa’ummaa keessatti hirmaachuurraa of qoqqobuun dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uun murteessaadha.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 4/ 2013

Recommended For You

198 Comments to “Teknolojiin namaan kalaqamee namuma garboomfate”

  1. Pingback: ไก่ตัน
  2. natural remedies for ed [url=https://drugs1st.store/#]mens ed pills[/url] best pills for ed

  3. mexico drug stores pharmacies [url=http://mexicanpharm1st.com/#]buying prescription drugs in mexico[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  4. medicine in mexico pharmacies [url=https://mexicanpharm1st.com/#]mexico pharmacies prescription drugs[/url] mexican mail order pharmacies

  5. indian pharmacy online [url=https://indianpharm1st.com/#]п»їlegitimate online pharmacies india[/url] Online medicine order

  6. pinco [url=https://pinupzerkalo.fun/#]бонусы пин ап[/url] пин ап казино

  7. пины [url=http://biznes-fabrika.kz/#]пин ап казино онлайн[/url] pin up kz

  8. sweet bonanza nas?l oynan?r [url=https://sweetbonanzatr.pro/#]sweetbonanzatr.pro[/url] sweetbonanzatr.pro

  9. пин ап [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пинко[/url] Официальный Сайт

  10. mexican pharmaceuticals online [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  11. mexican border pharmacies shipping to usa [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  12. mexican border pharmacies shipping to usa [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  13. mexican rx online [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharmacy[/url] purple pharmacy mexico price list

  14. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  15. deneme bonusu veren siteler betturkey [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler betturkey[/url] deneme bonusu veren siteler yerliarama.org

  16. deneme bonusu veren siteler betturkey [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]denemebonusuverensiteler.top[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com

  17. en kazancl? slot oyunlar? [url=https://slot-tr.online/#]en kazancl? slot oyunlar?[/url] slot oyunlar?

  18. Deneme Bonusu Veren Siteler [url=https://casinositeleri.win/#]Casino Siteleri[/url] Casino Siteleri

  19. deneme bonusu veren yeni siteler [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com[/url] deneme bonusu veren siteler yeni

  20. rybpharm rybelsus [url=http://rybpharm.com/#]buy rybelsus online usa[/url] buy rybelsus rybpharm

  21. best ed pills online [url=https://erepharm.com/#]best ed pill ere pharm[/url] best ed pill ere pharm

  22. buy kamagra oral jelly Kam Pharm [url=https://kampharm.shop/#]kampharm shop[/url] cheapest Kamagra Kam Pharm

  23. п»їbest mexican online pharmacies [url=https://mexicanpharmgate.com/#]mexico pharmacy[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  24. reputable mexican pharmacies online [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexican drugstore online[/url] mexico pharmacies prescription drugs

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *