
Haalli ammaan tana biyyi keenya keessa jirtu yeroo ciniinsuu fakkaata. Diinonni biyyattiif ciisanii bulanii hinbeekne oduu jettejettee hafarfamurraa ka’uun biyyattiifi ummatashii nagaa dhorkuuf waan kutatanii kaka’an fakkaatu.
Kanaanis karaa guddinaafi misoomaa biyyattiin qabattee arreedaa jirturraa maqsuuf waan danda’ameef hunda diratanii socho’aa jiru.
Masaanuuwwan toorri gaariin biyyattiin irra imalaa jirtu inaafsise harcaatota adda addaa alaa keessaa walfunaananii biyyattiifi ummatashii ciniinsuu himalle keessa galchuuf wixxirachaa jiru.
Haala biyyattiifi adeemsa jiru kan hubatan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, haala akkanaa keessa darbuuf ciniinsuurratti otoo hintaane dhalarratti xiyyeeffannee yoo imalle bu’a qabeessa ta’uu dandeenya jechuun ibsan.
Yeroo baay’ee rakkooleefi dhiphina qofarratti otoo hintaane bu’aasaarratti xiyyeeffannee deemuu qabna. Humnoonni akka Itoophiyaan bittinnooftuufi diigamtu barbaadan ni jiru. Yeroo kanatti oggaa rakkoon uumamus ni hubatama. Garuu rakkina kamiifuu otoo hinjilbeeffatiin keessa darbanii bu’aasaa bira qaqqabuu tataafachuun dirqama; waan gaarii ciniinsuufi rakkinicha booda jirurratti xiyyeeffatanii ce’uun ijaa danda’amuuf.
Akkuma dhimma kana Doktar Abiyyi mudannoo wajjin walqabsiisanii, “Yeroon hojiif gara biyyoota Awurooppaa deemetti namni wayii Itoophiyaa bituun kan danda’amu yoo qoqqooddeedha. Ati ammoo saba ummata danuu qabu keessaa argamte waan ta’eef qoqqooddee bituuf sii mijata; ati garuu tokkummaa jetta, otoo qoqqooddee bituun sii mijatuu naan” jechuun ibsan qoqqooddii diinni qopheesseef tasumaa ulaa banuun hinbarbaachisu.
Egaa keessumaa ammaan tana qaamoleen ummata qoqqooduu barbaadaniifi qarriffaa qaratanii socho’aa biyyattii ciniinsuu hinmalle keessa galchuuf mumunyuuqan waan jiraniif ciminaan keessa ce’anii bu’aasaa bira qaqqabuu manii godhatanii dhaabachuun dirqama.
Haleellaan tibbana qaamoleen dhiiga xuuxuu baran ciniinsuu biyyattii caalaatti hammeessuuf Godina Gujii Lixaafi Naannoo Kibbaa, Aanaa Amaarootti akkasumas Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti raawwachuun labbuun lammiilee qulqulluu galaafatan kanaaf agarsiistuu waan ta’eef ummanni biyyattii akkuma barame irreesaa tokkoomsee gocha badii kamuu ofirraa faccisuun irraa eegama.
Egaa gidiraafi boo’ichi lammiilee furameefi dhaabatee, ciniinsuunis gabaabbatee dhala eegamu bira akka ga’amuuf ummannis mootummaa wajjin ta’ee nageenyasaatiif wabii ta’uu qaba.
Bariisaa Bitootessa 4 Bara 2013
15 Comments to “Ciniinsuurra dhalarratti xiyyeeffachuu”