Guraandhala 23 ilaalchisee wanti hinhaalamne ni jira.
Dirree waraanaarratti waraanni ummata gurraachaa waraana ummata adii Awurooppaa mo’ateera. Waraanni ummataa kan Xoobbiyaa waraana Xaaliyaanii hinjifateera. Waranni ogummaa hinqabne kan ummataan socho’u waraana ammayyaa kan meeshaa ammayyaa hidhaterra aaneera. Kanaaf akka guyyaa injifannootti kabajama.
Akkuma baroota taranii baranas Kibxata darbe ayyaanni kun kabajameera. Yaadannoon waggaa 125fa ta’eera. Kabajamuun ayyaanichaa sirriidha. Garuu haala itti kabajame ilaalchisee wanti gaaffii uumu tokko tokko taajjabaan ture.
Kabaja ayyaana baranaa keessattuu kan Magaalaa Finfinnee wajjin walqabatee wantoonni gaaffii namatti uuman hedduudha. Ayyaanni kun magaalaa Finfinnee keessatti bakka lamatti sirna ho’aadhaan yaadota gara garaatiin kabajame.
Gareen tokko kan ilaalcha walfakkaatu qabu Goorgisii bakka siidaan Minilik jiru, bakka Oromoon Boora Araadaa jedhee waamutti, kabaje. Kan biraa Waltajjii Masqalaatti. Qoostonni maqaa moggaasaniifiiru. Kan siidaa jalaa “Adwaa Xoobbiyaa”, kan Waltajjii Masqalaa “Adwaa Oromiyaa” jechuudhaan. Kan naannoo Amaaraas “Adwaa Amaaraa” jedhanii osoo itti dabalanii gaarii ture.
Bakka Siidaa Minilikitti pirezidaantiin biyyattii, gootonni duruu, dippilomaatonnii kabajaa argamaniiru. Bakka namoonni guguddaan jiran kanatti ammoo haala faallaa mootummaa ta’een warreen seeraan ala alaabaa lummuxii qabatanii akkuma itti bare azmaariifi masiinqoon dhaadatantaa turen.
Sodaattonniifi gadheewwan gaafa qeerroon sirna Wayyaanee kokkee qabee kuffisu, akkuma gaafa Adwaa sana dhokatan, har’a abbaa injifannoo of fakkeessanii yoo fokkoran arguu caalaa kan nama ajaa’ibsiisu hinturre.
Dhaamsi gareen alaabaa lummuxii kun dabarsaa turan kan garee waltajjii masqalaa wajjin kan walitti bu’uudha. Warri dubbiin hingaliniif kun “Shaggar Finfinnee hintaatu” jechaa oolan; Shaggaris Finfinneenis maqaa Oromoon magaalaa guddittii byyattii ittiin waamu akka ta’ellee hinbeekan. Ajaabi’a!
Ayyanicha kabajuun mirga. Qaamni ayyaanni kun kiyya qofa jedhus jiraatuu hinqabu. Injifannoo wareegama lubbuu sabaafi sablammiitiin waan argameef. Garuu kaayyoo ayyaanichaa bira taranii, ayyaanicha da’eeffatanii mirgoota sabaafi sablammii xuquun sirrii miti. Qaama biraa arrabsuun naamuusaa miti.
Dhaamsa walitti dhufeenya sabaafi sablammii jabeessu dabarsuurraa yaada gargar qoodu, kan nama waljibbisiisu dabarsunillee faayidaa hinqabu. Kanaafan maniin ayyaanicha kabajuu bakka akeekameef gahee? jedhee gaafadheef.
Garee biraa ayyaana kana Finfinneetti kabaje garee Oromooti. Gareen kun naannwa waltajjii masqalaatti ayyaanicha kabaje. Bool’asaa nadhiin haa guuttuu; waggaa lamaan baranaa Hacaaluun naannwa kantti waan aj’aaibaa mulisee ture.
Bara’nas haga fardi lafa buqqisutti Oromoon walitti bahee akka kabaju taasisame. Asitti alaabaan mootummaa federaalaa bal’inaan mul’ateera. Abbootiin fardaa, fardoota babbareedaa mi’a fardaatiin kuullamanfi uffata gootumm’aa mul’isu babbreedaadhaan ayyaanicha kabajaniiru.
Waan arrabaafi jibbaa keessatti hinagarre; hindhageenye. Kun amalafi namuusa gaariidha. Oromoon gaafa lola Adiwaa callisee hojiisaa hojjate malee hindhaadanne. Sobaan qabaa-gadi nalakisaa hinjenne. Garuu waantokko waan dhaammate natti fakkaata; abban Finfinnees ta’ee Shaggar eenyu akka ta’e.
Kabajinni ayyaana kanaa ajandaa miidiyaa idileefi miidiyaa hawaasaa ta’eera. Ajandaa dubbii geejiba keessaafi mana dhugaatiillee ta’eera. Miidiyaaleen jaraa hunduu seenaan sobaa kanaan duraa sun akka hinjigne wawwaataa turaniiru. Warri mana dhugaatii oolanis waan itti fakkaate diddiganiiru.
Warri geejiba keessaas akkasuma. Kan haala gaariin ilaalu akkuma jiru kan shakkiin itti uumames jira. Kan gammade qofa osoo hintaane kan dammaqes ni jira. Dhimma walitti qoosuufi dubbii walbalaaleffachuu bakki itti ta’e ni jira. Dhimma kana ilaalchisee fakkeenya tokko tokko haa kaasu.
Ayyaana kanaan walqabatee hayyuufi beekaan Oromoo baay’een gaaffii qabu. Dhuguma gahee Oromoon injifannoo Adwaa keessatti qabu calaqqisiisuufi moo namticha Oromoon akka weeraraatti ilaalu, atsee Miniliik, faarsuuf haala mijeessuudha warri jedhanii qeeqan jiru.
Faallaa kanaanimmo “Oromoon seenaa nuti hojjanne, hoogganneefi itti dune saamuufi” jedhanii waari waakkatan hedduudha. Warri dhugaan itti bitaacha’emoo “Oromoon Atse Minilik jibbaa seenaa inni hojjate akkamitti faarsa?” jedhanii gaaffii kaasu.
Qarqaratti bahanii “Minilik jibbanii ayyaana Aadiwaa kabajuun gonkumaa hindanda’amu” kan jedhanis sagaleesaanii dhageessisaniiru. Kanaaf maal jenna? Ayyaanichi tokkummaa uumaa jira moo garaagarummaa bal’isaa jiraa? gaaffiidha.
Ayyaanichi Naannoo Amaaraattis alaabaa lummuxiin aguugamee kabajameera. Pirezidaantoonni naannolee guguddoo lamaanii, kan Oromiyaafi Amaaraa, haasofti kabaja ayyaanichaarratti taasisan dhaamsa adda addaa of keessaa qaba.
Obbo Shimallis Finfinnee Addababayii Masqalaarratti Oromoo hiriirsanii waa’ee tokkummaafi Xoobiyummaa faarsaa turan. Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Baahirdaarirratti haasawa olaantummaa Amaaraa ibsu gochaa turan. Humni addaafi milishaan naannoo Amaaraa humna kamuu ofirraa dhorkuu akka danda’u dubbataa turan.
Ana waniti gaafii natti uume waan tokko. Ummanni biyya tokkoo ayyaana tokko, kan waliiin qaban, magaalaa tokko keessatti bakka lamatti qoodee akkamitti kabaja kan jedhuudha. Yaadawwan waldhiitaa jiran walitti araarsuun bakka tokkotti kabajuuf maaliif hin yaalamne? Jedhee nama wajjin mari’achaan ture.
Ammas biyya kana keessa yaadawwan walitti araaramuu hin danda’amne akka jiru walii galle. Kabajich ayyaan bakka adda addaa kan dubbi gargarii ofkeessaa qabu kanuma mul’isa.
Keessattuu yaadni Sidaa Minilik jalaa yaada Waltajjii Masqalaa wajjin walitti araarsuun rakkisaa akka ta’eedha. Warri siidaa minilik jalaa achii takkuu tokko akka hin siqne beekamaadha; yaadanis gochaanis. Oromoonis yoomiyyuu Siidaa Minilik jalatti hiriiree ayyaaneffata jedhee hin yaadu. Kun yaada biyya kana keessatti yeroo dheeraaf walitti araaramuu dadhabeedha. Gara fuulduraa walitti araaramaa laata? Akkamitti? Gaaffiilee yeroon hiikuudha.
Biyya kana keessatti wantoota dhugaa ta’an ni jiru. wantoonni ummanni yada waliigalteerra hin gahinii ni qabu. Isaan keessaa tokko seenaadha. Haala seenaan biyyattii itti barreefame. Inni biraa alaabaadha. Inni biraa hoggantoota biyyattiirratti ilaalcha jiruudha. Ummanni, sabaafi sablammiin seenaa dalaganii darbaniiru. Warri seenaa barreessenamoo, hundas ta’uu baatan, seenaa dogogorsaniiru.
Seenaan jallatee barreeffamaa waan dhufeef dhaloonni qaroomeefi kan beekumsaan bocamee seenaa kaleessaa sana irra deebi’ee “maaliif?” jedhee gaafachaa jira.
Seenaa sana keessatti gaheesaa barbaadaa jira. Inni kaleessa jalisee seenaa sobaa ykn dharaa tuulaa bahe tuulaan sobaa sun akka diigamu hin barbaadu. Kunimmoo haga yoomitti itti fufa? Garaagarummaa guddaa akkanaa biyya ijaaruun danda’amaa?
Injifannoon Adwaa ummattoota kolneeffatamaniif ummata gurraachaaf dhaamsa guddaa qaba. Seenaa ittiin boonamuudha. Abbaan injifannoo kanaa sabaafi sablammii biyya kanaati. Silaa injifannoo cululuqaan akkanaa kun ijaarsa biyyaatiif moodeelii gaarii ta’a.
Garuu warri carraaniifi deeggersi biyyoota Awuurooppaa aangoo biyya hoogganuu kenneef walaalummaafi doofummaan akkasumas oftuultummaan carraa kana maseensan.
Kan lolee diina ajjeese ulfinaafi beekamtii gaafa dhabu, gaafa tuffatamu, gaafa maqaan jijjiiramu… gaafa gidiraan marsaa biraa ummata gootonni Adwaa keessa maddan sana hacuucuufi ofirraa dhiibuu eegalu gaafiin “ani eenyu?” jedhu dhaloota biratti ka’uu eegale.
Hayyuufi beekaan saba cunqurfamaa keessaa bahan” edaa koloneeffataa Adii qofa malee gurraachis ni jiraa?” jedhanii gaafachuu jalqaban. Gaaffiin abbaa biyyumaa ajandaa guddaa ta’ee bahe hanga ammaatti biyya raasa.
Dubbii haa golobu. Adwaa jala lafee sabaafi sablammiitiin dhaabbatan. Biyyoo Adwaa keessa dhiiga sabaafi sablamiitu makamee jira; keessattuu kan gootota Oromoo. Lafeefi dhiiga namaa qofa osoo hintaane kan fardeen Oromoo Aduwaatti hafee jira.
Kanaaf, inifannoon Aduwwaan lafa qofaan osoo hin taane lafee itti caccabeefi dhiiga itti dhangala’een madaalamuu qabdi. Yoo ija kanaan xiinxalme injifannichi kan sabaafi sablammootatti malee kan sabaa tokkoofi lamaa miti. Kan nugusichaa qofas miti.
Kan ummata amma daangaa Xoobbiyaa keessa jiruuti. Osoo akka tasaa ta’ee biyyi kunillee adda qoodamtee injifannoon kun kan biyyootaa ta’ee ittifufa malee qaamni tokko seenaa dabsuun ykn abshaalummaan yoomiyyuu fudhachuu hindanda’u.
Bariisaa Guraandhala 27/2013
One Comment to “Kabaja ayyaana Injifannoo Adwaa waltajjiiwwan lamaa”